Sadarkaa
har’a irra jirru kana irra ga’uun danda’ameera.Kun Injifannoo yoomillee
dagatamuu hindandeenyedha.Injifannoon biyyaafi lammii biyyaaf quuqamu hunda
boonseefi gammachiise kun bu’aa ba’ii hedduu lakkaa’amee dhumuu hindandeenye
booda galmeeffame.Inijfannoon biyya diigumsa irraa hambise kun akka
galmeeffamuuf kumaatamootatu miidhame.Dhiiga lammiitu dhangala’e,lafee lammiitu
caccabe,qabeenya dilbiitu barbadaa’e.Waan ta’ee darbe hunda dhalootaaf
olkaa’uun barbaachisaadha.
Amma
wanti duubatti deebi’u akka hinjirre mirkanaa’eera.Injifannoo galmeeffame
eeggachaafi kunuunfachaa injifannoo biyya misoomsuu,ijaaruufi badhaadhomsuu
itti aanu galmeessisuuf dirqamni kan lammii biyyasaa jaalatu hundaati.Abalutu
kana hojjeta jechuun dhimma biyyaa irraa qoollifachuun qaama biroo eeguun
hinbarbaachisu.Dhimmi biyyaa kan hundumaati.Kan dirqamni itti kennamee itti
gaafatmaan hojjetu yoo jiraates hundumtuu waa’ee biyyaa keessaa harka qaba.
Injifannoon
cululuqaan sadarkaa guutuu biyyaatiin argame kun akka galmeeffamuuf obsi
nuffisiisaan hooggansi ol’aanaan mul’ise tooftaan hooggansi ol’aanaan fayyadame
obsi ummanni bal’aan utuu abdii hinkutatin itti fufuunsaa qabatamaan
agarsiiseefi kutannoon lammii biyyasaa jaalatu hundaan mul’ate kan himamee
dhumuu danda’u miti.
Keessumattuu
wareegamni Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa baaseefi gumaachi humnoota tasgabbii
hundaan taasifame adda durummaadhaan yoomiyyuu kan himamuu danda’udha.Seenaatu
galmeessee olkaa’e waan ta’eef dhaloonni dhufu muuxannoo irraa fudhachuun
Itiyoophiyaan biyya guddittii diinni akka barbaadutti diiguun akka hintaane
ittiin mul’isuu danda’a.
Dhaloonni
amma jirus akkuma dhaloota kanaan duraa Itiyoophiyaa itti fufsiisuu
danda’uudhaan carroomeera.Abaabileefi Akaakileen keenya qabsoo obsa fixachiisaa
taasisuudhaan diina alaafi keessaa biyya irratti ka’e ga’uumsaan qolachuun
Itiyoophiyaan biyya birmadummaa ishee kabajisiisuun itti fufuu dandeesse
taasisuun dhaloota dhaalchisuu danda’aniiru.Dhaloonni ammaa imaanaa abbootii
durii irraa fudhates waan irraa eegamu hunda raawwachuudhaan imaanaa itti
kenname ba’aa jira.Kanaaf dhaloonni amma jiru qaaniifi salphina irraa
baraarameera.
Dhaloonni
amma jiru waan hedduu ittiin boonu galmeessiseera.Hidha guddicha Abbayyaa
dafqasaatiin ijaarrachuun anniisaa elektiriikaa maddisiisuu danda’eera.Asrratti
wanti mamsiisaan hin jiru.Hidhi Abbayyaa sadarkaa muraasaan madda elektiriikaa
ta’uu danda’e guutummaatti tajaajila kennuu jalqabuunsaa waan hinoolle akka
ta’e mirkanaa’eeraa.Ijaarsi hidha seenaa-qabeessa kanaa gufatee akka
dhaabbatuuf shira gamaa-gamanaa xaxame hunda kukkutee bira darbuu
danda’eera.Diinoota tooftaawwan adda addaatti fayadamuudhaan Itiyoophiyaa
diiguuf walta’an hunda qaanessuu danda’uunis dhimma guddaa dhaloota amma jiru
boonsudha.Amma dhugaa qabaatamaan jiru kana humna kamtuu haaluu
danda’aa?gonkumaa waan ta’u miti!
Egaa
akka seenaadhaan beekamutti borumtii injifannoo booda wantoonni gufuu ta’uun
dhufan baay’eetu jira.Kan jalqabaa injifannoo galmeeffame dhuunfachuudha.Utuun
ani jiraachuu baadhee,utuun ani akkan taasisuu baadhee…. injifannoon kun
hingalmeeffamu jechuun humnoonni faallaa deeman hindhabaman.
Kun
ammoo kallattiidhaan yoo dhufuu dadhabes teeknooloojii baraatti fayyadamuun
olola ta’uu hinqabne facaasuun,injifannoo galmeeffame salphisuun,gadi
qicuun,faallessanii odeessuun waan hinoolledha.Haala qabatamaa amma jiruunuu
sochiin kun mul’achaa waan jiruuf of eeggannoo taasisuun nibarbaachisa.
Sochiin
haala kanaan taasifamu injifannoo galmeeffame xureessuu danda’a.Akka kun
hintaaneef lammiin biyyasaa jaalatu hundumtuu quuqamaan inijifannoo galmeeffame
eeggachaafi kunuunfachaa injifannoo itti aanuuf kutannoodhaan socho’uuf dirqama
lammummaa qaba.Kan moo’ate Itiyoophiyaadha!

0 Comments