Badhaasa Kantiibaa Adaanach Abeebee

 


Finfinnee Bitootessa 07/2016(YMN) Barruun Hooggansa Afrikaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Hooggantuu Dubartii Afrikaa cimtuu jechuun badhaaseera.

Dhaabbanni Hooggansa Afrikaa kan teessoo isaa biyya Ingilizii taasifateefi waggaa waggaadhaan hooggantoota Afrikaa ga’uumsa gaarii Afrikaa keessatti mul’isan badhaasu,sirna badhaasa isaa bara 2024 magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.

Sirni badhaasaa baranaa Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffame kun yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaatti nama cimaa waggaa ta'uun kan gaggeeffame ta'uun himameera.

Qaama Dhaabbata Hooggansa Afrikaa kan ta’e Barruun Hooggansa Afrikaa nama cimaafi hoogganaa waggaa dandeettii hooggansaa ol’aanaa qabuuf badhaasa kan kennu yoo ta’u, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeetis hooggansa dubartootaa Afrikaa keessaa cimtuu ta’uun badhaasa baranaa kana badhaafamaniiru.

Badhaasa kana kan fudhatan Kantiibaa Adaanach Abeebee yaada kennaniin badhaasa kennameef galateeffataniiru.


Sirni badhaasa kanaa mata duree "Diinagdee Afrikaa hininjifatamne ijaaruu" jedhuun kan gaggeeffame yoo ta'u,hooggantoonni Afrikaa sadarkaa adda addaatti argaman 25 ol akka hirmaatan beekameera.

Gaggeessitoonni diinagdee hinmo’amne ijaaruu danda’aniifi guddina diinagdee itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf ga’ee ol’aanaa qaban jedhamanis sirna gaggeessummaa isaaniitiin kan ittiin badhaafamanidha.

Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jijjiirama Magaalaa Finfinnee keessatti argamsiisuu danda'aniif badhaasa kana caalutu malaaf!Hooggansa Kantiibaa Adaanach Abeebeetiin Finfinnee keessatti jijjiiramoonni qabatamaan ijaan mul'atan galmeeffamaa akka jiran beekamaadha.Diinni dhugaa qabatamaa kana haaluu hindanda'u.Jajjabee teenya baga gammadde!


Post a Comment

0 Comments