Immaahooy Tsiggeemaariyaam(Yewubdaar) jaarraa tokkoo jiraatanii boqotan

  



Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 18,2015(YMN) Immaahooy Tsiggemaariyaam Gabruu umurii jaarraa tokkotti boqotaniiru.

Akka lakkoofsa Itiyoophiyaa bara 1915 kan dhalatan Immaahooy Tsiggeemaariyaam maaqaan isaanii addunyaa Yewubdaar Gabruu jedhama.Moggaasa sirna amantaatiin Tsiggeemaariyaam jedhaman.

Odeeffannoowwan dhimma boqonnaa isaaniirratti ba'aa jiran akka mul'isanitti isaan haadha muuziqaawwan Itiyoophiyaa akka ta'an himan.Hojii muuziqaa Piyaanootiin moggaasa maqaa'Giiftii Piyaanoo'jedhu akka argatan himama.

Muddee 04 bara 1915 abbaa isaanii Kantiibaa Gabruu Dastaafi haadha isaanii adde Kaasaayee Yeelamtuu irraa kan dhalatan Yewubdaar Gabruu biyya Siwiizarlaanditti umurii waggaa 6ffaa irratti muuziqaa barachuu jalqaban jedhameera.

Addunyaa kanarra jaarraa tokko jechuunis waggaa 100 erga jiraatanii booda Israa'eel Iyyaruusaaleemitti akka boqotan beekameera.


Post a Comment

0 Comments