Dhimmi Birmadummaa Dhimma Ijoo Itiyoophiyaati



(YMN,Finfinnee,Onkololeessa 06,2019) Birmadummaa biyyaa akka waan xiqqaatti ilaaluun hindanda’amu.Birmadummaan biyyaa waan guddaadha.Kanneen dhimmi birmadummaa biyyaa akka xiqqaatu taasisanii  Birmadubbaa biyyaa gadi qicanuun ilaalan amma iddoon isaan jiran beekamuu qaba.Birmadummaa biyyaa sarbanii waaroo salphinaa haguuggachuuf dirqaman.

Diinni keessaa birmadummaan Itiyoophiyaa akka sarbamu kan taasise qofaasaa miti.Gooftoliisaa alaa wajjin qindoomina cimaa uumuudhaan waan badii dhiifama hinqabne kana akka raawwate beekameera.Haqa kanaaf haalota tibbana Naannoo Tigraayitti mudatantu ragaa qabatamaa ta’ee dhiyaata.

Wanti Waayyaanneen abdachuudhaan onnattee waraana ittiin bante gadi ba’ee hunda biratti akka beekamu taasifamamaa jira.Hojiin gama Kanaan Mootummaan Ida’amuu hojjechaa jiru qaamolee hunda biratti iftoomni gahaan akka uumamuuf shoora guddaa kan gumaachuu danda’udha.Ragaa bakka bu’oota biyyaalee alaatiif dhiyaachaa jiru haa’ilaallu.



Meeshaaleen waraanaa tibbana Raayyaa Ittisa Biyyaatiin too’annoo jala oolfaman qondaaltoota loltummaam-Attaasheewwan lolutummaa biyyaalee gara garaatiin akka daawwataman taasifameera.Kun waan dansaadha.Biyyaaleen kanneen biroos hubannaa gahaa akka qabaataniif hojiin diippiloomaasii Kanaan dura itti fufiinsaan hojjetamaa ture bu’aan argamsiise akkuma jirutti ta’e gochoota badii Waayyaanneetis yerootti saaxiluun  bu’aa guddaa qaba.

Meeshaaleen waraanaa deeggarsa Shaabiyaafi Gbtsiin Waayyaanneef taasifaman akaakuun isaanii maal akka ta’e,meeqa akka ta’aniifi tajaajila loltummaa akkamiitiif akka oolan ogeyyootaan ibsi kennameera.Attaasheewwan haala Kanaan meeshaalee waraanaa too’ataman daawwatan dhugaan eessa akka jirtu adeemsa Kanaan guutummaatti hubachuu danda’u..

Dhugaa Itiyoophiyaa kanneen biroos haaluma Kanaan akka hubatan taasifamuu qaba.Adeemsi Itiyoophiyaan balbala Galaana Diimaa akka dhabduuf qondaaltoonni Waayyaannee kanaan duraa shiraan ittiin deeman tooftaa akkamii akka fayyadame saaxiluunis kana wajjin walqabatee waan hojjetamuu qabudha.

Balballi Galaana Diimaa Itiyoophiyaaf waan murteessaa akka ta’e himuu qofa utuu hintaane adeemsa Itiyoophiyaan balbala Galaana Diimaa ittiin dhabde tartiibaan saaxiluun carraa Itiyoophiyaan balbala Galaanaatti deebi;uuf qabdu milkeessuuf shoora guddaa gumaachuu danda’a.

Waayyaanneen akkuma Kanaan dura Itiyoophiyaa balbala Galaanaa dhabsiisuun birmadummaan biyyaa akka sarbamu taasisuun Itiyoophiyaan akka bittinnooftuuf karoorfattee itti qophooftee waraana bante.Karoorri Itiyoophiyaa bittinneessuuf qabame garuu galma yaadame bira utuu hinga’in karaatti fashalaa’ee jalaa hafe.

Injifannoo cululuqaa lammiiwwan biyyasaanii jaallatan hunda gammachiise kana galmeessisuu kan danda’e Gooticha Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaati.Raayyaan Ijaaramee humnisaa daran akka cimu taasifame hidhattoota Waayyaanneefi kanneen biro irratti tarkaanfii barbaachisaa utuu fudhachuu baatee bu’aan har’a galmeeffamee ajandaa ta’uu danda’e kun himamuu hindanda’u ture.

Gootonni keenya akkaataa barbaachisuun sirritti qophaa’an garuu diina keessaafi alaa qaanessuudhaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een bittinnaa’anii akka hafan taasisuu danda’an.Birmadummaan biyyaa raayyaa Eertiraatiin se’atame utuu oolee hinbulin tarkaanfii hatattamaa loltota Eertiraa irratti fudhatameen kabajameera.Naannoo Tigraay keessaa saffisaan ba’uun isaanii birmadummaan Itiyoophiyaa kabajamuusaa mul’isa.Dhimmi Balbala  Galaana Diimaatti deebi’uus sadarkaa amma irra ga’ameen walbira qabamee yoo I;aa;amu waan hin’oolle akka ta’e haalli amma jiru ragaadha.

Har’a Mootummaan Itiyoophiyaa bulchinsa baatii jahaaf turuufi Naannoo Tigraay deebisee caasessu akkasumas wantoota babbadan iddootti deebisu hundeesseera.Murteen saffisaan kun Mootummaan Ida’amuu aantummaa Ummata Naannoo Tigraayiif qabu kan mul’isedha.Bulchiinsa dameewwan adda addaatiin sadarkaa hojii raawwachiiftootaatiin hundeeffame kanaaf yeroo baatiiwwan jahaa qofatu kenname.Baatiiwwan jahan dhufan keessatti Naannoo Tigraay tasgabbeessuudhaan filannoon akka adeemsifamuuf haala mijeessuun itti gaafatamaafi dirqama bulchiinsa kanaa akka ta’e himameera.

Tarkaanfiin kun Waayyaanneen akka bofaa biyyee arraabdee lammata akka hinkaaneef haala mijaawaa kan uumudha.Caasaan kun Waayyaanneetti kan tolu miti.Kan Waayyaanneen irra deddebitee miitedha.Kan Waayyaanneedhaan miidhame ammoo Waayyaanneen deebitee akka humna horattu taasisuu hindanda’u.Oduu gamamchiisaa itti aanu dhaga’uun keenya waan hin’oolle ta’a.Waan yeroo kennitanii dubbiftaniif galatoomaa! fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments