Muudama qondaaltoota ol'aanaa




Finfinnee Amajjii 12.2015(YMN) Muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad bu'uura heera mootummaa keewwata 74 lakko 2'n Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa muudamoota kanneen akka mirkaneessuuf gaafataniiru.
1. Dr. Alamuu Simee - Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii
2. Dr.Girmaa Amantee-Ministira Qonnaa
3. Injiinar Haabtaamuu Taganyi-Ministira Albuudaa ta’uun akka muudamaniif gaafataniiru.
Kana malees Amajjii 10, 2015 eegalee muudamoota argamaan gadii kennaniiru.
1. Obbo Maammoo Mihiratuu – Bulchaa Baankii Biyyaalessaa
2. Aadde Alamtsahaay Phaawuloos - Itti Gaafatamtuu Waajjira Muummicha Ministiraa fi Ministira Dhimmoota Kaabinee,
3. Diiyaaqon Daani’eel Kibrat – Ministira Gorsaa Damee Hawaasummaa muummicha ministiraa
4. Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee – Ministira Gorsaa Imaammata Alaa muummicha ministiraa
5. Obbo Mallas Alamuu – Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Damee Ijaarsa Sirna Diimookiraasii akka ta'aniif muudama akka kennan ragaan Waajjira muummicha Ministiraa irraa argame mul'iseera.

Post a Comment

0 Comments