Magaalaa Finfinneetti tajaajilli geejiba Baajaajii jalqabameera




Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 09,2015(YMN) Tajaajilli geejiba Baajaajii Magaalaa Finfinneefi naannawasheetti sababoota amansiisaa gara garaatiin torban tokkoo oliif dhorkamee ture har'a jalqabeera.

Biiroon geejiba Finfinnee ibsa kaleessa waaree booda kenneen fageenya kamiiniyyuu birrii 5 caalaa kaffalchiisuun gonkumaa hindanda'amu jedheera.
Ibsi biiroo geejiba Finfinneetiin kenname akka mul'isetti qajeelfamni tajaajilli geejibni Baajaajii ittiin hoogganamu qophaa'ee hojiirra akka oolu taasifameera.
Haala kanaan dura tureen konkolaachiftoonni Baajaajii kallattiiwwan Magaalaa Finfinnee kamirrattuu hojjetan taarifaan ala akka barbaadanitti gatii dabaluudhaan hawaasa fayyadamu dararaa turan.
Murteen darbe tajaajila geejiba Baajaajii seeraan ala ta'uudhaan hawaasa irratti miidhaa geessisaa ture sirreessuuf kan gargaarudha,jedhamee yaadama.
Abbootiin qabeenyaafi konkolaachiftoonni Baajaajii akkaataa kallattii mootummaan kenneen haqaan hawaasa tajaajiluudhaan fayyadamtummaa isaanii itti fufsiisu jedhamee eegama.Kallattii mootummaan kaa'e kana kabajuudhaan tajaajila kennuu yoo didan guutummaatti sarara irraa baafamuudhaan miidhama ol'aanaadhaaf saaxilamuu danda'u waan ta'eef of eeggannoo cimaa taasisuun hawaasa tajaajiluutu isaan irraa eegama.
Mootummaan sochii seer-maleessa damee kanaan jiru qalbeeffatee tarkaanfii fudhachuun gochi seeraan alaa akka itti hinfufneef murtee cimaa waan dabarseef hawaasa fayyadamaa biraa galata guddaa qaba. 

Post a Comment

0 Comments