Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 04.2015(YMN) Murtee dhinyeeyna kana manni marii bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa caaseffama Godina Boorana bahaafi bulchiinsawwan magaalota Oromiyaa hedduu irratti dabarse wajjin walqabatee Gujiifi Boranni akka hinta'uu hinqabnetti waldhabuusaanii quba qabna.
Numa jidduutti waldhabdeen uumamuun diina Oromoo hundaaf gammachuu ol'aanaa uuma.Dhugaa tana ammoo irra deddeebiidhaan agarree turre.Baranas waanuma barame agarre.
Oromoota jidduutti garaa garummaan uumamuun humnoota diigama Oromoo barbaadan hundaaf haala mijaawaa uuma.
Dhimma Nageellee irratti waldhabuun waan ta'uu hinqabnedha.Sirraa'uu qaba.Tun ammoo walhubachuudhaan ta'uuu qabdi.Dubbii jarjartiidhaan ilaaluurra tasgabbiidhaan ilaaluutu haala gaarii uuma.
Manni marii mootummaa Oromiyaa murtee dabarseen wanti dogongore yoo jiraate mariifi ilaafi ilaameedhaan sirraa'uu danda'a.Garuu ammoo mootummaan akka mootummaatti murtee hawaasa fayyadu malee murtee hwaasni ittiin dararamuufi ittiin miidhamu dabarsa jedhamee yaadamuu hindanda'u.Mootummaan akka mootummaatti ummata ofiif bulchu irratti daba hinhojjetu.Bu'aa akkamii argachuuf itti yaadee kana raawwata?Sadarkaa keenya bira dabarree Itiyoophiyaan keenyadha,Gaanfa Afrikaatuu waltaasifna,kanaafis ga'uumsa qabna jennee hojechaa utuu jirruu walitti deebinee waldhabuun medaallii kamiiniyyuu sirrii hinta'u.
Namoota dhuunfaa bira hanqinni yoo jiraate mariidhaan sirreessuutu danda'ama.Nammoonni dhuunfaa beekaa ta'e jedhanii itti qophaa'anii waan badii hojjetu yoo ta'e ammoo dura dhaabbachuudhaan seeraan gaafachuun nidanda'ama.
Sababa Nageelleetiin waldhabuudhaan lubbuun namaa darbuun waan Oromoo hunda saalfachiisudha.Saalfii keessaa nubaasaa!Booranni,Nageelleen,Gujiin humdumtuu kan Oromoo hundaati.Waan qabeenya nuhundumaa ta'e irratti waldhabuun,fudhatama hinqabu.Kanaaf Oromoo koo walhaa hubannu!Diinni keessaafi alaa nutti kolfa.Wanti hundumtuu ilaafi ilaameedhaan fala waaraa argachuu danda'a waan ta'eef isa kana irratti xiyyeeffachuutu barbaachisaadha.Jaarsoon jaarsi biyyaa kana gorsa fudhadhaa!
0 Comments