(YMN,Finfinnee,Onkololeessa 04,2019)
Jawaar Siraaj Mohammad duruu xawalmaallummaadhaan beekama.Kanaan dura
xawalwwaallummaa isaatiin wantoota hedduu nutti mul'iseera.Tartiibaan
tarreessinee himuun dandeenya.Kanaafis ga'uumsa qabna.Waan darbe gonkumaa
hindagannu.
Bara jalqaba jijjiiramaa 'kaalkuleetariin
jijjiiramaa anadha’ jedhee Jawaar akka malee bookkisaa ture.Itti fufees ‘Koompiyuutara
Laptop qabsoo Qeerroo ittiin hoogganaa ture hooggansa jijjiiramaatiif
badhaaseen jira’ jedhee nutti hime.Of jajasaa itti fufuudhaan godinaalee Oromiyaa
keessa naanna’uun ummata wajjin mari’ateera.Kun waan gaarii ture.
Garuu Jawaar nama ejjennoo qabateen
turuu danda’u waan hintaaneef deeggarsa hooggansa jijjiiramaatiif qabu
battalatti jijjiiruudhaan mormaa hooggansa jijjiiramaa ta’uun socho’uu jalqabe.Mormiin
inni hooggansa jijjiiramaa irratti dhageessisu akka kan qabus hinturre.Siyaasa
jibbiinsaatiin kan laaqame ture.
Mootummaan jijjiiramaa ‘Ahaadaawiidha,kan
sirna Atseewwanii lelisudha’ jechuunis olola jibbiinsaa facaasuudhaan hooggansi
jijjiiramaa ummataan akka jibbamuuf carraaqqii ol’aanaa taatiseera.Shirri warra
waayyaanee wajjin shire garuu halkan tokko isa saaxile.
Magaalaa Finfinnee keessatti nagaan
utuu jiraachaa jiru ‘halkan marfameen jira,nadhaqqabaa’jechuunis fuula Facebook
isaarratti ergaa dabarfate.Deeggrtoonnisaa dhugaa se’anii birmachuuf
yaalan.Booda dhugaan beekamnaan wanti hundumtuu qulqullaa’aa dhufnaan hunduu
fuula irraa gargalfate.
Sababa waamicha shiraa Jawaar
dhageessiseen hookkarri ka’ee lammiiwwan hedduun akka miidhaman
taasiseera.Keessumattuu Shawaa ba’aa,magaalaa Shaashamnneefi naannawasaatti
gochi saamichaa akka raawwatamu taasiseera,Kanaanis lubbuun namoota hedduu
darbeera.Qabeenyi namoota dhuunfaa saamameera.Manneen jireenyaa hedduun
gubataniru.
Miidhamni kun hundi kan mudate sababa
shira Jawaar warra Waayyaannee wajjin qindaa’uudhaan Shireen akka ta’e
nibeekama.Hooggansi jijjiiramaa akkuma dhimmoota kanneen birootiifis ‘Haabultu
dubbiin’jedhu kanas bira darbe.shira qindaawaa kanas yerootti obsaan ilaalaa
ture.
Takka ture Jawaar sababoota adda
addaatiin seeraan gaafatmuunsaa dirqama waan ta’eef seeratti akka dhiyaatu
taasifame.Yeroo muraasaaf erga hidhamee booda hidhaa irraa waan gadi
lakkifameef gara Keeniyaa dhaquudhaan achuma jiraachuuf dirqame.
Badiin gara garaa biyya keessatti
raawwachaa ture sammuusaa waan dhiphiseef gara biyyaatti deebi’uuf onnachuu
dadhabe.Mirri sodaa isa marsee qaamasaa hundatti dhangaloofnaan Televizyiniin
dhuunfaa ‘Arts tv’ jedhamu gara Keeniyaa Naayiroobii dhaqee dhimmoota adda
addaa irratti gaaffiifi deebii akka taasiseef agarre.
Jawaar gaaffiifi deebii Gaazexessaan Darajjee
Hayilee jedhamu Naayiroobiitti taasiseef san keessatti wantoota hedduu
fudhatamummaa argachuu ittiin danda’u mannaageera.Watoota hedduu irra dibaan
akka dubbate yeroo sanas beekna waan ta’eef Jawaar Sobasaa akka diddige
battalatti itti himneerra.Jawaar amma Keeniyaa hinjiru sodaansaa waan itti hammaateef
gara Awurooppaatti baqatee achuma jiraachaa jira.
Jawaar miidiyaa ‘OMN’ maqaa ummata
Oromootiin dhalattoota Oromoo biyyaalaa jiraatan irraa maallaqa walitti funaanee hundeesse saameera.Maallaqa
ol’aanaas akka fudhate hojjettoonni ‘OMN’ yeroo adda addaatti akka saaxilan
nibeekama.Ofiifuu gocha hannaa ol’aanaa keessatti cuuphamee utuu jiruu
hooggantoota Badhaadhinaa hunda gocha hannaafi saamichaatiin himata.Olola
jibbiinsaa ololaa jiruun kun afaansaa keessaa akka hindhabamne argaa jirra.
Tooftaa dhiyeenya kanaa asitti Jawaar ittiin
dhufe amma itti aansinee ilaaluun barbaachisadha.Jawaar jibba hoogganaa biyyaa
muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad irratti qabu cimsee akka itti fufe sochii
qabatamaa inni gochaa jiru irraa hubatameera.Hooggansa cimaa ummanni bal’aan
barbaadee filate Jawaar jibbuun wanti fiduu danda’u jiraachuu baatus shira
Jawaariifi ergitootasaa saaxiluun garuu dhimma murteessaadha.
Dhiyeenya kana gareewwan mormitoonni
mootummaa Itiyoophiyaa warri waayyaannee walitti funaane humnaan mootummaa
Itiyoophiyaa taayitaa irraa fonqolchina jechuun dhaadatan.’Yeroo gabaabaa
keessatti Badhaadhina awwaallee mootummaan ce’uumsaa Itiyoophiyaatti akka
hundeeffamu goona’ jechuuns akka malee caraanan.Waan gochuu hindandeenye adda
babayiitti ba’anii himan.Amma iddoon isaan jiranuu hinbeekamu.
Jawaar fakkeessaadhaan gareewwan 7 mootummaa Itiyoophiyaan fonqolcha jedhanii gamtaa uummatan kana keessatti hirmaachuu hinbarbaadu akka jedhe dhageenye.Boodarra innuu gadi ba’ee mootummaan akka hinjigneefin isaan morme jedhee ololeera.Kun akkuma barame Soba Jawaar fudhatamummaa ittiin argachuuf irra deddeebi’ee nama amansiisuuf ittiin wixiffatedha.
Amma Waayyaanneen inni lalisuun jalaa
burkutooftee jirti.Karoorri Itiyoophiyaa bittinneessuu Egypt qabattes galmasaa
ga’uu hindandeenye.Hojii raawwachiisaan biyya Misiraa Shaabiyaanis lubbuun
keessaa ba’uuf wixiffachaa jira.Jawaar haala jiru hunda guyyuutti sirritti waan
hordofuuf haqa kana sirritti beeka.Ergamtummaan isaa shiraan dabaalames jalaa
fashalaa’aa jira.Ammaan tana waraana adeemsifamaa jiru wajjin walqabatee gorsawwan adda addaa kennaa jira.Gorsasaa fudhatee kan hojiirra oolchu jiraachuu
baatus miidiyaawwan hawaasummaa adda
addaa irratti xibaaraa akka jiru nibeekama.
Egaa itti himna adabadhu! jennaan. Muummichi
ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad ati jibbituun biyya guddoo addunyaan ajaa’ibsiifateen Itiyoophiyaa gara
fuulduraatti tarkaanfachiisaa jira.Gara biyyaatti deebitee Abbichuu wajjin
waltaatee hojjechuu akka hinfeene irra deddeebitee akka himte dhageenyeerra.Ammaan
booda innuu ofitti sindhiyeessu.Jireenya godaantummaatiin jaanja’uudhaan
umuriiknkee akka dhumu shakkiin hinjiru.
Hamma lubbuun jirtutti Itiyoophiyaa irraa dhaabbadhu!Mootummaan abbaa qaba! Mootummaan ati diigumsarraa baraartus hinjiru.’Mootummaan diigama irraa baraara’ jettee ololakee barame nutti hinololin jecnnaan.Waan dubbiftaniif galatoomaa!Fayyaa ta’aa waan tana Jawaaris akka dubbisuuf biraan gahaa


0 Comments