Pirezidaant Shimallis Abdiisa diinagdee Oromoo bu’uuraan jijjiiruuf xiiqiidhaan hojjechaa jirra jedhan

 



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 05,2015(YMN) Mootummaan Naannoo Oromiyaa diinagdee Oromoo bu’uuraan jijjiiruuf hojiiwwan karoorfaman dachaan raawwachuuf xiiqiin hojjecjaa jiraachuu Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii paartii fi Mootummaa naannichaa kurmaana 2ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Gamaaggama raawwii hojii kana irratti gabaasni raawwii hojii paartiifi mootummaa dhiyaachuun mariin taasifamaa kan jiru yoo ta’u marii kanaanis hanqinoota raawwii keessatti mul’atan sababoota isaanii waliin adda baasuun kallattiin furmaataa kaa’amuun xiyyeeffannoon irratti akka hojjetamu himameera.

Gama biraatiin ciminoota ji’oottan ja’an darban keessa galmaa’an adda baasuun babal’isuufi akka muuxannootti itti fayyadamuun akka barbaachisuu gabaasa dhiyaate keessatti eerameera.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waltajjicha irratti argamuun akka dubbatanitti hooggansi Naannoo Oromiyaa gara hooggansa diinagdee hoogganuutti ce’aa kan jiru ta’uu ibsuun hojiin kamiyyuu rakkoo uummataa hiikuufi dhiisuun madaalamuu qaba jedhan.

Qorannoo gaggeeffamu keessatti hojiileen milkaa’an caalmaatti cimsanii itti fufsiisuun bakka hanqinni jirutti ammoo maaliif jedhanii of gaafachuun sadarkaa hundatti jiraachuu akka qabus Obbo Shimallis kaasaniiru.

Milkaa’ina amma mul’achaa jiru sirnaan itichaa deemuun waan hafe milkeessuuf hooggansi sadarkaan jiru, ogeessiifi uummanni qindoominaan hojjechuun hundaa ol murteessaa ta’uunis ibsameera.

Hireen ammaa kan hooggansa muraasaa osoo hin taanee kan sabaa akka ta’e qixaan hubachuun sadarkaa hundatti hooggansa jijjiirama fidu ta’uufi uummannis kan isaa ta’uu hubatee tokkummaan irree cimaa horachuun hojjechuun dhimma yeroon barbaaddu akka ta’e Obbo Shimallis himaniiru.

Keessattuu ijaarsa sirnaa irratti ciminaan hojjetamuu akka qabuufi kana keessatti ammoo beekumsaaf teknoloojii gonfachuun beekanii hojjechuu, humna guddaa horachuuf sadarkaa hundatti ijaaramuun humna dinagdeef siyaasa Oromoo madaalu qabaachuu fi hammattummaa kaleessaa dagaagsaa duumuun murteessaa ta’uun hubatamee sadarkaa hundatti hojirra ooluu akka qabu dhamameera.

Qorannoo hojii kurmaana 2ffaa keessatti Kilaastara dinadgee gama qonnaan qamadii jallisii Boneen oomishameen bu’aan gaariin mul’achaa jiraachuu, sassaabbiin oomishaas karaa yaadameen kan raawwatame ta’uun ibsameera.

Inisheetiivota qonna Kuduraaf Muduraa irrattis sochii gaariin kan itti mul’ate akka ta’e, kunuunsa qabeenya uumamaatiinis jalqabbii gaarii jiru cimsanii ittifufsiisuun akka barbaachisu qorannoo kana irratti ka’eera.

Galii sassaabuun walqabatee akkaataa karoorfameen raawwatameera; raawwii pirojektootaan walqabatee fooyya’insi kan jiru yoo ta’u bakka harcaatiin jirutti xiyyeeffannoo hojjetamuu akka qabu himameera

Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan keessaa nyaata barattootaa akka naannootti jalqabe cimsuun walqabatee, qabxii barattootaa fooyyessuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagenya lammiilee amansiisaa taasisuu, qaalayinsa jireenyaafi daballii gatii too’achuu, too’annoo kontirobaandiifi weerara lafaa ittisuun dhimmoota ijoo waloon irratti hojjetamuu qaban akka ta’e waltajjii gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa kana irratti kan adda bahan ta’uu odeeffannoon Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa irraa argame mul’iseera.

Odeeffannoo dabalataa iddoo jirtanitti kanneen irraayis dubbisaa:

Instagram:https://www.instagram.com/yaadimedianetwork/

Linkdein: https://www.linkedin.com/in/yaadimedia/

Pinterest: https://www.pinterest.com/Yaadimedia/

You tube: https://www.youtube.com/channel/UCFslwPKDM0QxVrt75_p_kuw

Blog:https://yaadimedianetwork.blogspot.com/

Twitter: https://twitter.com/Qaroomina

Telegram: https://t.me/yaadimedianetwork

Tik Tok: https://www.tiktok.com/@yaadimedia1/

Post a Comment

0 Comments