Eebba Hidha
Haaromsaa booda muummichi ministiraa Dr.Abiy
Ahmad Guubaatti hooggantoota wajjin mari’ataniiru.
Dhimmi irratti
mari’atame himamuu baatus Abbichuun haala kanaan hooggantoota biyyaalee gaanfa
Afrikaafi dura taa’aa komishiinii Gamtaa
Afrikaa Mohaamuud Alii Yasuuf wajjin mari’achuun isaanii hiika guddaa qaba.
Muummichi keenya haala
suuraadhaan daawwattan kanatti kan mari’atan pirezidaantii Soomaaliyaa Hasan
Sheek Mohaammad,pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo,pirezidaantii Jabuutii
Ismaa’eel Uumar Giileefi dura taa’aa komishiinii Gamtaa Afrikaa Mohaamuud Alii
Yasuuf wajjini.
Hooggantoonni
biyyaalee gaanfa Afrikaa akkanatti
walgahanii mari’achuun,ilaafi ilaamee jechuun
nagaafi tasgabbii naannawichaa amansiisaa taasisuufi bu’aa waloo gama
siyaasaafi hawaas-diinagdeetiin barbaadamu argamsiisuuf shoora ol’aanaa
gumaacha.
Kun hunduu kan ta’e
walitti qabdummaa Abbichuutiin ta’uunsaa nugammachiisuu bira darbee nuboonsa!
0 Comments