(YMN,Finfinnee Onkololeessa 11,20190)
Abbichuun Keeniyaatti Biqiltuu dhaaban.Biyya Ollaa Keeniyaattis yaadama misooma
Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuu dhaabuun isaanii hiika guddaa qaba.Akkuma Itiyoophiyaan
Misooma Ashaaraa Magariisaatiin beekamte Keeniyaanis akka beekamtu barbaadna
jechuudha.
Ministirri muummichi Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad haala gara gubbaatti suuraadhaan
argaa jirtan Kanaan Keeniyaatti biqiltuu kan dhaaban ayyaana guyyaa gootota
Keeniyaa durii 'Maasuujaa' kaleecha Keeniyaatti kabajame irratti kabajaan affeeramanii
erga hirmaatanii boodadha.
Guyyaan gootota durii Keeniyaa kun akkuma ayyaana inifannoo Adwaa keenyaatti kan ilaalmudha.Akkuma nuti waggaa waaggadhaan guyyaa inifannoo Adwaa waggoota 100 dura galmeeffame yaadachuudhaan waggaa waggaan kabajinu Keeniyaanoonnis guyyaa bittaa kolenooffannoo Ingiliiz ofirraa itti darbatan waggaa waggadhaan yaadachuudhaan kabajatu.
Michummaaniifi ollummaan gaariin
Itiyoophiyaan Keeniyaa wajjin qabdu kun biyyaalee ollaa kanneen biroo wajjiis
akka jiraatuuf Itiyoophiyaan fedhii guddaa akka qabdu nibeekama.Kanneen fedhii Itiyoophiyaatiif iddoo hinkennine ammoo
jiru.
Hooggantoonni biyyaalee ollaa Itiyoophiyaa tokko tokko, keessumattuu hoogganaan Eertiraa Isaayyaas Afawarqii biyya diina Itiyoophiyaa taate Egypt'f ergamaa ta’uudhaan ollummaan gaariin Itiyoophiyaafi Eertiraa jidduu akka hinjiraanneef gufuu ta’uudhaan turaniiru.
Hoogganaan Eertiraa gocha ollummaa
Itiyoophiyaafi Eertiraatti gufuu ta’uu irraa of qusatanii hinadabatan taanaan
miidhaan irra ga’u hammaataa akka ta’u ministirri muummichi Abiy Ahmad
Gaaffiifi Deebii Afaan Tigriffaatiin tibbana taasisan irratti mamii tokko malee
akeekkachiisuun himuun sirriidha!
Biyyaafi dhaloota dhufuuf jecha waan yerootti raawwatamuu qabu yeroonsaa utuu
hindarbin raawwachuun barbaachisaadha.Haqa kana gamna akka Abbichuu qofaatu
beeka.
Qondaaltoonni Eertiraa akeekkachiisa
Dr.Abiy kennan kana olola sobaa baraniin qolachuuf akkasumas gadi qicuuf socho’aa akka jiran
hubatameera.Fakkeenyaaf Asmaraa dabalatee sadarkaa misoomaa magaalaawwann
Eertiraafi Magaalaawwan Itiyoophiyaa irratti argaman walibira qabuun waan
Abbichuun ibsa kennaniin nama
hubachiisuuf yaalan faallessuudhaan ‘maallaqa biliyoona hedduu
liqeeffachuudhaan misoomni Itiyoophiyaa hojjetame’ jechuun wayita ololan dhaga’ameera.
Oduu himaan mootummaa Eertiraa Yamaana Gabramasqal waan kana fuulleetti ba’uudhaan dhimma kana irratti akka dubbate beelameera.Namtichi kun dhimmoota Itiyoophiyaa kamirrattuu faallaa dubbachuudhaan beekama.Ergamtoota Egypt Asmaraa kaawwatte keessaa tokko waan ta’eef waanuma irraa eegamu raawwachaa jira.
Amma dubbiin dhugaa itti himame olola sobaatiin
ofirraa qolachuu qofa miti.Isa kana kanumaan durayyuu onnatanii raawwachaa turan.Sochiin
ergamtummaadhaan Itiyoophiyaa irratti raawwachaa turan akka malee guutee iddoo
dhabee dhangala’aa jira.
Adeemsi qondaaltoonni Eertiraa
Itiyoophiyaa keessatti ergamtoota bobbaasuudhaan Nagaa Itiyoophiyaa jeequun
sochiin misoomaafi guddinnaa akka duubatti harkifatuuf taasisaa turan ammaan
boodas akka itti fufuuf qamni hayyamuufi obsa qabaatu amma Itiyoophiyaa keessa
hinjiru.Abbichunuu waan isa ta’eef garaa bal’atee hanga ammaatti obsuu danda’e.
Kanaaf obsi Abbichuun ciniinnatee
ittiin tures ammaan booda jiraachuu akka hindandeenye ergaa guddaa adda babayiirratti
dabarsetu ragaa qabatamaadha.Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad waan
yaadee karoorfatee dubbate hojiirra utuu hin’oolchin duubatti hindeebi’u.Haala
mijaawaa amma jiruttis fayyadamuunsaa waan hinoolledha.Akkaataa ittiin
fayaydamus nibeek.
Haalli mijaawaan jiru maalidha?kan
jalqabaa Eertiraa dhiyeenya kana loltotashii gara Itiyoophiyaa seensisuudhaan
gocha weereeruufi birmadummaa Itiyoophiyaa sarbuu karaa Zaalaanbassaatiin
raawwattee jirti.Kun ragaa qabatamaa tokkodha.Akka seerri idila ddunyaa
hayyamutti biyyi weereerame humna qabutti fayyadamuun humna birmadummaasaa
jalaa sarbe ofirraa qolachuudhaan tarkaanfii irratti fudhachuu danda’a.Kan biraa qondaaltoonni
garee seeraan alaa ABUT konkolaattoota 800 dabalatee qabeenya Itiyoophiyaa
irraa saaman fudhachuun gara Eertiraatti baqataniiru.
Karoorri isaanii beekamaadha akkuma Kanaan
dura gamoojjii Eertiraa keessa waggootaaf turuudhaan Mootummaa Itiyoohiyaa
irratti miidhaa geessisaa turan achitti gurmaa’anii deeggarsa diinni
Itiyoophiyaa taasisuufitti fayyadamun turtii yeroo dheeraatiin mootummaa
Itiyoophiyaa waraana riphxee loltummaatiin dadhabsiisuudhaan taayitaa irraa
fonqolchuudha.Kan gochuu danda’anis,beekumsi qabanis kanuma waan ta’eef tooftaa
dur beekanitti deebi’an.Doofummaadhaan xaxaman waan ta’aniif haala ammaafi kan
durrii jidduu garaa garummaan ol’aanaan akka jiru hubachuu hindanda’an.
Mootumaan Ida’amuu ammoo kanaaf akka
yeroo hinkennineef afaanuma sirritti beekaniin hubachuu akka danda’aniif itti
himeera.Tuffii ittiin beekamanitti yoo cichanii hafan hundumtuu dhumn isaanii
baranuma akka ta’e beekamaadha.Umurin Shaabiyaatis ta’e kan ABUT gabaabbachaa
jira.Akkuma ummanni Naannoo Tigraay taasise ummanni Eertiraatis Shaabiyaan
saggoosaa qabee jireenya gadadoo keessa isa turtsiise akka irraa fonqolfamuuf
qaamolee dhimmi ilaallatuuf haala kan mijeessu ta’uunsaa waan hin’oolledha.Waan
hundumaa arguuf jirra,Fayyaa ta’aa! waan dubbiftaniif galatoomaa!




0 Comments