Tokkummaa isaan leellisan dhaloonni har’aa cimsuu qaba-Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan



Finfinnee, Eebla 19,2015 (YMN) Tokkummaa isaan leellisan dhaloonni har’aa cimsu qaba jechuun Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan haasawa sirna awwaalchaa artiist Zarihuun Wadaajoo kaleessa raawwatame irratti himaniiru.
Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan sirnaa awwaalchaa Artist Zarihuun Wadaajoo irratti haasawaa taasisaniin sabaaf dhalatanii sabaaf wareegamuun gootummaadha jedhaniiru.
Gita bittaa keessatti cunqursaa ummatarraa gahaa turee argaa waan guddataniif, sagalee isaan ummataa dammasaa, sabaa isaaf dhaamsaa dabarsaa turuu yaadachiisaniiru.
Oromoon sirna gita bittaa keessatti akka mata gadi hinqabane, akka ofirraa fonqolchaan wareegamaa guddaa kan kafalan, jijjiiramaa har’aaf bu’uuraa kan ta’aniidha jedhaniiru.
“Ani dhalootan guddisa” jechuun dhalootanni cunqursaa rakkoo ummataa isaanii akka callisanii hinilaallee barsiisuu kaasaniiru.
Artistoota ummataaf wareegaman hedduu of jalatti horachuu kaasanii kanaanis yoomiyyu Artisti Zarihuun hinirraanfatamu jedhan.
Oromoonni tokkummaa isaanii akka cimsan, waldhaga’an, yeroo rakkoo gurmuun akka walcinaa dhaabbatan, tokkummaan isaan leellisan dhaloonni har’aas akka cimsuu qabu dhaamaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa seenaan isaanii akka hinbanne, hojiin isanii yoomuu akka yaadatamuu gochuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu eeraniiru.

Post a Comment

0 Comments