(YMN,Finfinnee Sadaasa 08/2017) Burjaaja’anii karaa nagaa
irraa maqanis koodeewwan keenyadha.Obboleeyyan keenya sababoota adda addaatiin
dogongoran karaa nagaatti hatattamaan akka deebi’aniif ammallee nijajjabeessina.
Tibbana Ummanni Oromoo godinaalee adda addaa keessa jiraatu
adda babayiitti ba’uudhaan ‘Izigoo’ jechuun waaqa kadhate.Ijoolle! qayeetti
deebi’aa! jedhee watwaate.Hiriira nagaa adeemsifame irratti wanti Oromoon hundi
sagalee tokkoon dhageessise garaa nama nyaata.
Hamma yoomiitti nagaa dhabuudhaan dararamnaa?Hamma yoomiitti
yaaddoodhaan jiraanna? Maaloo ijoollee bosona keessaa ba’uudhaan gara qayeetti
deebi’aa jechuun irra deddeebiidhaan dhalasaa gaafate.
Waamicha Nagaa dhiyaate
fedhiifi faayidaa baran akka dhaban yaadda’uudhaan kanneen gadi qicuuf
yaalan jiraatanis ijoolleen Oromoo hedduun wamicha nagaa dhiyaateef awwaachaa
jiru.Gaaffii ‘deebi’aa galaa’ jechuun ummanni dhiyeesseef deebii kennaa jiru.
Odeeffannoowwan maddawwan odeeffannoo adda addaatiin
tamsa’aa jiran dhugaa qabatamaa kana kan
mul’isanidha.Akkaataa kanaan miseensoonni garee shanee karaa Nagaatiin Rayyaa
Ittisa Itiyoophiyaatti harka kennachaa
jiru.Ijoolleen suraa isaanii daawwattan kun godina shawaa lixaatti harkasaanii
Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatti kan kennatanidha.
Miidiyaan hawaasummaa Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa akka gabaasaa jirutti miseensoonni shanee waamicha nagaa dhiyaateef fudhachuudhaan deebi’aa jiru.Kun waan jajjabeeffamidha.Nagaan bu’uun hundatu fayyadama waan ta’eef lammiiwwan karaa dogongoraa irraa deebi’aa jiraniif deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda taasisuun dirqama hundaati.
Odeeffannoon
Biiroon Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa baasaa jirus haaluma
walfakkaatuun miseensoonni shanee iddoowwan adda addaatti bosona turan karaa
nagaatti deebi’aa akka jiran kan mul’isanidha.Kanneen deebi’aniin galatoomaa
jenna,kanneen shakkiidhaan ammas riphanii jiraniin dafaa galaa jennee gorsa
obbolummaa gorsina.
Waamicha nagaa
sabni guddaan Oromoon dhiyeesseef kabaja kenuudhaan karaa nagaatiin deebi’uun
bu’aa malee miidhaan geessisu hinjiru.Dhugaa kana qalbeeffachuun haala mijaawaa
amma uumame kanatti fayyadamuun barbaachisaadha.Carraan kun lammata hinargamu.Ijoollee!
koodeewwan keenya kanneen haftanis dafaa deebi’aa jennee isin kadhanna!
0 Comments