Koreen hojii raawwachiisaa paartii Badhaadhinaa boru walga'a

 



Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 20/2015(YMN) Koreen hoojii raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaa boru akka walga'iisaa gaggeessu himamaa jira.

Maddawwan odeeffannoo amanamoo irraa odeeffannoo argamedha jedhamee akka himamaa jirutti koreen hojii raawwachiisaa paartichaa boru walgayiisaa kan gaggeessu ta'a.

Walgayiin koree hojii raawwachiisaa paartichaa eessatti akka adeemsifamuufi sa'aatii meeqa irratti eegalamee akka xumuramu ilaalchisuudhaan wanti himame hinjiru.

Koreen hojii raawwachiisaa paartichaa walgayiisaa kanaan raawwii hojii qorachuun dhimmoota wayitaawaa biyyaa irratti mari'atee kallattii fuulduroo kan kaawu ta'a.

Dhimmi nagaafi tasgabbii,rakkoon qaal'iinsa gatiifi dhimmooleen biyyaa kanneen biroo xiyyeffannoo argatu jedhamee eegama.

Walgayiin koree hojii raawwachiisaa paartii Badhaadhinaa dhiyeenya kana dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mar'achuudhaan kallattii garafuulduraa akka kaaye niyaadatama.

Post a Comment

0 Comments