Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 08 2015(YMN) Warri nuun mormaniiifi morma keessan qabuudhaan araat kiiloodhaan isin baafna jechuun nutti dhaadachaa jiran tibbana waa nutti himaa jiru.Dhugaafi shira isaanii barame ta'uufi dhiisuusaa saa hanga ammaatti adda hinbaafanne.Garuu ammoo wanti isaan Jawaar raawwate jedhan dhugaa taanaan Oromoo hundatti oduu aagaa himaa jirtu galatooma! jennaan.
Yoo quba qabaachuu baattan Jawaar Mahaammaad ‘taayitaan biyya
bulchuu Oromoo harkaa ba'uu hinqabu’
jechuun ejjennoo qabatee hojjechaa jira.Jawaar hidhattoota bosona
jiraniinis ‘qawwee lafa kaa'aa’ jechuun dhaameera jedhan.
Jawaar kallattii qabsoo fuulduroo barreeffama fuula 76 qabuun
kaa'eera jedhanii nutti himan.Waan isaan jechaa jiran kana nuti hanga ammaatti
hinmirkaneeffanne.Barreeffamni Jawaar toora keessaatiin raabseera jechuun isaan
odeessaa jiranis hanga ammaatti nundhaqqabne.Kanaaf qabiyyee barreeffama Jawaar
guutuutti hinbeeknu.Kanaaf waan gadifageenyaan hinbeekne irratti akka malee bal’ifnee
dubbachuu hinfeenu.
Haata'uutii wanti isaan shira itti dibuudhaan odeessaa jiran kan
Oromoo hunda fayyadudha malee kan miidhudha jedhamuu hindanda'u.Jawaar
Mahaammad taayitaan abbaa biyyummaa Oromoo harka turuu qaba jechuun ejjennoo
yoo qabate nideeggarama malee gonkumaa hinbalaaleeffatamu.Oromoon kamiyyuu waan
kana nibalaaleeffata jedhamee hinyaadamu.Kanaan dura sababa beekumsaafi
hubannoo dhabuutiin hangam akka miidhame beeka waan ta’eef huromoon hundumtuu
waan Oromoo gamteessu irratti gufuu hinta’u.
Oromoon seenaa darbe yaadachuudhaan lammata gabroomuu irraa of
tiksuu qaba.Seenaan akka himutti kanaan dura Ijoolleen Oromoo qaaliin biyya
bulchuu danda'an shira tooftaa diinni itti shireen haala nama gaddisiisuun
galaafatamtee hafte.
Hooggansi Oromoo amma jirus akkaatuma abbootiin diinaa dur
raawwataniin akka maqfamaniif jarri waan dandeessu hunda gochaa jirti.Kanaafis
waliif birmachaa akka jiran quba qabna.Kana malees tarsiimoowwan gara garaa
bocachuudhaan socho’aa akka jiran hubachuun barbaachisaadha.Dhimma
tarsiimoowwan isaan qopheffachuudhaan ittiin socho’aa jiran haala qabatamaa
jiru wajjin barreeffamaan tokko tokkoonin isiniif dhiyeessa waan ta’eef
hordofaa.Gocha isaan raawwachaa jiran saaxiluudhaan dura dhaabbanna!
Kanaan dura haala Dr.Hayilee Fidaafi qabsaa'onni Oromoo
beekamoon ittiin dhabamsiiffamaniin hooggansa amma jirus dhabamsiisuuf
wixiffatanis gonkumaa akka hindandeenye
dura dhaabbannee itti himuu qabnna.
Akkuma weellisaan dur’Yaabaallee sarariitii namni yartuun nama
miiti’jedhee weellise sana ta’uu danda’a waan ta’eef yartuuwwan amma jiran
ekeraa abbotii isaanii hordofuun waan karoorfatanii itti qophaa’an
raawwachuudhaan miidhaa geessisuu danda’u waan ta’eef miidhama lammataa irraa
of baraaruuf Oromoon hundi dhugaa jiru qalbeeffachuudhaan kutannoodhaan
dhaabbachuun dagachuu hinqabu.
Gama kanaan wanti Jawaar Mahaammad hojjechaa jira jedhan sun
faayidaa qaba jechuun waan fudhachuun danda’amudha.Tarsiimoo Jawaar kanaan
tokkummaa Saba Oromoo sababoota adda addaatiin jidduutti akka qabbanaa’uu ta’e
deebisuudhaan daran finiinsuun nidanda’ama.
Oromoon tokkummaadhaan sochoonaan ammoo wanti tokkummaa Oromoo
caalaa isaan sodaachisu akka hinjirre beekamaadha waan ta’eef gamtoomuu Oromoo
ilaaluudhaan jarri shiraan deemaa jirtu adabattee taa’uu dandeessi.Tokkummaa Oromoo
dura humni dhaabbachuu danda’u gonkumaa akka hinjirre beekamaadha.
Kanaaf komiiwwan xixiqqoo sababoota gara garaatiin uumaman
ammaaf dhiisuudhaan dhimma gamtaafi tokkummaa Saba Oromoo irratti sirritti
hojjechuun dhimma xiyyeeffannoo guddaa argachuu qabudha.Oromoon yoo tokkomee
socho’e wanti dhabu tokkollee akka hinjirre beekamaadha.Yoo tokkoomnu firas
baay’ifachaa deemuun barbaachisaadha.Hammattummaa keenya barameen kanneen
shiraan ala jiran kunuunsuun ofitti qabuun jajjabeessuun dagatamuu hinqabu.Fayyaa
ta’aa!
0 Comments