Murtee kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dabarse irratti waci wayii gamaa gamanaa dhaga'amaa jira.Wanti isaan gubu maal akka ta'e sirritti beekama.Kanaan duras kan caraanaa turan sababa jibba Oromoofi Afaan Oromoo irratti qabaniin akka ta'e beekamaadha.
Amma qilleensa irratti wacaa jiru.Wacaa haaoolan malee waan murteeffame duubatti deebisuu hindanda'an.Keessuma ba'anii bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waan ta'uu hinqabne yoo murteessu mootummaan federaalaa callisee ilaaluu hinqabu,dhimma sadarkaa guutuu biyyaatiin murteeffamuu qabu kaabineen bulchiinsa Magaalaa Finfinnee maalif murteessa?jechuun baacaa jiru.
Akka isaan yaadanitti bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhimma bulchiinsichaa irratti murteessuu hindanda'u jechuudha.Akka isaan yaadanitti mootummaan Federaalaa dhimma Finfinnee keessa seenee murteessuufi murtee jijjiirsisuu qaba.Humnoonni amma wacaa jiran kun eenyufa'i akka ta'an,fedhiin isaanii maal akka ta'e beekamaadha.Maqaa paartii seera qabeessaatiin socho'uudhaan murtee fayyadamtummaa ummata bal'aa mirkaneessu balaaleeffachuun kan danda'amu yoo ta'ellee murtee darbe jijjiirsisuun hindanda'amu.
Qoqqoodumsa uumuuf carraaqqiin taasisaa jiran diina ummata bal'aa akka ta'an kan mirkaneessu waan ta'eef humnoonni haala kanaan socho'aa jiran ol'aantummaa seeraa akka kabajaniif dura dhaabbachuun dhimma murteessaadha!
0 Comments