Obbo Tewoodiroos Mihirat Dabbaba adde Ma'aazaa Ashannaafii bakka bu'uun pireezidaantii mana murtee waliigalaa Federaalaa ta'uun muudamniiru.
Manni marii bakka bu'oota ummataa har'a waaree booda muudama obbo Teewoodiroos kan raggaasise caalmaa sagaleefi dhowwannaa sagalee sadiin akka ta'e beekameera.
Obbo Teewoodiroos Yuuniivarsiitii Finfinneetti barsiisaa baruumsa seeraa ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u mana murtee kamittiyyuu abukaatoo ta'uudhaan tajaajilaa turan jedhameera.
Pireezidaantoonni mana murtee waliigalaa Federaalaa lamaan Adde Ma'aazaa Ashannaafiifi itti aanaan isaanii obbo Solomoon Araddaa fedhumasaaniitiin taayitaa gadi lakkisuuf gaaffii akka dhiyeeffatannibeekama
0 Comments