Wixineen Labsii Raayyaa Ittisa Biyyaa fooyya'ee ba'e ragga'eera

 


Finfinnee,#Ethiopia Eebila 17,2015(YMN) Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii idilee 14ffaa bara hojii 2ffaa har’a taa’een wixinee labsii Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa fooyya’ee ba’erratti mari’achuun raggaaseera.

Manni marichaa yaada murtee Koreen Dhaabbii Dhimmoota hariiroo Alaa fi Nageenyaa dhiyeesse qorachuun sagalee caalmaan akka raggaasise odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame mul'iseera.

Labsiin kanaan duraa akka fooyya'u kan taasifame dhimmi soorama miseensoota raayyaa ittisaafi tajaajila biyyaalessaa dabalamuu akka qabu waan itti amanameef akka ta'e beekameera.

Qabiyyee labsichaa ilaalchisuun odeeffannoon ba'e jiraachuu baatus labsichi sadarkaa guddinaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa amma irra ga'e wajjin walsimee kan qophaa'e ta'uusaa hubachuun rakkisaa hinta'u.

Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa humnoonni addaa Naannolee tibbana akka itti makaman waan taasifameef humna namaatiinis ta'ee ga'uumsa loltummaatiin akka cimaa deemu ta'uun nibeekama.Diinni keessaafi alaa kana hinjaallatu.Kana booda bajanni Raayyaa Ittisaatiif ramadamu biyya hiyyoomseera jechuun booyicha kan dhageessisan ta'uun waan eegamudha.




Post a Comment

0 Comments