Adwaa Dawaa Of-tuultotaa!

  



Finfinnee Guraandhala 23/2016(YMN) Guyyaan guyyaa injifannooti.Guyyaa injifannoo boonsaa!Injifannoon waggoota 128 dura kaka’uumsaafi carraaqqii ol’aanaa abbootii keenya gootota Itiyoophiyaatiin diina alaa jilbiinfachiisuun galmeeffame kun kan boonsu lammiiwwan Itiyoophiyaa qofaa miti.Afrikaanoota hundatu ittiin boona.

Injifannoon Adwaa dawaa of tuultotaaf kennamedha.Of tuultoonni adiin quufan tuffiidhaan dhufanii biyya goototaa Itiyoophiyaa se’atan.Tuffiidhaan dhufanii isini koloneeffannee nujalatti bultu jechuudhaan roorrisuuf yaalan.Yaaliin isaan shira da’eeffachuudhaan taasisan utuu hinmilkaa’in fashalaa’ee jalaa hafe.

Injifannoon Adwaa ummattoota gurraacha hunda boonsaa bara baraan jiraachaa jiru kun jaarraa tokko dura waggaa 100fi 28 dura kan galmeeffame kutannoo Aaakileefi Abaabileen keenya mul’isaniin akka ta’e hundatu beeka.Gootonni durii diina falmuudhaan utuu qolachuu baatanii haalli har’a irratti argamnu hinjiraatu.Bilisummaadhaan socho’uun waan yaadamu miti,waan barbaadan bilisummaadhaan dubbachuufi barreessuun gonkumaa waan danda’amu hinta’u.

Jireenyi bilisummaa har’a dhandhamaa jirru argamuu kan danda’e gootonni durii Garasuu Dhukii,Baalchaa Saafoo,Hayilamaariyaam Gaarii,Gabayyoo Gurmuufi gootoonni Itiyoophiyaa kenneen biroonis adda waraanaatti diinaan falmanii hojii gootummaa wan hojjechuu danda’aniifidha.

Dhiyeenya irraays gooti bara keenyaa,dhaloota haarawaa boonsee kan darbe Haacaaluu Hundeessaa of tuultootatti ija baasee utuu onnachuu baatee,Qeerroowwaniifi Qarreewwan keenya utuu falmuu baatanii har’a anumtuu kunoo yaada dhimma injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffate kana haala kanaan isin dubbisuu akka dandeessaniif barreessuu hindanda’u.Gootonni dhiyeenya darbaniifi lubbuudhaan jiranis qondaaltoota wayyaanee utuu jilbbiinfachiisuu baatanii haalli bilisummaa har’a mul’achaa jiru kun gonkumaa mul’achuu hindanda’u.

Wayyaaneen ummata keenya irratti roorrisaa turte fonqolfamtus ummanni keenya yeroo ammaa rakkoo nagaafi tasgabbii dhabuu keessa akka jiru beekamaadha.Mootummaan Badhaadhinaan hoogganaamaa jiru ummanni bal’aan rakkoo nagaafi tasgabbii isa mudate keessaa ba’ee hojii misoomaafi guddinaa irratti xiyyeeffachuu akka danda’uuf carraaqqii ol’aanaa taasisaa jira.Gareewwan akkuma durii yeroo weereera Xaaliyaanii baandummaadhaan socho’uun miidhaa geessisanii,ammas diina alaatiif ergamuudhaan ummanni bal’aan akka miidhamuuf kan socho’aa jiran Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiin qolatamaa jiru.

Baandaawwan diinaaf ergaman akka adabatanii taa’aniif kallattii hundaan hojjetamaa jira.Humnoonni tasgabbii dirqama itti kenname ba’aa jiru.Caasaawwan mootummaatis burjaaja’uumsa sababa olola sobaatiin uumame dhabamsiisuuf ummanni bal’aan hubannoo gahaa argachuu akka danda’uuf waltajjiiwwan marii qopheessudhaan mariisisaa jiru.Kunis hojii gootummaati!qophii gahaafi barbaachisaa taasisuun bakka bu’oota ummataa mariisisuun,gaaffii hawaasni kaasuuf deebii amansiisaa kennuun,ummanni hubannoo gahaa akka argatuuf hojjechuun kanneen ummata bal’aa tajaajiluuf qophaa’ummaa qaban qofaadhaan raawwatama.

Mariifi ilaafi ilaameedhaan rakkoon nagaafi tasgabbii dhabuu iddoowwan adda addaatti mudate furmaata waaraa akka argatuuf itti fufiinsaan hojjetamaa jira.Namoonni dhuunfaa dogongorudhaan gareewwan finxaaleeyyiitti makaman waamicha dhiyaateef fudhachuudhaan daandii nagaatti deebi’aa jiru.Mootummaan balballi nagaafi marii akkuma banametti jira jedheera.Itti fayyadamuun barbaachisaadha!

Har’a injifannoo Adwaa gurraachoota hunda boonse wayita kabajaa jirrutti rakkoolee wayitaa gama nagaafi tasgabbii,qaala’iinsa jireenyaafi  balaa hoongee sababa rakkoo jijjiirama haala qilleensaatiin numudate keessaa guutummaatti akka baanu abdii guutuu qabaachuudhaani.Guyyaa injifannoo boonsaafi cululuqaan itti galmeeffame Adwaa waggaa 128ffaa kabajachaa kan jirru,rakkoolee wayitaawaa sababoota adda addaatiin numdatan keessaa qabsoo kallattii dhugaa hordofeen guutummaatti akka baanu amanuudhaan ta’uu qaba! Baga geessan!

Post a Comment

0 Comments