Finfinnee Ethiopia Amajjii 15,2015(YMN)
Hojiin Misooma sululaa baatiiwwan lamaaf turu har’a godinaalee Oromiyaa gara
garaa keessatti jalqabameera.
Pirezidaantiin
Mootummaa Nananoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dhaamsa kaleessa ummataaf
dabarsaniin qabeenya uumamaa kunuunsuun Naannoo magariisaafi jireenyaaf mijataa
ta'e dhaloota egeree haa dhaalchisnu jedhaniiru
Dhaamsi
guutuun Pirezidaantichi barreeffamaan ummataaf dabarsan kan itti aanee dhiyaate
kanadha dhubbisaa
Uumamni dachee kana irratti argaman hundi waldanda’anii akka jiraataniif seera uumaafi uumamaan taliigamu. Seerri kunis uumama jidduutti madaalli akka jiraatu abbooma. Hariiroon uumama jidduu jiru yemmuu dabu madaallii uumamaatu daba, boca isaa gadhiisee miidhagina ganamaa dhaba. Uumama wal madaalee jiraatu irrattis miidhaatu qaqqaba.
Miidhaawwan
yeroo ammaa addunyaa keenyatti yaaddoo ta’aa jiran harki caalaan sababa
madaalli uumama jidduu jiru dabe irraa kan maddan yoo ta’u, kana keessaas
jijjiiramni qilleensaa yaaddoo addunyaa isa duraati.
Uumama
hunda keessaa aangoon uumama kaan bulchuu, seeraan itti fayyadamuufi kunuunsuu
dhala namaa qofaaf kenname. Dhalli namaa kaleessa jireenya isaa fooyyeffachuuf
jecha qabeenya uumamaa irraan miidhaa qaqqabsiisaa turee jira. Kunis deebi’ee
dhaluma namaa irratti miidhaa fide. Dhalli namaas qabeenya uumamaa irratti
miidhaan qaqqabuun hangam madaala uumamaa jallisuun miidhaa akka fidu waan
hubateef miidhaa harka isaatiin fide kana bakkatti deebisuuf carraaqqii garaa
garaa taasisaa jira.
Dabalaa
dhufuun lakkoofsa uummata addunyaa fedhiin midhaan nyaataa, anniisaafi mana
jireenyaa akka dabalu taasisuun mancaatii bosonaa hammaataa qaqqabsiise. Kunis
jijjiirama qilleensaafi dhiqama biyyee fiduun hongeefi gogiinsi akka babal’atu,
ho’i addunyaa akka dabalu, oomishaafi oomishtummaan akka hir’atu taasisuun
dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irratti miidhaa fide. Haalli kun, beelaafi
hongee qaqqabsiisuun godaansiifi walitti bu’iinsi akka uumamuuf karaa saaqe.
Miidhaan jijjiirama qilleensaan dhufu rakkoo addunyaa guutuu ta’us, biyyoota
akka keenyaa guddachaa jiran irratti ammoo ni hammaata.
Kunis
dhimmi jijjiirama qilleensaa ajandaa biyyootaafi dhaabbilee idil-addunyaa
akkasumas hayyootaafi rogeeyyii eegumsa naannoo isa guddaa akka ta’u taasisee
jira.
Biyya
keenyatti waggoota kurnee toorbaan dura bal’ina lafaa jiru keessaa 45% ol
bosonaan uwwifamee kan ture yoo ta’u, sirni bulchiinsa qabeenya uumamaa
xiyyeeffannoo gahaa dhabuu irraan kan ka’e uwwisni bosonaa kun gadi bu'eera.
Haalli kun, jijjiirama qilleensaafi dhiqama biyyee qaqqabsiisuun oomishaafi
oomishtummaan akka hir’atuufi miidhaan garaagaraa akka muudatuuf sababa ta’uu
danda’eera.
Miidhaan
qaqqabes eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeeffannoo kennuun akka
barbaachisu kan akeeke yoo ta’u, muuxannoon biyyoota qabeenya uumamaaf
xiyyeeffannoo kennaniifi bu’aan isaan galmeessisan dhugaa kana ragaa ba’a.
Biyyi
keenyas haala kana hubachuun keessumaa waggoota arfan darban dhaabbii
biqiltuufi misooma sululaan hojiiwwan bu’aa qabatamaa fidan hedduun
hojjetamaniiru. Kunis, bosona manca’e bakka buusuun faalama qilleensaa
hir’isuu, dhiqama biyyee ittisuufi gabbina biyyee dabaluu, burqaa gabbisuufi
kan kana fakkaatan of keessatti haammata.
Keessumaa
Itoophiyaan waggoottan arfan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu gosa
adda addaa biiliyoona 25 ol dhaabuun miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu
qolachuuf kutannoo qabdu hojii qabatamaan kan mul’ise dha. Hojii bu’aa qabeessa
hooggansiifi uummanni keenya qormaata rogdaneessaa keessatti galmeesse biyya
keenya sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii gonfachiisee jira.
Uummanni
Oromoo uummata madaala uumamaa eeguu keessatti falaasamaa addaa qabu qofa osoo
hin taane, duula ashaaraa magariisaa milkeessuufi kunuunsa naannoo keessatti
gahee olaanaa taphate dha.
Uummanni
Oromoo naannoo waliin hariiroo addaa qaba. Bineensaafi biqiltuuf kabaja malu kenna.
Uumamaan uumaa isaa kadhata. Uumama irraan miidhaa ga’uun madaala uumaa
jallisuudha jedheetu amana. Kunis, Oromoon jaarraa hedduuf qabeenya uumamaa
eeguufi kunuunsuun madaala uumamaa eegee akka jiraatu isa dandeessise.
Haa
ta’u malee, adeemsa keessa sababoota garaagaraan seerri kun laafaa dhufuun
qabeenya uumamaa naannoo keenyaa irratti miidhaa fide; bosona mancaasee dhiqama
biyyee qaqqabsiise.
Waan
ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivii “Duudhaa Keenya Ganamaatti haa
deebinu!” jedhuun hojiiwwan hawaasummaa, eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa
ajaa’ibsiisaa tajaajila lammummaan hojjechuu irratti argama. Kanaanis uwwisni
bosonaa naannoo keenyaa 17.8% irraa gara 26. 7% tti ol guddachuu danda'ee jira.
Kunis, uummanni Oromoo uummata guddaa karoorsee guddaa raawwatu ta'uu isaa
hojiiwwaan waggoota sadan darban keessa hojjetaman ragaadha.
Uummanni
waloon hojjetee injifannoo galmeessise kun bu’aa argamaa jiru itti fufsiisuuf
biqiltuuwwan 'Sagantaa Ashaaraa Magariisaan' baroota darban keessa dhaabe kunuunsuun
jijjirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf fala kennaa jiraachuusaa caalmaatti
addunyaatti mul’isuu qaba.
Waan
ta’eef, uummanni naannoo keenyaa hundi qabeenya uumamaa kunuunsuun naannoo
magariituu jireenyaaf mijattuu taate, dhaloota boruu dhaalchisuu ta’uu hubatee,
duula hojii misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo keenyatti
Amajjii 15/2015 irraa eegalee guyyoota jaatamaaf(60) itti fufu irratti
hirmaachuun gahee isaa barame akka bahu maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiin waamichakoon dhiyeessa.
Oromiyaa
ni ijaarra
Itoophiyaa
ni utubna
Gaanfa
Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos
nu gargaara!
Shimallis
Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii
2015
Finfinnee
0 Comments