Dhugaa Seenaan Hime

 



Finfinnee Adoolessa 21/2016(YMN) Artiist Tasfaayee Saahiluu(Abbaabbaa Tasfaayeen) boqochuu isaatiin dura waan ija isaatiin arge irratti ragaa ba’een Abuuna Pheexiroos(Magarsaa Badhaasaa) loltoota Xaaliyaaniin itti dhukaafamee kan ajjeeffaman Magaalaa Finfinnee Birbirsa Gooroo iddoo ‘Duqeet Safar’ jedhamutti akka ture himeera.

Luba Magarsaa Badhaasaa battala sanatti ‘mootummaan weereertuu Xaaliyaan kun mootummaa yerooti,isaaf hinbitaminaa!’ jechuun ummata barsiisaa turan.

Xaaliyaan yeroo Itiyoophiyaa weereerte sanatti luboota irratti xiyyeeffattee turte.Lubni Abuuna Mikaa’eel jedhamanis haala walfakkaataadhaan yeroo sanatti akka ajjeeffaman seenaan himeera.Maddi odeeffannoowwan kanaa FM-Shaggar akka ta’e qalbeeffadhaa.Xaaliyaan luboota adamsuun kan ajjeesaa turte tarii tarsiimoo namni barate baduu qaba jedhuun ta’uu danda’a.

Seenaan akka himetti Magarsaa Badhaasaa(Abuuna Phexiroos) Adoolessa 22 bara 1928 rasaasa loltuu weereertuu Xaaliyaaniin itti dhukaafameen ajjeefaman.Akkaataa kanaan wiixata boruu Adoolessaa 22 bara 2016 Magarsaan erga ajjeefamanii waggaan 88ffaan lakkaa’ameera.Qaroo Oromoo hordofanii dhabamsiisuun dur irraa eegalee kan turedha.


Diinni Oromoo ammas jira, hinmuge malee gonkumaa hinrafne.Of eeggannoo barbaachisaa taasisuudhaan Saba ceesisuun barbaachisaadha.Egaa maqaan hinoolle.Waan qabatamaan amma jirudha.Itiyoophiyaan ammaa harka hooggansa Oromoo keessa jirti.Kan kana waakkatu diina qofa.

Muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dabalatee hooggansi Oromoo sadarkaa ol’aanaa irratti argamu haleellaa diinni malaan geessisuu danda’u irraa of eeguu qaba.Haalli hooggansi hawaasa keessa ittiin socho’o yammuu ilaalamu kan hedduu nama yaaddessudha.Haalaafi barteen biyya keenyaa dur irraa eegalee jiru beekamaadhaa waan ta’eef waan darbe yaadachuun of eeggannoo barbaachisaa taasisuun waan yoomillee dagatamuu hinqabnedha.

Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad haala of eeggannoo gahaa hinqabneen sochiin taasisan medaallii kamiiniyyuu sirrii miti.Sirraa’uu qaba.Isaanis yaaddoo hawaasni qabu hubachuudhaan of eeggannoo taasisuutu irraa eegama.Jaalalaafi quuqama hawaasaaf qaban mul’isuun waan gaarii ta’us akki ittiin raawwatamu akka qabaachuu qaba.Ammaan booda aggaammii diinaa tooftaa kamiiniyyuu hooggansa irratti raawwatamuun miidhaan gahu waan hedduu balleessa.Sabatu cabee hafa.Akkuma Dr.Abiy kanaan dura himan Arbi kufnaan deebi’ee olka’uu hindanda’u!Miidhmani darbe deebi’ee akka dhufuuf fedhiin diinaafi ergamtoota diinaa guddaa ta’uus Oromoon hunduu sabaaf quuqama qabu kana hawwa jedhamee konkumaa hinyaadamu.

Akkuma waxabajjii 16 bara 2010 adda babayiirratti Finfinneetti yaalametti gowwaan keenya maallaqaan bitame waan diinni raawwadhu jedhee gorseen raawwachuu irraa akka of hinqusannes yaadamuu qaba.Ergamaan hedduun akka jiru utuu beekamuu akkamiin of dagachuun danda’amaa?

Diinni taayitaan biyya bulchuu harkaa fudhatame xiiqii keessa jira waan ta’eef yoommillee adabatee taa’uu hundanda’u.Umamasaatu dirqamsiisaan.Sobaan biyya bulchaa turan.Fakkeessaafi shiraan socho’uudhaan Itiyoophiyaa saamaa turan waan ta’eef taayitaa mi’eeffatanitti deebi’uuf yoomillee carraaqqii taasisuu hindhiisan.Warri kaabaa waan mataa gadi qabatan fakkaatanis akki irratti argaman kan kana mul’isu miti.Akka biyyaatti Raayyaa cimaa shirtoota gahuumsaan qolachuu danda’u ijaarrachaa jirra jennee onnanus adeemsi diinaa dhawaataan nuffii uumuu akka ta’e hubatamuu qaba..

Dura taa’aan waayyaannee Dabratsiyoon Gabramikaa’eel ibsa haala wayitaawaa irratti Adoolessaa 20 bara 2016 Maqaleetti kenneen wantoota itti xiyyeeffatee kaase keessaa tokko rakkoo daangaa Amaaraafi Tigraayiif kallattii riiffirandamii murtee ummaataa hooggansi ol’aanaan kaa’e gonkumaa akka hinfudhanne kan mul’isudha.Kana jechuun akkuma barame tuffiidha.Oromoon biyya bulchuu hindanda’u jechuun kan dursee sammuusaa amansiise waan kana of keessaa baasa jechuun yaaduun rakkisaadha.Kanaaf ammas of eeggannoon itti fufiinsa qabu barbaachisaadha!Fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments