(YMN,Ebila 30,2018) Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa waan
hedduu nutti mul’isaa jira.Humnoonni siyaasaa tokko tokko ammallee idduma durii
akka jiran ilaalcha calaqqisiisaa jiraniin of saaxilaa jiru.
Filannoo waliigalaatti hirmaachaa
sagantaa siyaasaafi imaammata qaban bilisaan ibsachaa, gareewwan hidhannoo
qabatanii bosona keessa dhokatanii jiran deeggaruun ta’aaree? Walfaana deemuu
danda’aaree?Wanti walfaallaan waliin deemuu akka hindandeenye beekamaadha.
Gareewwan afaan qawwee wayya jedhanii
karaa nagaa filachuu didan waamicha nagaa ummanniifi mootummaan Itiyoophiyaa
yeroo adda addaatti dhiyeessaniif haal-dureewwan adda addaa kaa’uudhaan gufuu
nagaa ta’aniiru.Diddaan kun sababa qaba.Gareewwan hidhattoonni bosona keessa riphanii
luuxaa jiran humnoota adda addaa diina Itiyoophiyaa ta’aniin deeggaramu.Isaan
abdachuudhaan akka didan beekamaaha.
Mamii malee ifumatti himuutu gaarii ta’a.Waan
qabatamaan jiru isaanuu beeku waan ta’eef dhugaa jiru itti himuun sirrii ta’a.Gareen
maqaa ummata Amaaraa da’eeffatee ‘Faannoo’ jedhee of moggaasuun iddoo hedduutti
fofottoquun socho’aa jiru Shaabiyaafi Gibtsiin akkasumas abbootii qabeenyaa
biyya alaa jiraataniin deeggarama.Deeggarsi taasifamuufis kan meeshaa
waraanaafi maallaqaa akka ta’e odeeffannoon yeroo adda addaatti tamsa’an mul’isaniiru.
Gareen Shanee, maqaa ummata Oromoo da’eeffachuun
socho’aa jirtus kanaan ala miti. Waayyaannee dabalatee humnoota adda addaa
biyya keessaafi biyya alaatu deeggarsa taasisaafii jira.
Shaneen shoroorkeessituun maqaan shoroorkeessummaa
waggootaan dura itti moggaafame ‘Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO)’ ofiin jechuun
ergamaa diinaa taatee socho’aa jirti. Utuu humna qabaattee ammoo yeroo dheeraaf
bosona keessa hinfoqoqxu.
Paartiiwwan siyaasaa maqaan
beekamaniifi Boordii Filannoo Itiyoophiyaa irraa hayyama fudhachuun filannoo
waliigalaatti hirmaachaa jiran qaamaan Finfinnee jiraatanis yaadaan humnoota
hidhatanii socho’an kan ‘WBOfi Faannoo’ jedhanii of moggaasan bira akka jiran
waanuma isaan dubbachaa jirantu ragaa qabatamaadha.
Egaa walsobuun gaarii hinta’u.Cubbuudha.Haqa
qabatamaan jiru hubachuun karaa seera qabeessa ta’e qofarra deemuutu fala
waaraa fiduu danda’a.Iddoo lama dhaabbachuudhaan taayitaa qabachuun,barcuma
taayitaa koruun jaarraa 21ffaa keessa gonkumaa hindanda’amu! Ummanni bal’aan
haqa kana sirritti beeka.Ummanni bal’aan hinbeeku jettanii of hingowwoomsinaa!
Kanneen burjaaja’uudhaan dhugaa
qabatamaan jiiru wallaalan ammoo haala jiru qalbeeffachuun of eeggannoo barbaachisaa taasisuutu
irraa eegama.Dursa kennuu kan qaban nagaadhaafi.Nagaan boorofnaan jireenyi
guyyuu yaaddessaa ta’uudhaan itti fufa.
Kanaaf humnoota fakkeessitoota iddoo lama dhaabbataniif Caamsaa 24 sagaleen
kennamuu hinqabu.Paartii isa kamtu nagaa waaraa naaf fiduu danda’a?gaaffii jedhuuf
deebii gahaa utuu hinkennin guyyaa sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 buufata
filannoo dhaquudhaan sagalee kennuun medaallii kamiiniyyuu sirrii ta’uu
hindanda’u.Murtee dongoraa dabarsuuf haala mijaawaa uuma.Murteen dogongoraan
darbu ammoo boodarra hunda miidhuu danda’a.
Of eeggannoo gama kanaan taasifamu maddiitti
filannichi karaa nagaafi tasgabbaa’aa ta’een adeemsifamee akka xumuramuufis
shoora lammummaa ba’uun barbaachisaadha.Carraaqqiin humnoonni tasgabbii
taasisan akkuma jirutti ta’ee nagaan amansiisaan akka jiraatuuf akkuma kanaan
duraa hirmaannaan ummata bal’aa bakka bu’ummaa hinqabne barbaachisaadha.
Burjaajeessitoota kallattii adda
addaatiin socho’aa jiran irraayis of eeguun waan dagatamuu hinqabnedha.Burjaajeessitoonni
nagaan akka hinjiraanne barbaadan ‘yeroon
filannoo jijjiiramee,filannoon yeroo biraatiif darbeera’jechuun oduu sobaa
tamsaasaa jiru.Medaalliifi sababa kamiiniyyuu filannoon waliigaalaa hinhafu,yeroo
biroottis hinjijjiiramu,jijjiiramuus hindanda’u.
Humnoonni filannoon akka jeeqamu barbaadan
ololli sobaa akka afarfamu taasisuun akkuma baran shiraan socho’uun hawaasa
burjaajessu. Burjaajeessitoota bobbaasuudhaanis kaayyoosaanii milkeeffachuuf
socho’u.Kana ammoo kan godhan ergama diina alaa irraa fudhatan hojiirra
oolchuufi.Diinni keessaafi alaa haala mijaawaa argate hundatti fayyadamuu irraa
duubatti hinjedhu.Malaafi tooftaa kamittuu fayyadamuu danda’a.
Haalli mijaawaan barana diinni argate ammoo
filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa akka ta’e duursee hubachuun qindoominaan socho’aa
akka jiran haala qabatamaan jirutu ragaadha.Rasaasaafi meeshaan waraanaa Shaabiyaan
gara Itiyoophiyaatti dhoksaan yeroo adda addaatti ergu maaliif akka oolu
hubachuun barbaachisaadha.
Akkuma diinnoonniifi ergmtoonni isaanii
filannoo baranaa da’oo taasifachuun jeeqamsaafi hookkara uumuuf qophaa’an
ummanni bal’aan Itiyoophiyaatis nagaasaa waaressuuf qophii gahaa
taasiseera.Qindoominni humnoota tasagabbii biyyaa wajjin ummanni bal’aan qabus
akkuma kanaan duraa daran cimaadha.Gareen ergamaan kamiyyuu ummata Itiyoophiyaa
dura dhaabbachuu hindanda’u.
Qophaa’ummaan caasaa nagayaafi
tasgabbii sadarkaan jiru taasises ol’aanaa akka ta’e odeeffannoo qabatamaan
jiru caalaa ragaan biroo kennamuu hndanda’u.Kanaaf humnoonni maqaa paartii
seera qabeessaatiin iddoo lama dhaabbattan gocha badii qindoominaan raawwachuuf
karoorfattan hojiirra oolchuun dura al-lama sadi irra deddeebi’uudhaan yaaduutu
isin irraa eegama.’Abbaatu Of Mara’ jedha Bofni.Oromoonkoo mammaaksaan dubbii fixata.Akkasi
yaa Jamaa!

0 Comments