Badhaadhinni dhimmoota ijoo biyyaa irratti mari’achaa jira



Odeeffannoon pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaafi muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad kennan akka mul’isetti walgayiin idilee koree hojii raawwachiiftuu partichaa kaleessa waaree booda jalqabame.

Ajandaawwan mariif dhiyaatan sagaleedhaan raggaasisuudhaan mariisaa eegal’e.Har’as mariin miseensoota koree hojii raawwachiiftuu paartichaatiin eegalame kan itti fufee oolu ta’a.

Dhimmoota biyyaa ijoo ta’an maddiitti waa’een hojiiwwan paartichaas walgayiicha irrati kan ilaalaman ta’a.Keessumattuu yaa’ii idilee 2ffaa booda hojiiwwan sadarkaa paartiitiin hojjetamaa turanis qoratamanii kallattiin kan kaawwamu ta’a.

Xiyyeeffannoon guddaan garuu dhimmoota biyyaati.

Biyyi keenya Itiyoophiyaan sochii misoomaafi guddinaa irratti argamti.Diinni keessaafi alaa sochii Badhaadhinaa Itiyoophiyaan irratti argamtu jibbe ammoo ilkaan ciniinnatee waan ta’u wallaaleera.Haala diinni alaafi keessaa ittiin qolatamu irratti mari’achuudhaan kallattii kaawwachuun barbaachisaa ta’a.Kanaaf dhimma ijoo biyyaa kana irratti mari’achuun waan hinoolle ta’a.


Diinni dur irraa eegalee sababa laga Abbayyaatiin Itiyoophiyaa irratti ilkaan ciniinnatte Gibtsi numarsaa jirti.Diinni keessaafi dhiyoo jirus akkasuma.Keessumattuu sochiin tibbana Gibtsi biyyaalee ollaatti michoomuuf taasisaa jirtu biyya keenyaaf gaarii ta’a jedhamee kan yaadamu miti.

Gibtsi akkuma dur irraa eegalee raawwachaa turte jireenya hiyyuumaa keessatti quucarree akka hafnuuf fedhii guddaa qabdi.

Sababa kanaan biyyaalee ollaa wajjin dhimma damee diinagdeefi kanneen biroo irratti waliigatee yoo mallatteessitu mul’ateera.Kan tibbana hooggansa Jabuutii wajjin taasifte akka fakkeenyaatti kan fudhatumudha.Kanaan duras biyyaalee ollaa kanneen biroo wajjin dhimmoota gara garaa irratti akka waliigalte nibeekama.

Gibtsi fagoo irraa dhuftee waan akkanaa raawwachuun walitti dhufeenya biyyaalee ollaa Itiyoophiyaa wajjin qabdu waan gaariidhaaf itti fayyadamti jedhamee hinyaadamu.Shira barteen sochiin misoomaafi guddinaa biyya keenyaa akka gufatuuf fedhii guddaa qabdu irraa ka’uun akka ta’e ilaaluun barbaachisaadha.

Itiyoophiyaan humna elektiriikaa ifaajii guddaadhaan oomishite biyyaalee ollaatti akka hingurguranneef Mootummaa Gibtsiin gufuu uumuun eegalameera.Tutuqaan mul’achaa jiru kun tuffii qaban irraa kan maddu akka ta’e beekamaadha.Warri Gibtsi Hidha Abbayyaa ijaarrannee xumuruu waan dandeenyeef xiiqii guddaa keessa akka seenan waanuma gochaa jirantu ragaa qabatamaa ta’a.Tooftaa kamittuu fayyadamuudhaan guddinni keenya akka gufatu carraaquu irraa duubatti hinjedhan.

Kanaaf dhimmi kun dhimma biyyaa ijoowwan keessaa isa tokkodha waan ta’eef koreen hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa dhimmicha irratti mari’achuudhaan kallattii kaawuunsaa waan hinoolle ta’a.

Shaabiyaanis ergamtoota keessaatti fayyadamuudhaan badiin raawwachaa jiru kan beekamu waan ta’eef haala sochii Shaabiyaafi ergamtootasaa qolachuun ittiin danda’mu irratti ilaafi ilaamee jechuun barbaachisaadha.Odeeffannoo dogongoraa diinni keessaa kennuun onnachuudhaan diinni alaa waan yaade raawwachuu irraa duubatti hinjedhu.Qophaa’ummaan keessaa nuti qabnu amansiisaa ta’us akka lammiitti hundumtuu tokkummaasaa jabeessuudhaan sochii diinaa qolachuu akka danda’uuf kallattii kaawuun dirqamadha.


Badhaadhinni ga’uumsa waggoota muraasa keessatti horateen kana gochuu hundadhabu.Tarii diinni gamaa gamanaa qindoomina uumee jiru onnatee Itiyoophiyaa irratti waraana kan banu yoo ta’e hojiiwwan misoomaa jalqabaman utuu hingufatin kallattii sochii diinaa yeroo gabaabaa keessatti qolachuun ittiin danada’amu kaawuufi sadarkaa barbaachisuun hawaasa dammaqsuun barbaachisaa ta’a.

Hundumaafuu kallattiiwwan dhimmoota biyyaa ijoo ta’an irratti koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaatiin kaawwaman kan eegamaa jiran akka ta’e beekamaadha.Walgayiin idileen Badhaadhina keenyaa kan milkii haataatu!

Post a Comment

0 Comments