Finfinnee #Ethiopia Amajjii 19,2015 (YMN)
Biyyasaanii
amanamummaan tajaajiluudhaan; kabajaafi daangaashii eegsisuudhaan waadaa seenan
hojiitti hiikuudhaan gootota dirreewwan waraanaa adda addaatti qabsoo taasisaa
turan keessaa Koloneel Baacaa Hundee isaan tokko.
Keessumaa yeroo weerara Somaaliyaa dirqama
loltummaan gaafatuun ol Jigjigaafi Dirre Dhawaarratti samii Ogaadeenirratti
xiyyaarota waraanaa Ameerikaa ‘F5’ jedhamu balaliisaa miigiiwwan diinaa
barbadeessuudhaan gootummaa gita hinqabne raawwachuunsaanii ni yaadatama.
Kanaafis meedaaliiyaa guddaa mootummaarraa
badhaafamuuf qaqqabaniiru. Abbaan oolmaa biyyaa guddichi kun jabduu ga’umsi
loltummaasaanii irraa mul’ate loltummaa dinqii dhaloonni ittiboonuufi
seenaawwan hojjetaniiru.
Jabduuwwan kanneen keessaa yeroo waraana
Somaaliyaatti waraana qilleensarraatiin miigiiwwan diinaa daaraa gochuunsaanii
kan eeramuudha. Ilma Itoophiyaa cimaa kan ta’an Koloneel Baacaa Hundee,
qofaasaaniis ta’e hiriyootasaanii wajjin dirreewwan waraanaa biroorratti hanga
aarsaa lubbuutti kanfaluuf qophaa’anii gootummaa guddaadhaan kabajamuu daangaa
biyyasaaniitiif qabsaa’aniiru.
Ijoollummaa
Baacaa Hundee kan dhalatanis ta’e guddatan
Holotaatti. Oggaa umuriinsaanii barnootaaf ga’u Mana Barnootaa Dajjaazmaach
Mangashaa Yilmaa duraanii Holotaatti argamutti hanga kutaa 8ffaatti baratan.
Ijoollummaasaaniitti kolfaafi tapha jaalachaa
akka turan miiltoon barnootaasaanii Hayilamaarqoos Fayyisaa ni dubbatu. “Baacaa
kan bare oggaa umuriidhaan daran xiqqaa ture. Baacaan tapha dooqaa jaalataayyu.
Oggaa boqonnaaf kutaadhaa baanu fiigee gara dirree deema ture” jechuun ibsu.
Akka barattoota kaanii barnootarratti
xiyyeeffachuurra tapha baay’isaa akka turanis ni dubbatu. Ta’us Baacaan
uumamaan sammuu gaariidhaan kan badhaadhan waan ta’aniif otoo homaa
hindhiphatiin qabxii gaarii galmeessisaa akka turan hiriyaansaanii kun ragaa bahu.
Qaxalee Baacaan qormaata ministirii kutaa
8ffaatti firii gaariidhaan darbus manneen barnootaa baay’ee magaalota aanaas
ta’e konyaatti argaman waan kutaa 8ffaa caalaa hinbarsiisneef maatiinsaanii
kallattummaan gara mana barnootaa duraan Maa’iraga Hiwot Qadaamaawwii
Hayilasillaasee Ambotti galchan.
Otoo barataa kutaa 10ffaa jiraniis guyyaa
hineegamne tokkotti mooraa mana barnootichaatti oduun tokko dhaga’ame; innis
Humni Qilleensaa miseensa fo’aa akka jiruudha.
Humna Qilleensaa
Manni Barnootaa Maa’iraga Hiwot Waxabajjii
bara 1957 yeroo barumsi barichaa xumuramettiifi hunduu qormaatasaanii
fudhatanitti qondaaltonni humna qilleensaa yuniformiisaanii miidhagaadhaan
bareedanii; mormasaanii ol qabanii as bahan qalbii barattoota baay’ee hawwatan.
Baacaanis akkuma barattoota kaanii humna
qilleensaatti mindeeffamuuf hiriiruufi qormaata fudhachuuf xiqqumallee
hinmamne. Qormaaticha waan darbeef miiltoowwansaanii kaan wajjin gara
Bishooftuu geeffaman.
Namoota mindeeffamuuf fo’aman 65 wajjin ta’uun
xayyaara C-54 jedhamuun imalanii leenjii loltummaatiif gara Asmaraatti ergaman.
Baacaan umuriidhaanis ta’e qaamaan leenjitoota
kaanii gad ta’anis shaakallii loltummaa cimaa humna qilleensaa jabinaan darban.
Umuriisaanii daa’imummaatti naamusaanis ta’e hojiisaaniitiin galateeffamaa
ta’uu danda’an. Onkoloolessa bara 1958 leenjichi xumuramee hunduu gara sadarkaa
appireentisummaatti ce’an.
Imala jireenyaa ittaanuun hunduu yeroo itti
beekumsa horataniifi teknolojiiwwan haaraa wajjin walbaran waan ta’eef
barumsicha kan fudhatan Baacaadhaaf rakkisaa hintaane.
Waggaa lama booda oggaa eebbaaf ga’an
Appireentis Baacaa Hundee akaakuuwwan barnootaa 15n firii olaanaa
galmeessisanii darban. Keessumaa Barnootaa Ingiliffaafi Herregaan; beekumsa
qaama xiyyaaraafi motoraatiin qabxii olaanaa fiduun 3ffaa bahanii sadarkaa
Juuniyar Erkiraaftimaan jedhamu argatanii hojiitti seenan.
Hojii
Seenaan hojii Juuniyar Erkiraaftimaan Baacaa
Hundee kan jalqabamu eebba booda ramaddii qilleensaa 2ffaan Asmaraa; erga kutaa
siphaa Iskuwaadironii waraanaa 126ffaatti ji’a Onkoloolessaa bara 1960
ramadamanii kaasee ture.
Iskuwaadironicha keessatti keessumaa oggaa
xiyyaara waraanaa F=86tti makaanikummaan ramadaman dhugaadhumatti waan
kallattii jireenyaa gaarii qabatan fakkaatan; Juuniyar Erkiraaftimaan Baacaan
makaanikummaa xiyyaaraatiin Asmaraa ji’oota 15f kan turan yoo ta’u, yeroowwan
kanneenittis beekumsa argatan hojiirra oolchuudhaan ittigaafatamtootasaanii
biratti galataafi dinqisiifannaa argatanii turan.
Yeroo sanatti Juuniyar Erkiraaftimaan Baacaan akkuma humni qilleensichaa waggaa waggaadhaan taasisu teknishiyaanonniifi miseensonni humni qilleensichaa kaanis gara gara balaliisummaatti akka makamaniif beeksisa baasee isaanis iyyata galfatan. Kanaafuu, hunduu milkaa’ee ji’a Sadaasaa bara 1961 teknishaanummaarraa gara balaliisummaatti imala eegalan.
Dacheerraa gara Samii
Carraa balaliisummaa humni qilleensaa baasetti
fayyadamuuf baay’onni hawwanis qormaata fayyaa kaan darbanii carricha argachuu
kan danda’an kanneen qubaan lakkaa’aman turan. daraggaggoota bara sana dorgoman
keessaa hundi milkaa’eefii mana barrootaa balalii seenuu danda’an muraasa
keessaa tokko Baacaa hundee turan.
Juuniyar Erkiraaftimaan Baacaan ulaagaalee
balaliisummaa hunda guutanii miiltoo koorsii P-19A ta’uudhaan barumsa
iskuwaadiroonii balalii sadarkaa jalqabaa Dirre Dhawaatti argamuuyyu;
ittaansees iskuwaadironii barnoota balalii bu’uuraa 32ffaa Asmaraa turetti
makaman.
Guddina si’aayaa
Haalli guddinaa Dhibbaalaa Ittaanaa Baacaa
si’aayaa akka ture kan ragaa bahan miiltoowwansaanii, fedhiifi dandeettii
balaliif qabaniin otoo walirraa hincitiin sadarkaarraa gara sadarkaatti
guddachaa akka turan dubbatu.
Kanaafis kan ragaa ta’u erga balaliisummaan
eebbifamanii booda akkuma sanaan ji’a Onkoloolessaa bara 1963 Iskuwaadironii
barnoota balalii jeettii 33ffaa Hararitti argamutti makamuun jeettii T-33
jedhamtuufi balalii barsiisuuf oolturratti akka leenji’an ramadamuusaanii ture.
Hanga ji’a Amajjii bara 1964ttis akkuma
barnootasaanii T-33 xumuraniin kallattummaan wiingii oppireeshinii
Iskuwaadironii waraanaa 1ffaa Asmaraatti argamutti ramadamanii dirqamarratti
hirmaachuu jalqaban. Jidduuttis sadarkaasaaniitiin gara dhibbaalummaa guutuutti
guddatan.
Turtiisaanii xiyyaara F-86 balalii
dirqamaatiin keessumaa oggaa waraanni kaabaa cimaa deemetti deddeebii balalii
80 caaluun gocha boonsaa raawwachuusaaniirrayyuu onneefi kutattummaa agarsiisaa
turan kan irratti mul’ate ta’uun galmaa’eeraaf.
Baacaan wayita Asmaraa turanittis barnootasaa
idilee kutaa 10ffaatti addaan kutanii galgala ittifufuudhaan achuma, Asmaraatti
qormaata kutaa 12ffaa (maatirikii) fudhachuufi qabxii gaarii galmeessisaniiru.
Qaxalummaasaaniitiinis keessumaa ittigaafatamtootasaaniitiin tilmaama gaarii
argamsiisuufiisaarrayyuu yoo ittigaafatamummaan kennameef bahachuu akka
danda’anis kan agarsiise ture. Sababuma kanaan bara 1967 ji’a Amajjii keessa
koorsii balaliisummaa akka fudhataniif carraan kennameefi erga baratanii booda
barsiisaa gahumsa qaban ta’uunsaanii mirkanaa’ee waraqaa ragaa argatan.
Ta’us yeruma sanatti humni qilleensaa ‘F5A’tti
dabalee xiyyaara waraanaa haaraa ‘F5E’ laayar jedhamu hidhachuuf qophiirra waan
turaniif Dhibbaalaa Baacaa dabalatee balaliistonni jahaafi teknishiyaanonni
torba maallaqni callaan kanfalameefii gara Ameerikaa deeman; ittigaafatamummaan
guddaanis irra kaa’ame.
Xiyyaarri ‘F5E’ ittiin leenji’an gararrummaa
qilleensaa keenya mirkaneessuuf daran murteessaa ta’uusaarrayyuu haleellaa
qilleensaa weeraraa Mootummaan Ziyaad Baarree nurratti aggaame ga’umsaan
faccisuuf daran barbaachisaa turte.
Haaluma kanaan leenjii bu’uura ce’umsaafi
koorsii barsiisummaa hunda ji’a Bitootessaa bara 1968 xumuranii gara
biyyasaaniitti deebi’an.
Dirqama murteessaafi balaliisummaa
jeettii
Ji’a Baacaan gara biyyaatti deebi’anitti
sadarkaansaanii dhibbaalaarraa gara Irreessummaatti yoo guddatu, ramaddiin
hojiisaaniis bakka duraan ture, Asmaraa Iskuwaadironii waraanaa qofaa irraa
gara dirree 9ffaa Hararitti argamuutti jijjiiramuun balaliisaa dabalataanis
barsiisummaa balaliitiin tajaajiluu eegalan.
Wayitiin kun tattaaffii Irreessaa Baacaan
hojiif qaban hammam cimaa akka ture kanitti agarsiisaniif yeroo addaa ture.
Sirumayyuu ittigaafatamtoonni dhiyoon Irreessaa Baacaa hojiisaanii idileenis
ta’e dabalataatiin mudaa kan hinqabne ta’uun, oduufi qoosaarra hojiidhaan
qabamuu filachuunsaanii; dhaga’amummaafi muuxannoo kitaaba dubbisuu kan qaban
ta’uun, bakka ramadamanitti ga’umsa qabaachuu qofa otoo hintaane bakka bu’aa
kanhinqabne ta’uunsaanii ragaan bahameeraaf.
Keessumaa wayitiin sun yeroo rakkooleen
turaniifi weerarri Somaaliyaa bara 1969 golboobaa ture waan ta’eef humni
qilleensaas weeraricha faccisuuf qabsoon ittitaasifamu; daangaa ittisuufi
qoccollaa Somaaliyaa dhiyeenyatti hordofuu; yoo barbaachisaa ta’es diinarratti
tarkaanfi fudhachuu kan gaafatu waan tureef oggaa waraanni golboobe dho’u
Irreessaa Baacaafi miiltoowwansaanii naannawa qilleensaa biyyasaanii
se’achiisuurra halkanii guyyaa cichanii kanitti tattaafatan; guyyaa tokkoti
qofa deddeebiiwwan balalii yeroo saddeetii ol taasisuuf kan dirqamaniifi
dirqama qilleensarraatiin xiyyaarota Somaaliyaa wajjin haallitti wal’aansoo
keessa seenan uumame.
Gootummaan Irreessaa Baacaa Hundeefi
miiltoowwansaanii akka Laggasaa Tafarraa; Ashannaafii Gabratsaadiq; Bazzaabbih
Pheexiroos, Mangistuu Kaasaafaan firaafis diinaafis /ifa ta’e.
Xiyaarota waraanaa diinaa qilleensarraa
harcaasuun Afrikaan ala addunyaa guutuutti dinqisiifannaa mo’annaa
raawwataniinis naannawa qilleensaa biyyasaanii kabachiisan.
Lafarrattis raayyaa ittisaatiif deeggarsa
qilleensaa dhiyeenyaan kennuufi balaliiwwan mil’annaa gochuudhaan injifannoo
gita hinqabne raawwatan. Akkuma gootota filatamoo kaaniif taasifame Irreessaa
Baacaanis xiyyaarota miigii diinaa qilleensarratti rukutanii buusuun;
dirqamawwan haleellaa daran murteessoo qilleensarraa Hargeessaafi Barbaaraa miiltoowwansaanii
wajjin ga’umsaan raawwataniin meedaaliiyaa jabduu olaanaa lammaffaa biyyattii
badhaafamuuf qaqqabaniiru.
Badhaasicha dura wayituma waraanichaatti
guddina muudama guddina sadarkaa Kumaalummaa argachuudhaan gara sadarkaa
qondaalummaa olaanaatti ce’uu danda’an.
Aarsaan kallattiilee hundaan waraanichaan
raawwatame laayyoo hinturre; baay’onni wareegamaniiru. Miidhaan qaamaa irra
qaqqabeera. Humna qilleensaa keessatti hiriyoonni dhiyooniifi miiltoowwan
Kumaalaa Baacaa utuma xiyyaarrisaanii farra xiyyaaraa diinaatiin rukutamaa
jiruu utaaluuf dirqaman, harka diinaatti kufan, sababuma kanaan lubbuunsaanii
darbe ykn hidhaadhaan hiraarfaman turaniiru.
Garuu hunduu gatii biyyaaf kanfalamu waan
ta’eef aarsaasaaniitiin Itoophiyaan waraana weerartuu Somaaliyaa ari’achuudhaan
daangaashii kabachiiste. Jabduun goototaas kunoo dhalootaa dhalootatti ce’aa
yaadannoo seenaa jiraataa ta’eera.
Hiree ittaanu
Jireenyi goota jajuufi sadarkaa olaanaaf
qaqqaban kanaa rakkoo keessa galuu kan eegale bara 1972 keessumaa wayita
qondaala Duulaafi Barnootaa Reejimantii Waraanaa 3ffaa ta’uun gara Dirre
Dhawaatti jijjiiramanittiifi xiyyaara miigii 21 irratti yeroo balalii ce’umsaa
taasisanii ramadamanirraa eegalee ture.
Kumaalaa Baacaan gara miigii 21tti kan ce’an
erga waraanni Somaaliyaa injifannoodhaan goolabamee booda wajjin kufuunshii kan
ibsame; gootummaa danuun kanitti raawwatame; biyya keenyaafis oolmaa baay’ee
kan hojjette xiyyaarri F5 sababa jijjiirraa meeshaafi kanneen birootiin oggaa
tajaajilaaf baatu balaliistonni achirra turanis gara xiyyaarota birootti
jijjiiramuun waan dirqama tureef.
Sadarkaa Kumaalaarra
kan qaqqaban Baacaa Hundee qondaalummaa sararaa keessaa bahanii leenjii ajaja
addaafi istaafi qondaalummaa olaanaaf isaan kaadhimu
fudhachuufi mudaa tokko malee qabxii qubsaadhaan darbuun xumuruu danda’aniiru.
Ta’us jireenyisaanii sana booda akka isaan
eegan ta’uu hindandeenye. Akkuma bakakkaa waantonni baay’een tasa irratti
walfuran. Ittigaafatamtoonnisaanii duran dinqisiifannaa olaanaa arjoomaafii
turan wajjin walittibu’iinsa keessan seenan.
Bara 1972 hanga 1978tti jireenyisaanii kan
gidiraa malee kan nagaa hinturre. Kallattiin goota kitaaba dubbisuu, waa
hubachuufi garraamummaadhaan daran beekamanii ni jijjiirame. Guddinnisaanii
humna qilleensaa akka tasaatti ol furguggifamaa tures danqamuu qofa otoo
hintaane gadi sigigaachuu jalqabe.
Kunniin hundi maaliif, akkamitti ta’e? kan
jedhu hunda maxxansa kanaan tarreessuu baannus miiltoowwansaanii baay’een
sirriitti dhiyeenyaan yaada wajjummaan bareechanii beekan qabuuyyu. Boodarratti
sadarkaa koloneelummaarra kan qaqqaban Baacaa Hundee kan kanneen hundaan isaan
gahe waan itti amanan raawwachuurraa duubatti kan hinjenne; mirgasaanii kan
hinxuqsiisne; fedhii namootaafis ta’e dhiibbaa hinbarbaachisneef kan
hinjilbeeffanne akka ta’an kaasu.
Amallisaanii kunis keessumaa
ittigaafatamtootasaanii muraasa wajjin walittibu’iinsa keessa kan isaan galche
yoo ta’u; isaan ammoo dhugaa qabatan qabatanii du’uu malee mo’atamuu
diduurratti cichanii waan dhaabataniif akka ta’e ka’a.
Hojiirraa dhorkamuu; hidhamuu; mindaa
dhorkamuufi kkfn ajandaalee ittaanuun isaan ilaallatan ta’a.
Garuu, jireenyisaanii sana booda akka duraa
abdiiqabeessa hinturre. Walittibu’iinsiif sukkuummiin waggootaaf ittifufes
Letenaal Koloneel Baacaan namarraa qoollifachaa; ejjennoosaaniitti caalaatti
cimanii qormaatawwan hunda jabinaan fudhachuuf qophii ta’an.
Qofummaansaanii ittihammaataa; hanguma
namootarraa caalaatti fagaachaa deeman jireenyasaanii abdiiqabeessa turerraa
fagaatan.
Walakkeessa ji’a Bitootessaa bara 1977tti
Ittigaafatamummaa Kutaa Nageenya Balalii Qajeelchaa Duulaarraa ka’anii gara
ramaddii qilleensaa 6ffaatti jijjiiramuudhaan balaliisaa seesiinaa akka
ta’aniif ramadaman. Utuma achi jiraanuuti eegaa, biyya keessatti namarraa
fagaataa; akkuma qofuma filatan hunda dhumarrattis hunda gatanii biyyaa bahuu
furmaata kan taasifatan.
Ji’a Bitootessaa bara 1978tti Leetanaal
Koloneel Baacaan wayita balaliisaa Seesiinaa turanitti balalii kennameef tokko
raawwachuuf gara Asmaraatti ergamu.Erga achitti dhimmicha raawwatanii booda
balalii deebii eegalu. Bakki deebiisaanii garuu Sudaan ture. Akkasis ta’ee
jireenyi godaansaasaanii jalqabame. Sudaanirraa Ameerikaatti galuun bulchiinsa
Kaaliforniyaa bakka jireenyasaanii taasifatan. Waggoota 30fis utuu qofummaa
keessaa hinbahiin barootaaf achumatti dabarsan.
Bara 2008 garuu akka tasaa manasaanii
keessatti lubbuunsaanii darbuun dhaga’ame. Barasaani xumuraatti otoo
hingammadiin jiraatanii otoo lammiin hinqaqqabiiniif haala suukanneessaadhaan
du’anii argamuunsaanii firootaafi dhibantootasaaniitti gaabbii ulfaataa ta’ee
ture.
Ta’us duuti haala jireenyaa kan biraa waan
ta’eef oggaa boqochuunsaanii himamu miseensonni humna qilleensaafi
ijoolleensaanii walgargaaranii sirna awwaalchaasaanii raawwataniiru.
Ijoolleensaanii sadan qaamolee dhimmi
ilaallatu wajjin walta’uun waa’ee du’a abbaasaaniitti gaddi hamaan
ittidhaga’amus gumaachi biyyasaaniitiif taasisan waan isaan marareef yoo
lubbuudhaan gara biyyasaaniitti deebi’uu baatanis lafeensaanii biyyasaaniitti
haa boqotu jechuun tibbana kabajaan akka boqotu taasifameera.
Maddi:Gaazexaa Bariisaa
0 Comments