Muummichi keenya daawwannaa xumuruun galaniiru



 


Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 01,2015(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad daawwannaa Awurooppatti taasisaa jiran itti fufuudhaan Faransaay Paaris daawwataniiru.Daawwannaa biyyaalee Awurooppaatti taasisaa turanis xumuruudhaan gara biyyaatti deebi'aniiru.
Faransaay daawwachuu isaaniitiin dura biyya Xaaliyaanii fi Maaltaa kan daawwatan akka ta’e nibeekama.Turtiin biyyaalee kanatti taasifame bu'a qabeessaafi hariiroo Itiyoophiyaan biyyaalee kana wajjin gama hundaan qabdu daran kan jabeessu akka ta'e hubatameera.
Muummichi ministiraa Abiy ‘Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel argachuu kootti gammadeera’ jedhaniiru ergaa ganama kana Twitter isaaniirratti dabarsaniin.
‘Simannaa Paarisitti naaf taasifameefis galannikoo guddaadha, hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimaa wayita dhufe, guddina diinagdee olaanaatti akka ce’u abdiin qaba’ jedhan.
Kubbaaniyyaawwan biyya Faransaay hojiiwwan investimantii Itiyoophiyaa keessatti bal’inaan akka hirmaataniif nisimanna jechuunis dhaamsa dabarsaniiru.
Daawwannaan gareen mootummaa Itiyoophiyaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin hoogganamuun biyyaalee Awurooppaatti gaggeeffamaa ture bu’a qabeessa akka ta’e muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi ministirri maallaqaa Ob.Ahmad Shidee ibsa Televiziyoona Itiyoophiyaatiif kaleessa kennaniin beeksisaniiru.
Ministirri maallaqaa Ob.Ahmad Shidee akka jedhanitti turtii Xaaliyaan Roomitti taasifameen mariin walitti dhufeenya Itiyoo-Xaaliyaan cimsu kan taasifame yoo ta’u mootummaan Xaaliyaan Itiyoophiyaadhaaf deeggarsa Yuuroo miliyoona 100fi miliyoona 80 taasiseera.Liqaan maallaqaa wayyoota dheeraa booda deebi’u akka argamuufis haalli mijaa’eera.
Akkuma kanaan dura biyyaalee birootti taasifame daawwannaan tibbana biyyaalee Awurooppaatti taasifames walitti dhufeenya diippiloomaasii Itiyoophiyaan biyyaalee Addunyaa wajjin taasiftu daran kan jabeesse akka ta’e hubatameera.
Waajjirri muummicha ministiraa akka beeksisetti muummichi ministiraa daawwannaa bu’a qabeessa biyyaalee Awurooppaatti adeemsisaa turan xumuruudhaan gara Finfinneetti deebi’aniiru.

Post a Comment

0 Comments