Morkiin xumuraa 'Faanaa Laamiroot'kan marsaa 3ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira



 Morkiin xumuraa 'Faanaa Laamiroot'kan marsaa 3ffaa galma tiyaatiraafi aadaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjii morkii muuziqaa xumuraa kana irratti morkattoonni 4 sirba itti qophaa'an dhiyeessaa kan jiran yoo ta'u murteessitoonni morkichaa sadeen Biruuk Asaffaa,Bileen Yooseef fi Abeel Mulugeetaa akkasumas murteessaan kabajaa afeerame walaleessaan walaloo sirbootaa beekamaan YIlmaa Gabra'aab morkattootaaf yaadaafi qabxii kennaa jiru.
Jalqaba sagantaa morkichaa irratti hojii raawwachiisaa muummeen Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet Ob.Admaasuu Daamxoo haasawa dhageessisaniin Faanaan aadaafi safuun hawaasaa hojii aartii keessa jiru dhalootaa gara dhalootaatti akka darbuuf hojjechaa jira,kanas daran cimsuudhaan itti fufa jedhaniiru.
Morkattoota afran keessaa kan sadarkaa jalqabaa qabatuuf badhaafni Birrii miliyoona tokkoofi waancaan kan kennamu ta'a.
Waltajjii kana irratti namoonni beekamooniifi keessumoonni afeeraman hedduun kan argaman yoo ta'u namoota beekamoo argaman keessaa Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuun komishinaraa komaandar Daraartuu Tulluu argamtee jirti.


Post a Comment

0 Comments