Finfinnee Amajjii
11.2015(YMN) Humnoonni tokko tokko yeroo ummanni baay’een walga’utti haawaasa
irra miidhaan akka ga’u taasisuudhaan dhaga’amtummaa argachuuf carraaqu.Taateen
humnoota kanaa kanaan dura waltajjiiwwan ummanni bal’aan itti hirmaatu irratti
mudatee agarree jirra.
Akka
fakkeenyaatti wantoota mudatanii darban yaadachuuf kanaan dura Magaalaa Finfinneetti
sirna kabaja Damaraa Masqalaa irratti jeeqamsi akka ka’u taasisuudhaan hawaasa
irra miidhaan akka ga’u taasifameera.
Ayyaanni Sooma
hiikaa Ramadaanaa wayita kabajamuttis haaluma walfakkaatuun miidhaan akka ga’u
taasifameera.Kana malees yeroo jalqaba hooggansa jijjiiramaatti iddoo muummichi
ministiraa Dr.Abiy Ahmad argamuun adda babayii Masqalaatti haasawa
dhageessisanitti waxabajjii 16 boombii darbachuudhaan yaaliin ajjeechaa
taasifameera.
Waan kana
hunda kan raawwate diina keessaafi alaati.Diinni alaafi keessaa qindoomina
uumuudhaan bu’aa siyaasaa galmeessifachuuf carraa kamittuu kan fayyadamu ta’uunsaa
waan beekamuuf mootummaan tibba ayyaanaafi waltajjiin hawaasa hedduu
hirmaachisu wayita adeemsifamutti of eeggannoon cimaan akka taasifamuuf hawaasa
dammaqsa.Humnoonni tasgabbiitiis qindoominaan akka hojjetan taasisuudhaan
miidhaan diinni keessaafi alaa geessisuuf karoorfatu akka hin milkoofneef
carraaqqii hinqusatamne taasisa.
Haala
qabatamaa amma jiruun ummanni bal’aan dhugaa kana sirritti qalbeeffachuudhaan
mootummaadhaaf deeggarsa gamasaa taasisaa jira.Tumsa Ummanni taasisuun ammoo
diinoonni keessaafi alaa mataa gadi qabachuuf dirqamu.Kunis qabatamaan mul’achaa
jira.
Kan fagoo
dhiifnee ayyaanuma Cuuphaa baranaa wajjin walqabatee hirmaannaa ummanni taasise
ilaaluun gahaadha.Ayyaana Kataraa kaleessa kabajame irraa eegalee hirmaannaan
ummanni nagaan amansiisaan akka jiraatuuf taasise ol’aanaadha.Kutannoon ummanni
mul’ise kun ammoo humnoota tasgabbii kan onnachiisuufi nagaan amansiisaan akka
jiraatuuf daran akka hojjetan kan taasisudha.
Ummanni haala
kanaan xiiqeeffachuun Nagaasaatiif kan dhaabbate adeemsa diina keessaafi alaa
akkasumas qindoomina isaanii sirritti waan hubateefidha jechuun nidanda’ama.Hirmaannaan
ummataa utuu jiraachuu baatee ayyaana Kataraafi Cuuphaa ummanni miliyoonaan
lakkaa’amu itti hirmaate irratti rakkoon mudachuun isaa waan hinoolle ture.
Odeeffannoon
dhimma tasgabbii ayyaana Kataraafi Cuuphaa ilaalchisuudhaan hanga yoonaatti
poolisiin kenne jiraachuu baatus ayyaanni Kataraafi Cuuphaa haala ho’aa ta’een
kabajamee darbeera.Ayyaana Kataraafi Cuuphaa Finfinnee qofarratti kanneen
bilbila moobaayilaa hatan namoonni 13 too’annoo jala oolfamuusaaniitiin ala
wanti poolisiin hime hinjiru.Taabotoonni hindeebine waan jiraniif hundumtuu
erga deebi’anii booda gabaasa qindeessuun tarii odeeffannoon dabalataa qaama
tasgabbiirraa nikennama jedhamee eegama.
Hundumaafuu
ammaan booda ummata jidduutti jeeqamsi akka ka’u taasisuudhaan bu’aa siyaasaa
galmeessifamuuf socho’uun mootummaa irratti dhiibbaa geessisuuf wixiffachuun bu’aan
argamsiisuu danda’u akka hinjirre hubatamaa dhufeera.
Karaa
nagaatiin socho’uudhaan waan ummata fayyadu hojjechuuf carraaquudhaan ala falli
biraa hinjiru.Humnoonni kamiyyuu ummata irraa deeggarsa argachuu kan barbaadan yoo
ta’e diina alaa wajjin qindaa’uudhaan socho’uun salphina isaan goonfachiisuun
ala bu’aan argamsiisuuf gonkumaa akka hinjirre waanuma isaan mudachaa jiru
irraa hubachuu qabu.
Sababoota gara
garaa uumuun humnaan socho’uudhaan mootummaafi ummata walitti buusuudhaan bu’aan
argamuu danda’u akka hinjirres carraaqqiin isaan kanaan dura taasisuudhaan
jalaa fashalaa’e ragaa qabatamaadha.Gibtsiifi diinoota alaa kanneen biroo irraa
deeggarsa argachuun mootummaafi ummata Itiyoophiyaa hinjilbiinfachiisu.Fayyaa
ta’aa!
Maddi suuraa:FBC
0 Comments