Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 12,2015(YMN) Diinni walqooduumsa Saba
Oromoofi hayyoota isaa irraa fayyadameera.Faayidaan diinni Oromoon akka
hingamtoomne taasisuutiin argate ammoo asii hanga asiitti jedhamee kan himamee
dhumu miti.Kan dhiyoo dhiifnee haala waggoota dheeraaf mudate yaadachuun kan
kaafnu yoo ta’e waan yeroo gabaabaa keessatti dubbatamee dhumuu danda’u akka
hintaane hubachuun rakkisaa hinta’u.
Hayyoonni Oromoo hedduun quuqama sabaaf qaban irraa ka’uun
moggaasa dhaabbilee gara garaa kan akka Meccaafi Tuulamaafi kanneen biroo
keessatti ijaaramuudhaan qabsaa’an qabsoon isaanii galmasaa utuu hinga’in akka karaa irratti hafan
taasifameera.Qaanqeen qabsoo Oromoo isaan qabsiisan garuu dhaamuu didee itti
fufuu waan danda’eef har’a Oromoon iddoo durii hinjiru.
Dhugaa kana irratti waliigaluun barbaachisaadha.Oromoon har’a
mirga abbaa biyyaa ta’uu argateera.Akka kanaan duraa qarqararra dhaabbatee
ilaaluu irraa gara jiddugalaatti dhufuu danda’eera.Dhugaan kun kan waakkatamuu
danda’u miti.Waan qabatamaan mul’achaa jiru haaluun akkamitti danda’amaa?Gonkumaa
waan danda’amu miti.
Diinni keessaafi alaa humna Oromoon har’a horate sirritti waan
hubateef waan of harkaa qabu jalaa fashaleessuuf kan danda’u hunda
raawwachuudhaan wixiffachaa jira.Waan akaakileefi abaabileen isaanii Oromoofi
sabaafi sablammoota kanneen biroorratti xiqqeessanii ilaaluudhaan,gadi
qicuudhaan raawwachaa turan waan beekaniif moggaasa arrabsoo gara garaa
darbachaa ooluun Oromoon hundi akka mataa gadi qabatuuf hojjechaa jiru.
Rakkoo kana qolachuun kan danda’amu waliinis waliifis dhaabbachuudhaan
akka ta’e Oromoon hundumtuu kan biyya keessaafi biyyaalee alaa gara garaa
keessa jiraatu hubachuu danda’uu qaba.Garaa garummaan ilaalcha siyaasaa yeroof
turu inifannoo Sabni Oromoo guddichi goonfate kan dhabamsiisu ta’uu hinqabu.Mufiifi
dallansuun sababoota adda addaatiin uumame mariidhaan fala argachuu kan danda’udha.Kun
ammoo kanaan duras qabatamaan ta’ee mul’ateera.
Tokkummaan sabaafi hayyoota Oromoo tibba muummichi ministiraa Dr.Abiy
Ahmad wayita gara taayitaa ol’aanaatti dhufan mul’atee ture kanaaf ragaa qabatamaa
ta’ee kan fudhatamuu danda’udha.Haalli sun
shira diinoonni xaxaniin kan boora’ee ture ta’us carraan ilaafi ilaamee
jechuun mari’achuun waliif galuu akka jiru tibbana mul’achaa jira.
Carraan kun akka hinfashaloofneef of eeggannoo cimaa taasisuun
barbaachisaadha.Mootummaan Federaalaas ta’e mootummaan Naannoo Oromiyaa
mallattoo marii nagaa mul’isaniiru,mamii malees waamicha marii nagaa dhiyeessaniiru.
Balbala marii nagaafi ilaafi ilaameef baname kana kan cufuu
barbaadu akkuma kanaan dura mul’ate diina sabaati.Diinni fayyadamuu kan danda’u
walgalteen yoo dhabamudha.Diinni yeroo waliigalteen dhabamu saamichaaf haala
mijaawaa argata.Kanaaf nagaan akka bu’uufi tasgabbiin akka jiraatu hinbarbaadu.
Balballi jeeqamsaa fedhii diinaa kun amma cufamuuf jira’Oromoon
yoo mammaaku’Waa malee manni hinaaru’jedha.Tibbana dhimma amantaa da’eeffachuudhaan
akka malee wacamaa kan ture waa malee akka hintaane hubachuun barbaachisaadha.Duula
banamee ture hundatu yaadata waan ta’eef amma asirratti kaasuu hinbarbaadu.Egaa
inni kunis gamnummaafi fageessanii yaaduu hooggansaafi abbootii amantaatiin
furmaata argateera.Kunis waan jalaa fashalaa’eef xiiqii keessa galuudhaan akka
ta’aa jiran argaa jirra.
Akkuma durii ammas gootota Oromootti quba qabaniiru.Gamaafi
gamanaa walwaamuudhaan dhufaniiru.Maqaa balleessiin hooggansa Oromoo irratti
aggaamamaa jiru kaayyoo galmaan ga’uu barbaadu kan qabudha.Haala qabatamaan
jiru qalbeeffachuudhaan dura dhaabbachuun injifannoo galmeeffame
kunuunfachuun,eeggachuudhaan itti fufsiisuun dirqama Oromoota hundaa waan ta’eef
keessumattuu hayyoonni Oromoo biyya keessaafi biyyaalee alaatti argaman
kutannoodhaan hojjechuuf of qopheessuu qabu.
Keessumattuu balballi marii nagaatiif baname akka hincufamneef
hojjechuun dirqama hayyoota Oromoorra jirudha.Kana milkeessuuf hayyoonni Oromoo
muuxannoos ta’ee ga’uumsaafi beekumsa gahaa qabu.Maqaa saba Oromoo yeroo hunda
waamaniifi saba barsiisee sadarkaa amma irra jiran biraan isaan ga’eef jecha
maal nadhibee keessaa ba’uudhaan hojii gootummaa hayyoota Oromoo bara baraan
waamisu akka hojjetaniif Saba Oromootu irraa eegaa jira.
Balballi banameera.Wanti rakkisaan hinjiru.Haala mijaawaatu
uumame.Mootummaan Shaneedhaaf waamicha marii nagaa taasiseera.Hooggansi Shaneetis
awwaateera.
Waamicha marii nagaa mootummaan dhiyeesseefi Shaneenis tole jedhee
fudhate Oromoo hundatu deeggara.Sabni nagaan ba’ee nagaan akka galuuf,lammiin
hundi hojjetee akka jiraatuuf guddina biyyaa keessattis shoora irraa eegamu
akka gumaachuuf Nagaan amansiisaan jiraachuu qaba.
Nagaan afaan qawwee qofaan dhufuu akka hindandeenye hubatameera.Mootummaan
dhugaa kana irraa ka’uudhaan waamicha marii nagaa dhiyeesse jedhamee amanama.Humna
dhabeeti jechuun yaaduun sirrii hinta’u.Haala kanaanis ilaaluun waan danda’amu
miti.Garee biyya bulchaa erga turee booda Maqaleetti galee fincileyyuu adabachiisuu
danda’eera.Harka qullaatti hanbiseera.Humnoota alaa Itiyoophiyaa diiguuf shira
adda addaa qopheessuudhaan socho’aa turanis hooggansa gamnummaafi
gootummaadhaan dabalameen qaanessuu danda’eera.
Gareen hidhatan bosona jiru Shaneenis dhugaa kana hubachuu dadhaba
jedhamee hinyaadamu.Wal waraansaan injifannoon galmeeffamuu danda’u akka
hinjirre amma gama hundumaanuu hubatameera jechuun nidanda’ama.Shoorri hafe kan
Ummata Oromoo,hayyoota Oromoo,manguddootaafi abbootii Gadaa Oromooti.Uumaan Oromoofi
Oromiyaa,tokkichi Garaa Garbaa Oromiyaa nuuf haagargaaru,Itiyoophiyaa teenyas nuuf
haabaraaru!Mariin nagaa yaadamee galmasaa haagaa’u!Fayyaa ta’aa.
0 Comments