Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walgayii idilee 8ffaa waggaa 2ffaa gaggeesseen sirna barnootaa Af daneessaa ilaalchisee murtee dabarseera.
Akkaatuma kanaan:
1. Barattoonni afaan Oromoon baratan Afaan Amaaraa akka afaan 2ffaatti akka baratan,
2.Barattoonni Afaan Amaaraan baratan Afaan Oromoo akka afaan 2ffaatti akka baratan,
3.Kutaa 7ffaa jalqabee manneen barnootaa magaalaa Finfinnee hunda keessatti gosti barnootaa hundi Afaan Ingiliziin akka kennamu murteesseera.
4.Kutaa 9 fi 10ffaatti Afaan Arabaa fi Faransaay akka filannootti gosa barnootaa ta’anii akka laataman,
5.Barnoonni idileen duraa sadarkaa 1ffaa umrii waggaa 4ffaatti akka eegalamu,
6.Kutaa 11ffaa fi 12ffaatti akkaataa sirna barnootaa haaraan barnoonni hojii fi Teeknikaa akka filannootti akka baratamu,
7.Hanqina kitaabolee manneen barnootaa dhuunfaa furuuf kitaabolee gurgurtaan dhiyeessuuf maxxansa kitaabaatiif Fandii naannawaan Birrii miiliyoonni 200fi miliyoonni 50 baajanni dabalaataa akka heeyyamamu murteesseera.
Sirna barnootaa Afaan Oromoon barsiisuuf Bulchiinsa naannoo Oromiyaarraa fudhatamee hojiirra oolaa ture sirna barnootaa haaraan kan bakka bu’u ta’uun ibsameera.
0 Comments