Ajandaatu itti baay'ate
Kanneen dubbii barbaadanitti ajandaan baay'ateera.Tokko jalqabanii utuu hinfixin irratti dabalamaaf.Ajandaa dura dhufeef irratti mormii isaanii utuu hinfixatin ajandaa guddaa biraa itti dabaluun sirrumadha.Waan ta'uu qabutu ta'aa jira.
Gara fuulduraattis humnoota hojii dhiisanii dubbii qotaa oolanitti ajandaa daddabaluudhaan burjaajessuun barbaachisaa akka ta'en hubadhe.Yaadakooti.
Wantootuma dhiyeenya ta'aa jiran akka fakkeenyaatti kaasuudhaan dhimma kana hubachuun barbaachisaadha.
1ffaa.Dhimma daangaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee:
Waa'een daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee quu'annoodhaan hojjetamee erga xumuramee booda ummatatti ifoomsame.Maal keessaa nudhabanii?jechuun humnoonni waan hundumaa mormuudhaan beekaman takka wacanii callisan.Kanneen wacan keessa humnoonni maqaa Oromootiin socho'anis akka jiran hindagatinaa!Safuu isaaniif.
2ffaa.Dhimma baruumsa Afaan Oromoo Finfinneetti:
Afaan Oromoo Finfinneetti fedhii malee akkamitti kennamaa?kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murtee akkanaa dabarsuu hinqabu!Mootummaan Federaalaa maalif callisaa?Ijoolleen fedhiifi hayyama maatii malee Afaan Oromoo barachuu hinqaban,dhimma kana seerri idil addunyaatu ni morma jechuudhaan wacan.
Humnoonni maqaa Oromoo dha'uudhaan socho'anis 'Ummanni Oromoo Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa naaf haata'u jechuun gaafate malee saboonni biroo Afaan Oromoo naaf haabaratan jechuun hingaafanne'jechuun balaaleeffatan.Yaadi isaanii nama kofalchiisa,al tokko tokko ammoo nama qaanessas.Maqaa Oromootiin qabsaa'aa jiru taanaan murtee Ummanni Oromoofi saboonni biroos walqixa irraa fayyadaman deeggaruutu irraa eegama malee halaala dhaabbachuudhaan qeequun,gadi qicuun wacaa ooluun sirrii ta'uu hindanda'u.
3ffaa.Dhimma gaggeessaa ministirootaa:
Mootummaan biyya kamiituu humna namaa qabu iddoo barbaadetti ramaduuf mirga guutuu qaba.Hanga filannoodhaan moo'ateetti yeroo turtii taayitaa isaatti nama barbaade iddoo barbaadetti akka hin ramadneef humni dhorkuunii danda'u hinjiru.
Manni marii ministirootaa ministiroota afran maalif gaggeesse?garam geessuufi?maal balleessan?jechuun yoo gaafachaa oolte deebiin kallattiidhaan siif kennamu hinjiru.Garuu ajandaa kanarratti mari'achuun walfalmaa ooluuf mirga guutuu qabda.
Garuu kanneen ajandaa kennitan warra wacaa oolan kanatti ajandaa waan baay'iftan natti fakkaata.Maalinni wanti akkanaa?Utuu ajandaa tokko bilcheessanii hin mari'atin,mormiin mootummaa irratti dhageessisan garaa utuu isaan ga'in ajandaa biraa itti dabaltuuf.Maaloo jara wacaa oolan kanaaf xiqqumallee taatu gaddaa!

0 Comments