Finfinnee Amajjii 10,2015(YMN) Ayyaanni jala bultii Cuuphaa kataraan guutuu Itiyoophiyaatti haala ho’aa ta’een kabajameera.Suuraawwan miidiyaa hawaasummaa irratti tamsaafaman akka mul’isanitti ayyaanichi akkaataa sirna amantaa tawaahidoo Ortoodooksii Itiyoophiyaa eegeen kabajameera.
Taabotoonni bataskaanoota tawaahidoo ortoodooksii Itiyoophiyaa gara garaa utuu hin dhiyin iddoo bulmaatasaanii ga’aniiru.As Magaalaa Finfinnee dabalatee haalli hawaasni taabotoota ittiin gaggeesse yoo ilaalamu yaaddoon nagaa waan jiru hinfakkaatu.Ummanni humnoota tasgabbii wajjin waltaanaan kan nagaa booressuu barbaadu iddoo argachuu hindanda’u.
Suuraan daawwatan kun kan ummata Magaalaa Naqamteeti.Jiraattoonni Magaalaa Naqamteefi naannawashee kunoo haala kanaan taabotoota iddoo bulmaataan ga’uun akkanatti ba’an.Yaaddoon nagaa humnoonni hidhatan uuman darbee haala kana Naqamteefi naannawasheetti arguun hundumaaf abdii guddaa kan uumudha.
Akkuma ayyaanni kataraa akkaataa kanaan rakkoo malee kabajamee darbetti ayyaanni Cuuphaa boru kabajamus nagaadhaan akka darbuuf qindoominni hawaasaafi humnoota tasgabbii daran jabaatee itti fufuu qaba.Kutannoon hawaasaafi humnoota tasgabbii itti fufiinsa qabu jiraannaan kanneen riphuudhaan nagaa booressan iddoo argachuu hindanda’an.Ayyaana gaarii!
0 Comments