Warra-iluutti Boba’aan argameera

 

 



Finfinnee Amajjii 10,2015(YMN) Guutuu Itiyoophiyaa sululawwan shanitti hojiin qabeenya boba’aa barbaaduu gaggeeffamaa akka jiru ministira Albuudaa kan turan injinar Taakkala Uumaa beeksisaniiru.

Injinar Taakkalan fuula Twitter isaaniirratti akka barreessanitti Sululawwan shanan keessaa tokko kan ta’e sulula Abbayyaa keessatti kan argamu aanaa Warra Iluutti qabeenyi boba’aa ol’aanaan akka argame himaniiru.

Injinar Taakkalaan akka jedhanitti qabeenyi boba'aa Warra-iluutti quu’annoodhaan argame kun barmeelii biliyoona lama kan caaludha.

Post a Comment

0 Comments