Koreen hojii raawwachiisaan mari’achaa jira



Finfinnee Ethiopia Amajjii 14,2015(YMN) Koreen hojii raawwachiisaan Liigii Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Haata’uutii odeeffannoon waajjira paartii Badhaadhinaa jiddu galeessaa irraa argame koreen hojii raawwachiisaan liigii Dargaggoota paartichaa dhimma maaliirratti mari’achaa akka jiru hinhimne.

Walgayiin koree hojii raawwachiisaa liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa kun kan jalqabaa akka ta’e eerameera.

Liigiin Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa yaa’ii 1ffaa dhiyeenya Magaalaa Adaamaatti gaggeesseen Dargaggoo Akliluu Taaddasa pireezidaantii liigii Dargaggoota paartichaa taasisuun akka filate nibeekama.



Post a Comment

0 Comments