Finfinnee
Caamsaa 24/2016(YMN) Paartiiwwan tokko tokko marii biyyaalessaa akka biyyaatti
xiyyeeffannoo ol’aanaa qabuuf xiyyeeffannoo waan kennan hinfakkaatu.Paartiiwwan
morkattoonni jalqabuma irraa eegalee sababa fudhatama hinqabneen marii
biyyaalessaa hindeeggarre jiru.Kanneen keessaa tokko Koongransii Federaalawaa
Oromoo(KFO)dha.
Dura
taa’aan paartii kanaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa kanumaan dura marii
biyyaalessaa gadi qicaa turan.Sababiin isaan dhiyeessaniifi hunda amansiisuu
hindandeenye ‘komishiiniin marii biyyaalessaa Badhaadhinaaf aantummaa qaba,isaaf
looga’ kan jedhudha.Himannaan kun medaallii kamiiniyyuu fudhatama argachuu
hindanda’u.Soba waan ta’eef.
Adeemsi
komishiiniin marii biyyaalessaa ittiin hundeeffameefi erga hundeeffamee boodas
hojiin hojjechaa jiru dhokataa miti.Komishinichi wayita marii’f qophaa’aa
turetti wanti dhokasaatti raawwate kan qabatamaan beekamu hinjiru.Jibba
kanumaan dura barameen ‘hooggantoonni komishinichaa paartii biyya bulchaa
jiruuf aantummaa qabu’ jechuun himachuun ummata bal’aadhaan taajjabamuun ala gatii
hinqabu.
Paartiin
‘Innaat’ jedhamuufi KFO’n marii biyyaalessaatti waan hirmaachuu didaniif mariin
biyyaalessaa gufachuu hindanda’u.Adeemsa hanga ammaatti jiruunuu paartiiwwan
kun faallaa deemanis mariin biyyaalessaa hingufanne.Sochiin gara fuulduraatti
komishinichaan taasifamus milkaa’aa ta’uusaa mariin ajandaawwan marii
dhiyeessuuf bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti taasifame milkaa’inaan xumuramuun ragaa
qabatamaadha.
Mariin
biyyaalessaa akka filannootti kan fudhatamu miti.Paartiin ‘Innaat’ jedhamu tibba
mariin eeglametti marii keessaa ba’uusaa ifoomseera.Paartichi waltajjii marii
biyyaalessaa irraa ba’uunsaa dhiibbaan komishinicha irratti uumuu danda’u jira
jedhamee hinyaadamu.Paartichi muuxannoo ‘KFO’ irraa fudhateen waltajjii marii
keessaa ba’uusaa ifoomseera.Koongransiin Federaalawaa Oromoo kanaan dura jala
ga’ee filannoo biyyaalessaa keessaa ba’uunsaa miidhaan uume jiraa?KFO’n shira
michootasaa waliin qabuun filannicha keessaa ba’uun filannoo hanbisuu
hindandeenye.
Akkuma
kana paartiiwwan morkattoonni kanneen biros sababa hojii komishinii marii
biyyaalessaa gufachiifna jedhuun xumura irratti marii keessaa ba’uun hiika tokkollee hinqabu.Kan isaaniif wayyu
gaaffiiwwan ummata bakka bu’anii qabachuudhaan waltajji marii biyyaalessaa
irratti ga’uumsaan hirmaachuu ture.
Paartiiwwan
morkattoonni adeemsa marii biyyaalessaa keessaa ba’uun paartii biyya bulchaa
jiru ‘Badhaadhina’irratti miidhaan geessisuu danda’u hinjiru.Paartiin
Badhaadhinaa akkuma paartiiwwan morkattoota kanneen biroo marii biyyaalessaatti
kan hirmaatu waan ta’eef medaallii kamiiniyyuu paartiin amma Itiyoophiyaa
bulchaa jiru ‘Badhaadhinni’ paartiiwwan morkattoonni tokko tokko waltajjii
marii biyyaalessaatti waan hinhirmaanneef gufuun itti uumamu nijira jedhamee
hinyaadamu.
Mootummaan
Itiyoophiyaa hojiin komishiinii marii biyyaalessaa akka milkaa’uuf
kutannoodhaan deeggarsa akka taasisu kanaan dura irra deddeebiidhaan himeera.Akkaatuma
waadaa seeneetiin komishinichaaf deeggarsa hinqusatamne taasisaa waan jiruuf
hojiin komishiinii marii biyyaalessaa milkaa’inaan itti fufeera.Jalqabbiin jiru
haqa qabatamaan dirree irra jiru kan mul’isudha.Boqonnaan marii Finfinneetti milkaa’inaan
xumurame Magaalaa Dirree Dawaafi Naannolee kanneen biroo keessatti kan itti
fufu ta’a.
Ummanni
bal’aan mariidhaan rakkoo keessaa ba’uu barbaada waan ta’eef mariin
biyyaalessaa eegalamuusaatiin gammachuunsaa daangaa kan qabu miti.Marichi waan
jalqabameefis tibbana gammachuusaa ibsachaa tureera.Sababa kanaan humnoota
mariin biyyaalessaa akka gufatuuf carraaqan dura dhaabbata.
Paartiiwwan
morkattoonni ummataaf hojjenna jedhan yoo haqaan deeggartoota isaaniitiif kan
hojjetan ta’an miidhama irraa of baraaruuf sochii hojii komishiinii marii
biyyaalessaatti gufuu ta’uuf taasisan irraa of qusachuu qabu.Jibba paartii
biyyaa bulchaa jiru irratti qaban irraa ka’uun hojii komishinichaa gufachiisuuf
carraaquun umurii isaanii gabaabsuudhaan ala bu’aan argamsiisuuf hinjiru.
0 Comments