Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa Adwaan fakkeenya qabsoo bilisummaa uummata gurraachaa,Chaappaa birmadummaa keenyaati jedhe



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 23, 2015(YMN) Adwaan fakkeenya qabsoo bilisummaa uummata gurraachaa, Chaappaa birmadummaa keenyaati Jedheera,Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa Federaalaa.
Tajaajilichi guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Guyyaan injifannoo Adwaa guyyaa Ityoophiyaanonni loltoota weeratootaa bilisummaafi birmadummaa isaanii sarbuuuf dhufan onnee gootummaan, tokkummaafi jabinaan itti duuluun injifatan ta’uu eerara.
Injifannoon Adwaa Ityoophiyaanota hunda jaalalaan kan walitti hidhe misiraachoo bilisummaafi birmadummaa ta’uun ibsameera.
Injifannichi dhakaa bu’uuraa tokkummaan sabdaneessummaa Ityoophiyaa irratti ijaarame ta’uun himameera.
Injifannoon Adwaa bu’aa yeroorra darbee seenaa addunyaa dhala namaa kan jijjiire ta’uun ibsameera.
Injifannichi tokkummaan ityoophiyaa kan itti cimeefi calaqqee bu’aa waltumsuu keenyaa ta’uun yaadatamaa tureera jedheera.
Ijoolleen Ityoophiyaa kallattii maraan sagalee tokkoon walitti qabamuun diina cabsuun birmadummaa biyyaa kan mirkaneessan ta'uun ibseera.
Faayidaan Ityoophiyaa waloon malee gargar ba'uun kan hin kabajamne ta'uu Adwaan agarsiiftuu ta'uun ibsichaan eerameera.
Ityoophiyaanoonni kaayyoo tokkoof tokkummaan wayita falmatan bu'aa akkamii galmeessuu akka danda'an injifannoon Adwaa akeektuu ta'uu himeera.
Injifannoo Adwaa kan Ityoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo ummataa gurraachaa Addunyaarratti argamanii ta'uu kaaseera.
Yaadama Paan Afrikaanizimii maddisiisuuf bu'uura kaa'uus himeera.
Tokkummaan, ga'umsi hoggansaa, murannoo,gootummaa fi cichoomni abbootiin waraana Adwaa yeroo kamiyyuu kan yaadatamu ta'uu tajaajilichi ibsa isaatiin himeera.
Yerichatti Ityoophiyaanonni rakkoo keessoo isaanii cinaatti dhiisuun birmadummaa biyyaa kabachiisuufi jabeessuuf waloon dhaabbachuun injifannoo Adwaa akka Gonfannu nu taasiseera jedha ibsi tajaajilichaa.
Dhaloonni har’aa gootummaa, tokkummaafi cichoomina kaayyoo abboota isaa injifannoo Adwaatti mul’ate dameewwan garaagaraan irra deebi’uu akka qabu yaadachiiseera.
Bara keenyas ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaan, haleellaa shororkeessitootaa qolachuun, Ashaaraa Magariisaaniifi dameewwan biroon gamtaan mul’ateefi bu’aan isaa bu’aa miira injifannoo Adwaan socho’uu quubsaa ta’uu kan nama hubachiisu ta’uu eerameera.
Dhaloonni har’aa tokkummaan dhaabbachuun imala badhaadhinaa galmaan akka geenyu injifannoo Adwaarraa barumsa fudhachuufi damee bobbaanerratti miira injifachuu abboota keenyaan wanta nurraa eegamu gochuu qabna jedheera.

Post a Comment

0 Comments