Finfinnee Amajjii 11,2015(YMN) Bulchitoonni mootummoota Naannoo Oromiyaafi Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz dhimma nagaafi tasgabbii irratti mari’ataniiru.
Hooggantoonni naannolee lamaanii dhimma nagaafi tasgabbii irratti kan mari’atan Magaalaa Asoosaatti akka ta’e beekameera.
Waltajjii marii kana irratti Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa pireezidaantiin Naannoo Beeniishaanguul Gumuuz Ob.Ashaadilii Hasaniifi qondaalli ol’aanaan raayyaa ittisa Itiyoophiyaa Janaraal Getaachoo Guddinaa akka argaman beekameera.
Mariin gaggeeffame rakkoo nagaafi tasgabbii daangaa naannolee lameeniirratti mudatu ittisuuf kan gargaaru akka ta’e eerameera.
Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa tibbana dhimma Nagaafi Misoomaa irratti bakka bu’oota ummata godina Wallagga bahaa,kan Wallagga lixaafi Qeellam wallaggaa wajjin mari’achaa akka turan nibeekama.
0 Comments