Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 03,2015(YMN) Itiyoophiyaan akka Nagaa
dhabdu taasifamaa jira.Diinni biyyaa gamaafi gamanaa walitti birmatee socho’aa
jira.Mootummaa jijjiiramaatti quba qabeera.Mootummaa amma hooggansa irra jiru
kana fonqolchinee taayitaa irraa buufnu malee waan barbaadnu argachuu hindandeenyu
jechuun akka waliigalan gochuma qabatamaan taasisaa jirantu mul’isa.
Garuu miidhama geessisuun ala waan argachuu
barbaadan hinargatan.Mootummaan Itiyoophiyaa amma jiru shira,iyyaafi wacaan kan
fonqolfamu miti.Mootummaa seera qabeessa sagalee ummataatiin filatamedha.Motummaa
ummataan filatamee jijjiirama hundi irraa fayyadamu lafa qabsiisuuf hojjechaa
jiru shiroota gara garaa xaxuudhaan kuffisuun waan danda’amu miti.
Mootummaan Itiyoophiyaa muummicha ministiraa Dr.Abiy
Ahmadiin hoogganamaa jiru kallattii Jaalala,dhiifamaafi ida’amuu qabatee imala
eegale shira humnoonni keessaafi alaa walta’uudhaan xaxaniin taayitaa qabate
irraa akka bu’uuf wixiffannaan taasifamus haalli mootummaan kun taayitaa
ummataan kennameef irraa yeroo malee humnaan ittiin buufamu gonkumaa hinjiru.
Kanaan dura Oromoofi Amaara walitti buusuudhaan Itiyoophiyaan
akka diigamtuuf yeroo adda addaatti yaaliin taasifameera.Yaaliin taasifame
hundumtuu fashalaa’ee hafe.Kanneen shira adda addaa xaxuudhaan jeeqamsa
qindeessaafi hojiirra oolchaa turanis wanti yaadaniifi karoorfatan milkaa’uu
hindandeenyeef akkuma baran qaanii haguuggachuudhaan hafaniiru.Sochiin amma
jirus kanaan ala ta’uu kan danda’u miti.
Yaaliin xumuraa amma taasifamaa jiru amantaa da’oo
kan taasifatedha.Yaaliin dhimma amantaa da’oo taasifachuudhaan mootummaa
jijjiiruu kun kanumaan duras taasifamee bu’aa humni diigumsaa barbaadu
galmeessisuu akka hin dandeenye beekamaadha.Itiyoophiyaatti sababa amantaatiin
jeeqamsi akka babal’atuuf kanaan dura karoora shirtootaatiin bataskaanoonni
hedduun akka gubatan taasifameera.Masgiidoota hedduu irra miidhaan akka ga’u
taasifameera. Bataskaanoonniifi Masgiidoonni akka gubatan taasifaman deebi’anii
akka ijaaraman taasifamuudhaan waliin jireenyi hawaasaa itti fufuu danda’eera.
Haala ammaa kana hanga tokko wanti adda taasisu abbootiin
amantaa saba Oromoofi sabaafi sablammoota kanneen biroo keessaa ba’an gaaffii
mirgaafi rakkoo bulchiinsa gaarii kaasuu isaaniiti.Gaaffiin abbootiin kaasan
mariifi ilaafi ilaameedhaan deebii gahaa argachuu kan danda’u ta’uun utuu
beekamuu waan kana finiinsuudhaan mootummaa irratti jibbi akka uumamuuf
hojjetamaa jira.
Sochiin humnoota gara garaatiin keessaafi alaa
taasifamaa jiru ‘carraan kun nudarbu hin qabu’ jechuun kan murteeffatan akka ta’an
mul’iseera. Mootummaan waan kana akkuma barame tooftaafi obsa bal’aadhaan bira
darbuuf hojjechaa kan jiru ta’us amma xiiqiidhaan sadarkaa ibsa walitti
baasurra akka ga’ame waanuma ta’aa jiru irraa hubachuun rakkisaa miti.
Ibsi abbootiin amantaa irra deddeebiidhaan
kennaa jiran Itiyoophiyaa keessa mootummaan amantaa waan jiru fakkeesseera.Sanuu
ibsa waldhayetu ba’aa jira.’Abbaan amantaa tokko ka’ee nuti hiriira hin
waamne,kadhannaan haataasifamu jenne malee’ jechuun yoo himu,galagala ammoo
abbaan amantaa kan biraa miidiyaatti ba’uudhaan ‘Hiriirri hinhafu.Waan Guraandhala
shanitti karoorfanne hojiirra oolchuurraa duubatti hinjennu,nuti ijoollee
keenya wajjin wareegamuuf qophoofneerra’ jechuun himan.
Maal wanti akkanaa?Itiyoophiyaan biyya heeraafi
seeraan bulaa jirtu ta’uunshii utuu beekamuu seera dhabdummaa kana maaltu fide
jechuun gaafachuun barbaachisaa ta’a.
Mootummaan jijjiiramaa amma jiru ADWUI qabsoo
ummata bal’aafi sosochii keessaatiin taayitaa irraa buusuun taayitaa biyya bulchuu
erga qabatee booda Itiyoophiyaan ijaarsa aadaa sirna demokraasiitiin sadarkaa
biyyaalee guddatanii bira ga’uu akka dandeessu waan barbaaduuf wantoonni
hedduun demokraasii da’eeffachuudhaan faalla’aniiru.
Humnoonni diigumsaa ammoo fedhiifi murtee
mootummaan deemokraasiin akka dagaaguuf qabu waan sirritti beekaniif kanatti
fayyadamuudhaan biyyaafi ummatarra miidhaawwan suukaneessaa ta’an akka ga’uuf
onnachuun socho’aniiru.Jalqabarra ummata hedduu qayee jireenyaa irraa
buqqiisuudhaan haala mootummaa ilaaluuf carraaqan.Ittifuudhaan gochoonni
seeraan alaa gara garaa akka raawwataman taasisan.Kanaanis lubbuun lammiiwwan
darbeera,qabeenyi ifaajii waggoota hedduu boodaa biyyaafi lammiiwwan horatan
barbadameera.
Gareen taayitaa irraa bu’uuf dirqameefi Maqaleetti
gales shira humnoota gara garaa wajjin qindaa’uudhaan hojjechaa tureen
onnachuudhaan raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaa irratti miidhama seenaan
hindaganne raawwate.Gocha badii haala suukaneessaa ta’een raawwateen daanga’ee
utuu hin hafin taayitaa irraa bu’etti deebi’uuf waraana miidhaa guddaa
geessisee darbe bane.
Waraanni gareen TPLF bane hooggansa gamnummaa
muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad kennaniin turtii waggoota lamaa qofatti
xumura argachuudhaan kanneen dhiita’anii waan ta’an wallaalanis waliigaltee
nagaa mallatteessuuf dirqaman,meeshaalee gurguddoo qabeenyuma Itiyoophiyaatiin
hidhatanis hiikkachuun dirqama itti ta’e.
Itiyoophiyaan nagaa waaraa argachaa jirti
jedhamee lammiin nagaa barbaadu gammachuusaa utuu hinfixatin wanti biraa
dhalachuu eegale.Gareewwan adda addaa finxaaleessummaadhaan beekaman qabsoo
hidhannoo jalqabne jechuun ololan.TPLF dabalatee humnoonni gara garaa gareewwan
qabsoo hidhannoo taasifna jedhan kanaaf galaafi deeggarsa maallaqaas taasisaa
akka jiran hubatame.
Tajaajilli komunikeeshinii
mootummaa Federaalaa ibsa kaleessa galgala baaseen haqa kana mirkaneesseera.Tajaajilichi ibsa haala yeroo irratti kenneen akka
mirkaneessetti qaamoleen dhimma amantaa kaayyoo siyaasaa badiinsaatiif itti
fayyadamuuf socho’an mul’achaa jiru.Kunis karaalee gara garaatiin mirkanaa’eera
Gareen abbootii qabeenyaa, namoota siyaasaafi gurmaa’iinsa
dargaggoota hafuuraan “Qopheessaa hiriira wareegamaa” jedhu sadarkaa jiddugaleessaarraa
hanga gadiitti caasaa hundeessuu mootummaan bira gahuu himeera.
Gareen kun carraa uumametti fayyadamuun jeequmsa meeshaan
deeggarameen mootummaa sochoosuuf fedhii akka qabuufi kanaafis dargaggoota
filuun bobbii eegaluu,kaayyoo isaatiif tooftaa adda addaatiin maallaqa walitti
qabuun raabsaa akka jiru akkasumas qaamolee karaa seeraan alaa hidhatan waliin
hariiroo uumaa akka jiru mootummaan akka mirkaneeffate beeksiseera.
Egaa ‘beekkanneen yoo jalaa ba’anidha’
kallattiin amma mootummaan hordofaa jiru kallattii sirriidha.Ol’aantummaan
seeraa kabajamuu qaba.Hundumtuu heeraafi seeraan buluu qaba.Humna kanaan ala
socho’u irratti tarkaanfii seera qabeessa ol’aantummaa seeraa kabajisiisu
fudhachuun dirqama mootummaati.Gochoota seeraan alaa raawwataman gama
saaxiluufi seeratti dhiyeessuutiin ummanni bal’aanis dirqama irraa eegamu ba’uu
qaba.Qindoomina uumnee yoo kana goone qofadha biyya Nagaadhaan keessa jiraannu
qabaachuu kan dandeenyu.Fayyaa ta’aa!
0 Comments