Eenyullee haata'u!




Finfinnee Guraandhala 11/2016(YMN) Aab Taayyee Danda'aa irraa mirgi himatamuu dhabuu mulqameera.Caffee Oromiyaatu murteesse.Dubbiin tun jabduu.Caffeen Oromiyaa bakka bu'aa Saba Oromooti.Diina lalisee kan diinatti michoome hunda addabbii akka Aab Taayyee kanatu mudata.Eenyullee haata'u maqaa sabaatiin taayitaarra taa'un kan saba miidhamaaf saaxilu kamiyyuu itti gaafatamummaa jalaa miliqquu hindanda'u!

Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru hundi kana irraa barachuu qaba.Taayitaarran jira jechuun roorrisuun akka barbaadan ta'uun saba salphisuun,hooggansa arrabsuun itti gaafatamummaaf akka nama saaxilu beekamaadha.Diinatti firoomuun injifannoo qabsoo bara dheeraa booda sabni harkatti galfate fashaleessuuda.Taayyeen namni keenya cimaan xumura irratti shira diinaatiif jilbiinfachuunsaa kan nama gaddisiisu ta'us ol'aantummaan seeraa kabajamuun dirqama waan ta'eef Aab Taayyee Danda'aa yakki raawwate qaama dhhimmi

ilaallatuun qulqulleeffamee seeraan gaafatamuunsaa sirriidha,barbaachisaadha.

Kanneen akka feetee ta'anii socho'uu barbaadaniifis baruumsa kenna.

Utuu jennuu Caffeen Oromiyaa har’a yaa’isaa idilee xumuruun dura dhimma mirga himatamuu dhabuu obbo Taayyee irratti wayita mari’atetti miseensa caffee keessaa kan mirgi himatamuu dhabuu mulqamuu hinqabu jechuun kan morman jiru jedhan.

Miseensonni sagalee mormii dhageessisan sababa qaban irratti bu’uuraawuudhaan waan barbaadan jechuuf mirga guutuu kan qaban ta’anis ol’aantuummaan seeraa akka hinkabajamneef gufuu ta’uu hinqaban!

 

 

 

 

Post a Comment

0 Comments