(YMN,
Hagayya 13, 2018) Yaadawwan biyya ceesisu jedhamaniifi hirmaattoonni yaa’ii
marii biyyaalessaa turtii baatii tokkoo
booda qindeessan Roobii har’aa ragga’u jedhamee eegamaa jira.Ajandaawwan
saddeettan komishiiniin marii biyyaalessaa qopheesse irratti qaamoleen hawaasaa
adda addaa lakkoofsaan kuma afur ta’an itti hirmaatan yeroo baatii tokko
caaluuf mari’achaa turaniiru.
Komishiiniin
marii biyyaalessaa akka himetti marii taasifameen bu’aan baay’oota gammachiisuufi
komishiniichis ittiin boone galmeeffameera.
Amma
wanti irra jiraan xumurameera.Yaadawwan Itiyoophiyaa ceesisanis
qophaa’aniiru.Yaadawwan hirmaattoonni yaa’ichaa itti amanan har’a kan ragga’an
ta’a.
Yaadawwan
ragga’an qaama yaadawwan kana hojiirra oolchuuf komishiinichaan kan dhiyaatan
ta’a.Hirmaattoonni yaa’ichaa aanaalee biyya keenyaa hunda keessaa walitti
baba’an imaanaa ummanni bal’aan itti kennate ba’aniiru.
Isaan
gootota Itiyoophiyaati.Falmii yaadaa taasisuudhaan rakkooleen Itiyoophiyaa
waggoota hedduuf ummata dararan fala waaraa akka argataniif carraaqqii
hinqusatamne taasisuudhaan bu’aa barbaadamu galmeesssisuu danda’amiiru.Dhaloota
dhufuun ‘bara akkanaa keessa abboonniifi haadholiin keenya durii hojii akkanaa
hojjechuudhaan haala nuuf mijeessaniiru’ jechuudhaan kan dubbatan ta’a.AAkk
Yaadawwan
marii biyyaalessaatiin ragga’an wantoota baay’ee kan jijjiiran ta’a jedhamee
eegama.Wantoota jijjiiraman ykn. Akka fooyya’u taasifaman keessaa tokko Heera
Mootummaa Itiyoophiyaa amma tajaajilaa jirudha.
Heerri
Mootummaa Itiyoophiyaa bara sirna Waayyaannee qophaa’ee ragga’e akka
qondaaltoonni Waayyaannee yeroo sanii barbaadaniifi fedhanitti qophaa’uudhaan
kan hojiirra ooledha.Heerichi erga hojiirra oolee boodas wantoonni heerichaan
hayyamamaniifi fedhi Waayyaanneetti gufuu ta’u jedhamanii yaadaman guutummaatti
akka hojiirra hinoolle taasifameera.Adeemsa abbaa irrummaa Waayyaanneetu gufuu
ta’ee ture.
Kanaaf Heerri Mootummaa Itiyoophiyaa akka fedhii Waayyaanneetti hojiirra oolfamaa ture akka fedhiin ummattoota Itiyoophiyaa kabajamuufi eegamutti kan sirraa’u ta’a.Heericha fooyyessuuf bu’uura kan ta’an yaadawwan hirmaattoota marii biyyaalessaatiin ragga’anidha.
Gama
birootiin humnoonni yaa’ii marii biyyaalessaa gufachiisuuf socho’aa turan
yaadawwan marii erga ragga’aniifi heerri mootummaas erga fooyyeeffamee booda
sagalee gungumaafi mormii dhageessisuun isaanii waan hinoolledha.Yaa’iin marii
biyyaalessaa utuu hinxumuramin adeemsa yaa’ichaa keessaa ba’uudhaan kan
jarjaranii ibsa baasanis mormiisaanii kan itti fufan ta’a
Sababoota
adda addaa tarreessuudhaan mormanis dhimmi ummanni bal’aan irratti waliigale
duubatti deebisuu hindanda’an.Garuu akkuma barame mormiifi qeeqa amansiisaa
hintaane afarsuudhaan bu’aa siyaasaa argachuuf kan socho’an ta’a.
Adeemsa
isaanii fokkisaa Kanaan ammoo ummanni hinfayyadamu.Nimiidhama malee bu’aan
adeemsa jireenyaa keessatti argachuu danda’ullee hinjiru.Kan fayyadamu
daldaaltoota siyaasaa qofadha.Daldaaltoonni siyaasaa akkuma baran dhimmcha
afarsaa jiraachuu barbaadu.Kana ammoo itti fufiinsaan kan godhan bu’aa
ergamtummaa diina keessaafi alaatiin argatan eegsifachuuf jecha akka ta’e
hubachuun barbaachisaadha.Humnoonni kun akka Kanaan duraatti roorrifna jedhanii
socho’u taanaan qaamonni mootummaa dhimmi isaan ilaallatu ammoo ol’aantummaa
seeraa kabajisiisuutu irraa eegama.


0 Comments