Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkara uumuuf kanneen socho'aa turan to'atamaniiru
Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti hokkaraa fi jeequmsa uumuuf socho'a kan turan humnoonni farra nageenyaa to'annoo jala oolfamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiseera.
Humni walochaa gamaaggama gaggeessee tureen yaaddoo jiru hir'isuuf Finfinnee fi naannawaa isheetti oppireeshinii qindaa'aa gaggeesseen bu'aa qorannoo meeshaalee waraanaa fi shakkamtoota to'atamanii ummataaf akka ifoomsu beeksisuun kan yaadatamudha.
Akkaatuma kanaan,yeroo ammaa Naannoo Oromiyaatti tarkaanfii ol'aantummaa seeraa kabajisiisuuf fudhatamaa jiruun Finfinnee galanii gochaa shororkeessummaa raawwachuuf kan socho'aa turan miseensota garee shororkeessa shanee 107, haleellaa raawwachuuf kan fayyadaman meeshaalee waraanaa fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to'annoo jala oolfamuun ibsameera.
Haaluma walfakkatuun gareen finxaaleyyii Faannoo paartilee siyaasaa tokko tokko da'eeffachuun Magaalaa Finfinnee giddugala hokkaraa fi jeequmsaa taasisuuf waraqaa eenyummaa sobaa qabachuu fi gaaffiilee manneen barnootaatti ka'an kallattii maqsuun kaayyoo gochaa isaaniif fayyadamuun, sabaa fi sablammoota magaalaa walitti buusuu fi hokkaraa fi jeequmsa uumuuf akkasumas haleellaa meeshaalee waraanaan deeggarame raawwachuuf kan socho'aa turan miseensota garichaa 109 meeshaalee waraanaa itti fayyadamanii fi uffannaa caasaalee nageenyaa waliin to'atamuun ibsameera.
Gama biraatiin meeshaalee waraanaa fi meeshaalee waraanaa sagalee hinqabne fayyadamuun namootarraan miidhaa geessisuun saamicha raawwachuuf hawaasa kan yaaddessanii fi gamsiisan shakkamtoonni 155 meeshaalee saaman, meeshaalee itti fayyadamanii fi miiltoo hidhata isaanii waliin to'atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu humni waloo ibseera.
Nageenya Magaalaa Finfinnee fi naannawaa ishee mirkaneessuuf Humni Waloo ummata waliin qindoominaan oppireeshinii gaggeesseen waliigalaan shakkamtoota 371, meeshaalee itti fayyadaman waliin to'achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.
Humni walooo tumsa ummanni taasiseef galateeffachuun ayyaana ummataa fuulduratti kabajamu Ayyaanni Cuuphaa Magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyattiitti ayyaanichi nagaan kabajamee akka xumuramu qaamolee nageenyaa bobbaasuun qophii barbaachisaa xumuruun hojiitti seenuu ibseera.
Ayyaana kanarratti hawaasni yeroo kamuu caalaa qaamoleen nageenyaa waliin tumsuun akka hojjetaniif waamicha dhiyeesseera.
Hawaasni gochaalee hokkaraa fi shororkeessummaa hubachuun of eeggannoo dursaa barbaachisaa akka taasisuu fi haalonni shakkisiisaan wayiita mudatan bilbila bilisaa 987, 991 fi 816'n akkasumas sarara bilbilaa 011-1-11-01-11, 011 5-52-63-03, 011 5-52-40-77, 011 5-54-36-78 fi 0115-54-36-81 eeruu fi odeeffannoo akka kennuuf gaafateera.
0 Comments