Humnaan deemuun hinta'u!



Finfinee Amajjii 10,2015(YMN) Kan humna abdate eessumayyuu ga'uu akka hindandeenye beekamaadha.Humnaan deemuu mannaa mala fayyadamuutu gaarii ta'a.Humnaan deemuun miidhama baay'ee fideera.Humnaan deemuun dadhabbii malee bu'aan qabatamaan argamsiisuu danda'u hinjiru.Kun ammoo adeemsa darbe keessatti mul'ateera.
Kan humnaan deemu lubbuu balleessa,qabeenya ifaajii waggoota hedduutiin horatames barbadeessa.Kanaaf humnaan deemuu irraa of qusachuun,adeemsa mariifi araaraatti deebi'uun dhimma murteessaa ta'eera.
Kanaan dura carraan araaraa TPLF'f kenname Shaneefis kennamuu qaba jedhamee gaafatamaa ture.Gaaffiin kun gaaffii sirriifi barbaachisaadha.Mootummaan gamasaatiin qaama gurmaa'ee dhufu kamiifiyyuu balballi araaraafi marii banaadha jechuun mirkaneesseera.Kana jechuun bibittinnaa'anii godinaan walqoodanii wanti ta'u akka hinjirre mul'isa.
Carraa kanatti fayyadamuun barbaachisaadha.Shaneen Saba Oromootiif kan qabsaa'u yoo ta'e haqa kana hubachuudhaan gara waltajjii araaraatti dhufuudhaan ummata haara galfachiisuutu irraa eegama.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa tibbana ummata godina Wallagga bahaa wajjin magaalaa Naqamteetti wayta mari'atanitti fedhiin hawaasaa maal akka ta'e hubatameera.Ummanni nagaafi misooma akka barbaadu mamii malee yaada kenneen mirkaneesseera.
Fedhii hawaasni qabu kana guutuun barbaachisaadha.Mootummaan humnan qaba jechuun tarkaanfii shanee irratti eegale itti fufuuf fedhii akka hinqabne mirkaneesseera.Carraa kanatti fayyadamuun dhimma murteessaadha.

Ijoolleen Oromoo maqaa qabsootiin caasaa Shaneetti ilaalchaanis gochaanis makamtan haqa kana qalbeeffachuutu isin irraa eegama.Qabsoon taasisaa jirtan ummataaf taanaan lubbuun namaa darbuu hinqabu,qabeenyis barbadaa'uu hinqabu.Kanaaf araaraan nagaan akka bu'uuf shoora gama keessanii gumaachuu qabdu.
Mootummaan yaada araaraafi marii kana tolee jedhee kan fudhate humna waan dhabeef ta'uu danda'a jettanii yaaduudhaan of hingowwoomsinaa.Mootummaan Itiyoophiiyaa kan kanaan duraa caalaa humna ol'aanaa akka horate beekamaadha.Mootummaan humna utuu qabaachuu baatee waayyaanneen biyyaalee lixaatiin harki irra qabamee 'aadaa waraanaa qabna,nuuf waraanni tapha aadaati' jechuun dhaadachaa turte waan jilbiinfattu hintaatu turte.
Qondaaltoonni TPLF haala qabatamaan jiru waan hubataniif ammaan booda humnaan deemuun waan nubaasuu danda'u miti jechuun gara waliigaltee nagaatti dhufan.Dhugaa kana qalbeeffachuun barbaachisaadha.
Ammaan booda humni kamiyyuu deeggarsa diina alaa kan akka Gibtsi argatee Itiyoophiyaa waraanu bu'aan argachuu danda'u tokkollee hinjiru.Mootummaan Itiyoophiyaa gama hundumaanuu humna dilbii horachaa jira.Bu'aan damee diippiloomaasii qabbanaa'ee ture akkamitti dabalaa akka jiru ilaaluun gahaadha.Humnoonni tasgabbii Itiyoophiyaan horachaa jirtu diina kallattii kamiiniyyuu dhufu ga'uumsaan qolachuu kan danda'u ta'eera.
Kanaaf ijoolleen Oromoo sababa adda addaatiin finciluudhaan Shaneetti makamtan ilaalcha keessan jijjiirradhaa!Yoo dandeessan hooggansi Shanee riphee socho'u gara marii nagaafi araaraatti akka dhufaniif dhiibbaa taasisaa.Yoo dadhabdan ammoo karaa nagaatiin gara maatii keessaniitti deebi'uun hojii misoomaa irratti bobba'aa,jireenya keessan fooyyessuuf carraaqaa!Karaan nama baasu kana qofaadha.Fayyaa ta'aa!

Post a Comment

0 Comments