Hooggansi Ol'aanaan Oromiyaa hawaasa wallagga bahaa wajjin mari'ate




Hoggansi ol'aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Pireezidaantii Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu kutaalee hawaasaa Magaalaa Naqamtee fi Aanaalee Godina Wallagga Bahaa waliin mari'ataniiru

Waltajjiin marii Magaalaa Naqamteetti kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjii marii kana irratti Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ittaanaa Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdii qondaaltota mootummaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamoleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru.
Waltajjii marii kana irratti rakkoolee nageenyaan ummanni buqqaatiif, saamicha qabeenyaa fi rakkoo diinagdee fi hawaasummaaf saaxilamuu hirmaattonni himaniiru.
Kanaafis rakkoolee bu'uuraalee misoomaa fi hoji dhabdummaatti fala barbaaduuf mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjetuu gaafataniiru.
Mariin hawaasa hirmaachise iddoowwan rakkoo tasgabbii keessa turanitti niadeemsifama jedhamee kan eegamu yoo ta'u hawaasni miidhaa gareen shoroorkeessaan finxaaleeyyii kanneen biroo wajjin qindaa'uudhaan irraan gahaa ture kaasuudhaan kallattiin furmaataa nikaa'ama jedhamee eegama.
Godinaaleen Oromiyaa sochiin finxaaleeyyiin gara garaa taasisaniin jireenya gadadoo suukaneessaa ta'eef saaxilamuun kan ture yoo ta'e sababa sochii garee finxaaleeyyiitiin hojii misoomaafi guddinaa irraa daangeeffamee turuuf dirqameera.
Mariin qondaaltoota mootummaa wajjin hawaasni eegale kun fala waaraa aragmsiisuunidanda'a jedhamee abdatameera.


Post a Comment

0 Comments