Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 17,2015(YMN) Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhimmoota wayitaawaa irratti jiraattoota wajjin har'a akka mari'ate himeera.
Odeeffannoon waajjira bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa argame akka mul'isetti haala ciminootaafi milkaa'inoota jiran itti fufsiisuun danda'amu irratti qondaaltoonni ol'aanaan bulchiinsichaa jiraattoota wajjin marii bu'aa qabeessa taasisaniiru.
Waltajjii marii kana irratti hanqinoota Finfinnee keessatti mul'ataniifi dhimmoota xiyyeffannoo barbaadan irratti kallattiin akka kaa'ame eerameera.
Waltajjii marii kana kan hoogganan kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee,itti aanaa isanii obbo Zyaanxiraar Abbaayiifi itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee obbo Mogas Baalchaa akka ta'an beekameera.
0 Comments