Dhimmi qaala’iinsa gatii yaaddessaa ta’eera

  



Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 27,2015(YMN) Rakkoon qaala’iinsa gatii lammiiwwan dararaa jira.Haala qabatamaa amma jiruun rakkoo kana kan hammeesse dhiyeessiifi fedhiin jiru walgituu dadhabuusaa akka ta’e odeeffannoowwan dhimma qaala’iinsa jireenyaa wajjin walqabachuun ba’an mul’isaa jiru.

Humnoonni mootummaa jijjiiramaa irratti jibba guddaa qaban haala kanattis fayyadamuu akka barbaadan shakkuun barbaachisaadha.Qindoominni dallaalonni qaamolee gara garaa wajjin uuman gatiin midhaanii haala hineegamneen akka dabalu taasisaa jira.Biyya akaakuu midhaanii gara garaa omishitu keessatti gatiin midhaan kamiiyyuu sadarkaa walfakkaataa ta’een nidabala jedhamee hineegamu.

Gatiin omisha Xaafii ulaagaa maalttiin akka malee dabaluudhaan kiiloon tokkichi birrii 80’tti gurguramaa?Haala qabatamaa amma jiruun omishi midhaanii kamiyyuu sadarkaa hineegamneen waan dabaleef keessumattuu hawaasni malaagota keessa jiraatu sadarkaa jireenyaa hammaataafi suukaneessaa ta’e keessa galuuf dirqameera.

Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaadhaan jiraniifi dhimmi isaan ilaallatu dhimmichaaf xiyyeffannoo kennuudhaan waan hojjechaa jiran hinfakkaatu.Wanti qabatamaan hojjetan utuu jiraatee onnachuudhaan waan qabataamaan jiru ummatatti himu jedhamee yaadama.

Waldaaleen hojii gamtaa kumaatamaan lakkaa’amaniifi Yuuniyanoonni gurguddoon biyya keenya keessatti humna guddaa akka horatan beekaman carraa amma jirutti fayyadamuudhaan ummata qaala’iinsa jireenyaatiin rakkoodhaaf saaxilame maalif dhaqqabuu dadhaban?

Waldaaleen hojii gamtaa muraasni magaalota keessatti omisha gara garaa dhiyeessaa jiranis garaa garummaan daldaaltoota kanneen biroo irraa qaban hinmul’atu.Isaanis akkuma daldaaltootaa dachaadhaan buufachuuf dogommii keessa waan jiran fakkaata.

Mootummaan Federaalaas ta’e mootummoonni naannolee dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan qindoominaan socho’uun rakkoo qaala’iinsa jireenyaatti fala waaraa yoo argamsiisuu baatan balaan gama kanaan uumamuuf jiru ol’aanaafi waan baay’ee abdachiisaa ta’ee jiru hunda baballeessuu akka danda’u tilmaamuun barbaachisaadha.

Haala qabatamaa amma jiruun rakkoon humna mootummaatii ol ta’uun rakkisaa ta’e nijira jedhamee hinyaadamu.Mootummaan humna gahaa qaba waan ta’eef dallaalootaafi abbootii qabeenya waan kana keessaa harka qaban hordofee sirreessuu danda’a.

Kana malees mootummaan humna rakkoo jiruuf fala waaraa barbaaduu danda’u hundeessuudhaan haala hawaasni gatii walsimaa ta’een omisha barbaadu kamiyyuu ittiin argatu uumuu danda’a.Hojiin kun caasaa mootummaatiif ulfaataa ta’a jedhamee hinyaadamu.

Hawaasni rakkoolee siyaasaa humnoonni badii xaxaa oolan obsuun mootummaa abdiidhaan eeggachaa jiru rakkoon qaala’iinsa jireenyaas itti dabalamee yoo dararamu mootummaa ofumaaf sagaleesaatiin filate shakkuun gara tarkaanfii yaaddessaa ta’etti deemuun isaa waan oolu miti.Gungummiin hawaasa keessatti amma qabatamaan dhaga’amaa jirus kanuma kan mul’isudha.

Kanaaf qaamoleen mootummaa hundumtuu rakkoon gama qaala’iinsa jireenyaatiin amma uumamee jiru furmaata waaraa akka argatuuf qindoominaan hojjechuudhaan hawaasa sababa qaala’iinsa jireenyaatiin mootummaatti mufate dhaqqabuudhaan haala yaaddessaa uumame jijjiiruutu irraa eegama!Humna horataniin socho’uudhaan hawaasa rakkoo irraa hinbaraaran taanaan umuriin isaaniis gabaabbachuu akka danda’u qalbeeffachuun gaarii ta’a.Fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments