‘Sanyiin
kaleessaa,Firii har’aa,Galaa Boruuti’
Waqtiin wanti tokko itti uumamuufi itti beekamu garaa
garummaa qabaachuu danda’a.Gadameessi erga uumamee baatiiwwan booda ulfa ta’ee
mul’ata.Daa’ima ta’ee dhalachuuf ammoo yeroo dabalataa fudhata.Daa’imni dhalate
guddatee jabaatee,namoomaafi ammallisaa guutummaatti kan beekamu ammoo waggoota
boodadha.Iccitiin jireenyaa guddaan kaleessa gadameessi hinmul’anneefi daa’ima
xobbee keessa namni har’aa dhokatee
jiraachuufi guddachuu isaati.Eenyummaafi bu’aa kaleessaa tarkaanfiiwwan
har’a fudhatamaniifi sirreessawwan raawwataman qaruufi sirreessuu kan danda’an
ta’uunsaanii ammoo haqa abdii namaaf kennudha.
Sanyiin Midhaaniis ta’e aramaa yeroon lafa keessa ittiin
jiraatuufi biqilee guddachuun itti mul’atu garaa garummaa kan qabudha.Mukni
sanyii keessa jiraata.Akkuma biyyee,qilleensa,ifaafi kunuunsa argatuutiin
adeemsa yeroo keessatti eenyummaansaa guutuun mul’ata.Akkuma kana sanyiin
yaadaa hawaasa keessatti facaafamus guddateefi jabaatee laliseefi firii baasee
namoota biratti qabatamaan mul’achuuf yeroo baay’ee fudhata.Kanumaafidha wanti
ifa hinbaane akka waan hinjirreetti fudhachuun kanarras darbee yeroo ifa
ba’utti akka uumametti hubachuun dogongora kan ta’u.
Keessumattuu jijjiiramni sirnaa,bu’aansaa gaariinis ta’e
badaan yeroo gabaabaa keessatti hinmul’atu,hinmedaalamus.Yaadawwan jijjiiramaaf
ka’uumsa ta’an namootaan hubatamanii,barmaataafi sirna ta’anii hanga aadaa
ibsama eenyummaa hawaasaa ta’anitti waggoota hedduuf tura.Bu’aawwanis ta’an
cabiinsi jijjiiramni hordofsiisu kan beekaman walharkaa fuudhiinsa dhalootaa
keessattidha.Dhimmichi yaada namoota dhuunfaarraa ka’uun imaammata,tarsiimoofi
karoora ta’ee yoo hojiirra oolu suuta suuta baramaa hojmaata,akkaataa jireenyaa,barmaataafi
amala ta’a.Akka weereraatti muraasotaan jalqabamuun baay’oota dhaala.Naannawa
tokko irraa ka’uudhaan biyya waliingaha.Kanneen adeemsa jijjiiramaa kana
hinhubanneef,jalqabbiifi guddinasaa sirritti kanneen hinhubanneef
jijjiiramoonni uumaman hundi tasa kan dhufaniifi rifaatuu hawaasaa kan
hordofsiisanidha.
Bu’aan qormaata barattootaa xumura sadarkaa lammaffaan dhiyeenya
kana galmeeffame kanaaf agarsiiftuu gaariidha.Falmiifi quu’annoo baay’ee booda
garagalchuufi hanna sadarkaa ol’aanaadhaan hir’isuuf malli qormaata jiddu
galeessaan kennuu bu’aan argamsiise rifaatuu hawaasaa ol’aanaa yoo uumu
mul’ateera.Qormaatamtoota keessaa dhibbentaan shantamaafi kanaa ol
gaaffiiwwaniif deebii kennuun barattoonni darbuu danda’an lakkoofsisaanii
hedduu gadaanaadha.Manneen barnootaa kumaan lakkaa’aman haalli barataa
tokkollee dabarsuu ittiin dadhabn uumameera.Kunis rakkoolee qulqullina
barnootaa irratti qabnuufi rakkoo hammaataa keessa jirru sirritti nutti
mul’ise.
Sadarkaa rakkina kanaa sirritti,lakkoofsaan kan hubanneefi
kan agarre amma ta’ullee rakkoon garuu qormaataan ibsame malee kan uumame
miti.Cabiinsi sirna barnootaa barsiiftoonni
barattoota har’a qormaataman barsiisan haala ittiin foo’aman,mala ittiin
leenji’an,imaammataafi kallattii sirni barnootaa ittiin hoogganameefi dhimmoota
kenneen biroo hedduu wajjin kan walqabate waggota kurnan baay’ee kan keessa
dabarreefi bu’aa imala kabeelawaati.Har’a omisha rakkoo facaafamee yoo
haammannes sanyiin lafa tuqee biqiluu erga jalqabee waggoonni
lakkaa’amaniiru.Kana wajjin walqabatee dhugaa tokko beekuu qabna..Rakkoon
kun halkan tokkoon akkuma hinuumamne
fallisaas halkan tokkoon dhufuu hindanda’u.Har’a rakkoo baruumsaa abaaboorra
darbee firiisaa badaa ittiin agarre sirreessuuf
yeroo baay’eefi gatii ulfaataa gaafata.Cabiinsi akkanaa damee tokko
qofaan jira jechuun yaaduun dogongoradha.
Akkuma damee barnootaa irratti faalla’iinsi numudate
damee siyaasaafi hawaas-diinagdee,damee haqaatiinis ta’e damee tasgabbiitin
haaluma walfakkaatuun cabiinsawwan yeroo dheeraaf turan qabna.Liqaawwan
waarummaafi bu’a qabeessummaa jiddu galeessa hintaasifanne,raawwii pirojaktii
dadhabaa,manca’iinsaafi hanna,quucaruu dhaabbilee, seeneeffama siyaasaa
qoodumsaa ol’aanaafi finxaalessummaa sabummaa,dhaabbilee amantaafi dhaabbilee
hawaasummaa keessa rakkooleen jiran,hanqinoonni damee quunnamtii alaatiin
turan,cabiinsawwan seexaafi dudhaa keenyaan numudataniifi kanneen
fakkaatan waggoota kurnan baay’ee darban
keessatti adeemsaan uumamuuniifi babal’achaa turaniiru.Cabiinsawwan kunniin
akkuma sirna barnootaa kan qolatuun yoo argachuu baatan utuu ifa hinba’in
jiraachuufi rakkoolee daddabalamaniif ka’uumsa ta’uuf carraan qaban bal’aadha.
Qonnaan bulaan tokko sanyii facaasuudhaan dura waqtii
qannaatti sanyiin aramaa buqqisee hinbaafne lafa keessa dhokatanii waan
hinjirre yoo fakkaatanis rakkoo guddaa kan uuman bishaaniifi xaa’oo boodarra
sanyii gaariif kennamu saammachuun erga guddatanii boodadha.Sababa kanaan
qonaan bulaan sun yeroo aramaa buqqisuu qabutti humna baasuun olitti gatii
guddaa baasuun yeroo aramaan biqilutti ifaajii lammataatiif saaxilama.Kanumaafi
hawaasni keenya beekumsa waggoota
hedduuf horate irraa ka’uudhaan’Irra dibaan hinfiddu bu’aa’jechuun kan dubbatu.Aramaawwan
siyaasaafi hawaasummaa akka biyyaatti kaleessa buqqifnee hingatne hanga waan
hinjirre fakkaatanitti dhokatanii waan turaniif amma haala mijaawaa
eeggachuun adeemsa siyaasaa gaariif
shaakallii yoo saaman argaa jirra.
Waggoota kurnan darban ukkaamsaafi humnaan rakkoolee
jiran haguuguudhaan kan hinjirre nutti fakkaatus seeneeffamni qoodumsaafi
finxaaleessummaan sabummaa daangaa dhabe nudhaalee ture.Har’a hanga tokko
bilisummaan argamnaan hammeentaa rakkoo jiruu agarre.Dhaabbileen tasgabbiifi
haqaa keenyaa jabaatanii ga’oomina utuu hinqabaatin doorsisuudhaaniifi abbaa
irrummaatiin akka saree dabbasaan itti baay’atee irree cimaa kan qaban
fakkaatnii jiraachaa turan.Haala bilisummaafi demookraatawaatiin yoo qoraman
garuu cabiinsisaanii ifa ba’ee
mul’ate.Diinagdeen saamichaan dhorameefi dhibbaa liqaatiin bututee ture
lakkoofsa mul’iftuu guddina diinaghdeetiin haguugamee harki dhahamaafi ture
liqaa fudhattan deebisaa yeroo jedhamu jireenya ummataa fooyyessuu yoo
dadhabu,fedhii hojii hoji-dhabeeyyii walakkumallee guutuu yoo dadhabu cabiinisisaa hammam akka ga’u
saaxilame.Rakkooleen kun bu’ura kan gadi
fageeffatan ta’anis hammam akka ga’an ifa ba’ee kan mul’ate sirnichi bilisummaa
hanga tokko jiruun yoo sakatta’amudha.Iddoo bilisummaan hinjirretti hundumtuu ukkaamamuufi cufamuun sodaadhaan
yoo jiraatu inumaatuu rakkooleen kan miidhagan fakkaatanii mul’achuu
danda’u.Dugaan jiru garuu keessa keessa lafa yoo qabataniifi saaphanaa’aa
turuun ilkaan birmadummaa biyyaa ittiin ciniinu biqilfachaa ture.
Amma gama sirna barnootaatiin adeemsa waggoota hedduu
darbeefi bu’aasaa hubachuu dandeenyus rakkoo kana keessaa ba’uuf garuu hojii
yeroo baay’eetu nurraa eegama.Rakkoo jiru beeknee jirra jechuun har’uma falasaa
arganna jechuu miti.Damee diinagadeefi sirna siyaasaatiin hojii walfakkaataatu
nurraa eegama.Dhaabbileen siyaasaafi hawaasummaa sababa gaaffiiwwan
demokraasiifi bilisummaatiin yoo gatantaran agarreen humni qaban dadhabaa akka
ta’e sirritti nutti mul’isaniiru.Hammentaa rakkoo jiruu har’a hubannus rakkoon
kun har’a akka hin uumamne yaaduun maddi furmaataa nudhaloota har’aa akka taane
amanuudhaan itti gaafatamummaadhaan hojjenna.Hammentaa cabiinsa keenyaafi
heddumina rakkoolee keenyaa sirritti hubachuun tarkaanfiiwwan fooyyessaas
hojiirra oolchaa jirra.
Cabiinsa hawaasummaa waggoota hedduuf dhokatee akka waan
sirrii ta’etti ilaalamaa ture haala mijaawaa argameen ifa ba’ee fuulleetti yoo
qolataniin jalqabarra rifaatuudhaan
liqimfamuun wanti raawwatan dhabamuun ajaa’ibsiisaa miti,deebii uumamaatis
ta’a.
Garuu dhimmichaafi bu’urasaa waakkachuuf yaaluun yookan
sababa ta’uu hin qabne tarreessaa darbuun furmaata waaraa rakkoolee jiranii
hinfidu.Dhukkuba busaatiif qoricha busaa malee mallattoo mataa bowwuufi qorra
mul’ise jedhamee qoricha mataa bowwuufi
qorraa fudhachuun akka fala waaraatti hinfudhatamu.Yoo rakkoon mudatu quba
namatti qabuufi qaawwa jiruun hulluuquun miliquun furmaata gowwotaafi
sodaattotaa yammuu ta'u daandi’n sirriin gamnootaafi goototaa rakkoolee mudatan
fuulleetti qolachuun furmaata waaraatiif carraaquudha.
Cabiinsa har’aa dogongorri kaleessaa uume hubannee humna
fala waaraa argamsiisu waliin ta’uuf qophaa’uu qabna.Baay’inni rakkoolee yeroo
dhiyootti numudatan kutannoofi humna guutuudhaan gara furmaataatti akka demnuuf
kan dhiibbaa taasisan ta’uu qabu.Yaadaafi humna haarawaan sussuukuuf abdiidhaan
haakaanu!Jijjiirama ol’aanaafi jireenya fooyya’aaf haacarraaqnu!Akka biyyaafi
hawaasaatti daandiin nubaasu isa kanadha.Dogongoroota kaleessa irraa dhaalle
dhabamsiisuun iddoo isaaniitti sanyii gaarii yoo facaafne shakkii malee
carraaqiin keenya firii gaarii baasa.Ijoollee ijoollee keenyaatiifis galaa
abdii ta’aaf.
Itiyoophiyaan carraaqqii Ijoollee isheetiin kabajamuun
bara baraan haajiraattu!!
Waaqayyo Itiyoophiyaafi Ummattoota ishee haa eebbisu!
Muummicha Ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad
Amajjii
25 bara 2015

0 Comments