Baay'ina Saba Oromoo himuun doorsisaaf miti

 



Finfinnee #Ethiopia Amajjii 17,2015(YMN) Saboota Itiyoophhiyaa keessaa kanneen biroo wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu baay'inni saba Oromoo ol'aanaa akka ta'e nibeekama.Baayinnii Saba Oromoo beekamu kun Oromoodhaaf kabajaafi jaalatamummaa malee jibbaafi diinummaa fiduu hinqabu.
Humnoonni tokko tokko baay'ina Saba Oromootiin yaaddoo cimaa akka qaban gochuma yeroo adda addaatti raawwataniin mul'isaniiru.Ammallee gochasaanii barame kana irraa waan adabatan akka hin taane mul'isaa jiru.
Waanuma tibbana mudate akka fakkeenyaatti fudhachuun dhimma kana haailaallu.
Tibbana abbootiin Amantaa tawaahidoo Ortodooksii Itiyoophiyaa miseensa saba Oromoofi miseensa sablammoota biraa ta'an seeraan ala muudama kennaniinru sababa jedhuun arrabsooniifi abaarsi hooggansa Oromoofi hawaasa irratti roobsamu kan himamee dhumu akka hintaane argaa jirra.
Wanti kun maalif ta'uu danda'e jechuun qulqulleeffachuun gara fala waaraatti deemuu mannaa arrabsoofi abaarsa roobsuutu itti salphate.Kan danda'anis kana waan ta'eef kana gochaa jiran jechuun nidanda'ama.
Namoonni tokko tokko keessuma ba'anii sababa kanaan Oromoo doorsiisuu barbaadu.Oromoon guddummaa isaa abdachuu hin qabau jedhan.Shira shiruu waan beekaniif onnachuudhaan kana dubbatu.Oromoo qoqqooduudhaan akkuma kanaan duraa waan itti fakkaateef dhama'aa jiru.Oromoon amma fira baay'ee akka qabu hinbeekan.
Oromoon Saba doorsifamu miti.Sababiin ittiin doorsifamus hinjiru.Takka kaanaan falmitoota isaa kan liqimsuu danda'udha.Garuu kun furmaata akka hintaane waan beekuuf hunda hammatee jiraachaa jira.Oromoon saba hammataadha kan jedhamu dhiibbaa irra ga'u hunda dandamatee kanneen biroo wajjin jiraachuuf ga'uuma ol'aanaa kan qabu waan ta'eefidha.
Kanaaf kanneen seeraan ala deemaa jiran akka adabataniif tokkummaa Oromoo daran cimsuun,kanneen onnatanii Oromoo salphisuuf socho'aa jiran dura dhaabbachuun,falmuun,dhugaa qabatamaan jiru himuun dhimma murteessaadha.
Kana yoo goonu ammoo miraan miti,dallansuudhaan miti.Akkuma warri kaan wal leelisan ta'aa tokkummaa Oromoo jabeessaa dudhaa ganamaatti deebi'aa ta'uu qaba.Dirqamni kun dirqama Oromoo hundaa akka ta'e hubachuudhaan hundumtuu iddoo jirutti dhugaa qabatee malaan socho'uu qaba!'Malaan Bishaan Waaddan'

Post a Comment

0 Comments