Yaa'iin hooggantoota gamtaa Afrikaa 36ffaan har'a Finfinneetti jalqabameera.




Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 11,2015(YMN) Yaa'iin hooggantoota gamtaa Afrikaa 36ffaan har'a Magaalaa Finfinneetti sirna ho'aa ta'een jalqabameera
Jalqaba yaa'ichaa irratti muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad dabalatee hooggantoonni gara garaa haasawa dhageessisaniiru.
Muummichi ministiraa haasawa dhageessisaniin kan Ashaaraa magariisaafi omisha Qamadii dabalatee milkaa'inoota Itiyoophiyaan goonfatte hirmaattoota yaa'ichaatti himaniiru.
Ardiin Afrikaa mana marii tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti bakka bu'ummaa idilee akka qabaattuufis gaafataniiru.
Ejjennoon Itiyoophiyaan rakkoon Afrikaa Afrikaanootaan fala argachuu qaba jedhu gara fuulduraattis kan daran cimee itti fufu ta'uusaa muummichi ministiraa himaniiru.
Dhimmoota gurguddoo ardii Afrikaa kanneen biroo xiyyeeffannoo argachuu qaban irrattis Dr.Abiy Ahmad haasawa dhageessisaniin hirmaattotaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad adeemsa yaa'ichaa maddiitti barreessaa muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees dabalatee hooggantoota biyyaaleefi dhaabbilee idil addunyaa gara garaa wajjin mari'ataniiru.
Adeemsa yaa'ichaa guyyaa jalqabaatiin Komoroos Seenegaal irraa taayitaa dura taa'ummaa gamtaa Afrikaa waggaa tokkoof turu fudhattee jirti.

Post a Comment

0 Comments