Tola oolaan waan tola
ittiin ooleen gammachuu daangaa hinqabne argata.Tajaajila lammiif kenneen
gammachuun argamu ammoo itti fufiinsa qaba,waan yeroof mudatee jalaa darbu
miti.
Tibbana bulchiinsi Magaalaa
Finfinnee dureeyyoota xiin sammuu tola ooltummaa qabaniifi misooma Magaalaa
Finfinnee keessatti shoora guddaa gumaachaniif badhaasaafi beekkamtii kenneera.Bulchiinsi
Magaalaa Finfinnee waan dansaa raawwate.
Waltajjii badhaasaafi
beekkamtii kennuu kanaaf kabaja guddaatu kenname.Nimalaaf! Ergaa galateeffannaa
kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee dabarsan malees Af-yaa'iin mana
maree bakka bu'oota ummataa Taaggasa Caafoo hasawa dhageessisaniin abbootii
qabeenyaa galateeffataniiru.
Af-yaachi akkana jedhan
'Tola ooluun wanti nama jalaa hir'isu hinjiru' Dhugaadha! Abbootiin qabeenyaa
misooma koriidarii Magaalaa Finfinneetiif
birrii miliyoonaafi biliyoonaan lakkaa'amu gumaachan qabeeya qaban irratti
qabeenya dabalataa argachuuf haala mijeeffatan malee jalaa
hin'hir'anne,hinkasaarre.Ammoo hunda biraa galata qabu.Kunis qabeenya
isaaniirratti qabeenya dabalaaf.
Tola ooltoonni badhaasni waancaafi
beekkamtiin kennameef misooma Magaalaa Finfinneetiif maallaqni gumaachan akka
waan salphaatti kan ilaalamu miti.Birrii biliyoonaafi miliyoonaan lakkaa’amu
mamii malee gumaachan.Beekkamtii isaaniif kennameenis gammachuu guddaa akka
qaban ifa fuula isaanii irratti mul’atutu ragaadha.’Xiin sammuun tola ooltummaa
gammachuu daangaa hinqabne namaaf kenna’ kan jedhamu waa malee akka hintaane
kanatu raga qabatamaadha.
Lageen Finfinnee foolii
xiraatiin nama rakkisan miidhagfamanii kan misooman.daandiiwwan Magaalaa
Finfinnee maaloo anarra deemaa jedhan arguu kan dandeenye carraaqqii mootummaan
taasisaa jiru maddiitti hirmaannaan abbootii qabeenyaa daangaa hinqabne waan
jiraateefi.
Abbootiin qabeenyaa kun
qabeenya qaban irratti qabeenya dabalachuuf ammas hojjechaa jiru.Misoomni
Finfinnee keessatti mul’ate ammoo qabeenyi isaanii daran akka dabaluuf shoora
gamasaa akka gumaachu beekamaadha.Kan daldalaan qabeenya horate sababa misooma
Finfinneetiin qabeenya kan duraa caalu argata.
Abbootiin qabeenya
dameewwan hojii kanneen biroo irratti bobba’uudhaan hojjechaa jiranis haala walfakkaatuun
bu’aa dabalataa argachuun imala qabeenya horachuu finiinsuudhaan itti fufu.
Amma walbira dhaabbachuun
amaleeffamee gara aadaa ta’uutti deemaa jira.Sadarkaa Naannoo Oromiyaatiin
tajaajilli lammummaa seeraan deeggaramee akka hojiirra ooluuf waggootaan dura
murteeffamuun biyyaafis shoora gumaachaa jira jechuun nidanda’ama.
Fakkeenyummaa Naannoo
Oromiyaatu fedhatame jedhamee yoo
dubbatame dhara hinta’u.Caffeen Oromiyaa labsii tajaajila lammummaa
raggaasisee hojiirra akka ooluuf erga
murteessee asitti sochiin tajaajila tola ooltummaa itti fufiinsa waan
qabaateef lammiiwwan hedduu jireenya rakkinaa keessaa baasuun danda’ameera.Lammiiwwan
humna dhabaniif Dargaggoonni humna ta’uudhaan mana ijaaraniiru.Jiraattoonni
galii dhabuudhaan jireenya rakkisaa keessa turuuf dirqaman guyyuutti carraaqqatanii
akka jiraataniif haalli mijeeffameera,madda
galii akka argatan taasifameera.
Lammiiwwan sababa balaa nam-tolcheefi
uumamaatiin miidhaman battalatti gargaaruun akka danda’amuufis Buusaa-Gonofaan
Oromiyaa caasaa isaa babal’isee socho’uudhaan lammiiwwan akka dhaqqabu
taasifameera.Carraaqqiin rakkoo keessaa walbaasuu kun utuu walirraa hincitin
yoo itti fufuu danda’e sadarkaa hundumaan badhaadhina biyyaa mirkaneessuun
rakkisaa hinta’u.

0 Comments