'Eessa jirtuu?Shaggar jirra jedhaa!'

 



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 20,2015(YMN) Ayyaanni waggaa 127ffaa injifannoo Aduwaa kamisa dhufu qophiiwwan gara garaatiin kabajama.Kanaafis Raayyaa Ittisaafi qaamolee dhimmi ilaallatu kanneen birootiin qophiin taasifamaa jira.Baga geenye!

Dhaloonni har'a jirru carraa jiraachuu argachuu kan dandeenye wareegama gootoonnii durii baasaniin akka ta'e dagachuu hinqabnu.Kan fagoo dhiifnee kan dhiyootuu yoo kaafnu wantoonni dagachuu hinqabne baay'eetu jira.
Fakkeenyaaf gootni keenya beekamaan artiist Haacaaluu Hundeessaa waggootaan dura qindeessummaa isaatiin ayyaanni injifannoo Aduwaa yoo kabajamu maal jedhe yaadattuu?
Haaceen 'Eessa jirtuu?Shaggar jirra jedhaa!'jechuun sagaleesaa kiilolee sanaan dhaadannoo dhageessise.
Akkuma Haacaaluun jedhe,har'a Shaggar jirra.Magaalaa Oromoon hundi ittiin boonu bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeeffannee jirra.Hundeeffamuu Magaalaa Shaggariiniis baga gammadne! Kan hafe suutuma haasofna.'Haabultu dubbiin' jedhe Oromoon.

Post a Comment

0 Comments