Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 16,2015(YMN) Sabni Oromoo aadaa
boonsaafi kabajamaa qaba.Diina Oromootu aadaafi dudhaa Oromoo gadi qica malee
aadaan araaraafi dhiifamaa Oromoon qabu isa birayyuu darbuudhaan addunyaa kan dhaqqabuu
danda’edha.Kanaaf ragaa qabatamaa ta’uun kan dhiyaatu Sirna Gadaa Oromoo hambaa
kiliyaa addunyaa ta’uun waggootaan dura galmeeffamedha.Sirni Gadaa Oromoo amma
qabeenya addunyaati.Maddi injifannoo boonsaa kanaa ammoo aadaafi dudhaa Oromoon
duriifi ammas qabudha.
Sabni Oromoo ilaafi ilaamee jedhee mariidhaan rakkoosaatti fala
barbaaduu beeka.Mariifi ilaafi ilaameedhaan rakkoosaatti furmaata yoo barbaadu
qaama biraa hinhirmaachisu.Qaama sadaffaa barbaacha hindeemu,deemees hinbeeku.Oromoon
maalif akkana godhaa?jechuun gaafachuun barbaachisaadha.Sabni aadaa dilbii
qabuufi dudhaa kabajamaadhaan jiraatu maal dhabee orma bira dhaqaa?Qaama
sadaffaa dhimma ofiitti waamuun rakkoo dabalataa malee fala argamsiisuu akka
hindandeenye Oromoo caalaa eenyutu beekaa?Gaffilee kana of gaafachuudhaan haqa
qabatamaan jiru hubachuun barbaachisaadha.
Dubbiftootakoo akkam jirtan?har’a ammoo maal jechuu barbaaddee?qarqara
naannoftaa?naan jechuun keessan hinoolu.Oromoon yoo mammaaku’Waa malee manni
hinaaru’ jedha.Anis waan kana waa malee akkan hinjenne sirrtti akka hubachuu
dandeessan hinshakku.
Dhiyeenya kana mootummaan Federaalaas ta’e mootummaan Naannoo Oromiyaa
gareen hidhatee bosona jiru gara marii nagaatti akka dhufuuf waamicha akka
taasisan nibeekama.Erga waamichi marii nagaafi araaraa kun dhiyaatee booda waan
gamaa-gamanaa jedhamaafi darbatamaa oolu baay’eetu jira.Kanas akka quba qabdan
nan abdadha.
Akkuma beekamu Badhaadhinni biyya bulchaa jiru rakkoon Afrikaa Afrikaanootaan
fala argachuu qaba malee orma itti waammachuu hinqabnu ejjennoo jedhu qaba.Dhugaan
kun irra deddeebiidhaan himameera.Qabataamaanis ta’ee mul’ateera.Maarree utuu
kun beekamuu qaama sadaffaa jechuun araaraa walootti orma waammachuun maalif
barbaachise?
Kun of salphisuu akka hintaaneef of eeggannoo gochuun
barbaachisaadha.Duruu guddaa ta’uun keenya utuu beekamuu ofumaaf of
xiqqeessinee ormi gadi xiqqeessee akka nuilaaluuf,akka nutuffatuuf balbala
banuudhaan waggoota hedduuf miidhamne.Waan darbe irraa barachuun muuxannoo
fudhachuun gamnummaadha.
Ormi akka isaaf tolutti malee akka nuuf tolutti hojjeta jechuun
yaaduun of gowwoomsuudhaan ala waan biraa ta’uu hindanda’u.Qaamoleen dhimmi
isin ilaallatu mee waan kana sirritti qalbeeffachuudhaan haailaallu.Qaama
sadaffaa idil addunyaa mana marii tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti
seeraan ala yeroo 10 caalaa dhimma Itiyoophiyaa irratti akka mari’atamuufi
qoqqobbiin akka murteeffamuuf carraaqaa erga turee booda shirri yaade jalaa
fashalaa’etu nuuf yaadaa?Moo ergasii asitti ilaalchi diinummaa biyya keenya
irratti qaban jijjiiramee?
Diinoonni Itiyoophiyaa qaawwa argatan kamittuu fayyadamuudhaan Itiyoophiyaan
akka miidhamtu taasisuu irraa duubatti hinjedhan.Dhugaan kun beekamuu qaba.Dhimma
kana kallattii adda addaatiin ilaaluun haqa qabatamaan beekamu hubachuun
dirqama lammii biyyaaf yaadu hundaati.
Kallattii sirriidhaan yaadama yoo ta’e ‘Shanee ykn.WBO’ akkaataa
aadaafii dudhaa saba Oromootiin qajeelfamuudhaan marii nagaatti dhufuufi
araaramuu wanti dhorku tokkollee hinjiru.Carraa marii nagaafi araaraa argametti
fayyadamuun barbaachisaadha.Carraa argame kana sababoota gara garaa tarreessuudhaan bu’aa dhabsiisuun akkuma
kanaan dura ‘ABO’ irratti ta’ee darbe miidhama malee fayyadamtummaa fiduu
hindanda’u.
Kanaaf harkisaa gamaafi gamanaan jiru ofirraa ittisuudhaan akka
qajeelfamni aadaafi dudhaan sabaa ajajutti marii nagaatti dhufuun araaramuun
kan dabe sirreessuun xiyyeeffannoo argachuu qaba!Wabiin araaraa saba Oromoofi dudhaasaa
caalu eessumaayyuu dhufuu akka hindandeenyeefi dirqamaan qaamni sadaffaan akka
dhufu yoo taasifames fudhatama qabaachuu akka hindandeenye garanumaa qalbeeffachuun
gaarii ta’a.Fayyaa ta’aa!
0 Comments